Pirezidant Baayidan fi al-Sisiin waa’ee hidha Abbayyaa mari’achuun isaanii dhagahame

Madda suuraa, Egypt President office
Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidaniifi Pirezidantiin Masrii Abdulfattaah al-Sisii guyyaa Sambataa Sa’udii Arabiyaa keessatti wal arguun dhimmoota naannawaafi idil-addunyaa mari’achuun isaanii ibsame.
Yeroo kanatti ture dhimma hidha Laga Abbayyaa Itoophiyaan ijaaraa jirtuurrattis mari’achuun isaanii kan dhagahame.
Tibbana Pirezidant Baayidan biyyoota Giddugala Bahaatti daawwannaa taasisaa jiru. Imala isaanii Israa’el irraa eegalanii gara Sa’udii Arabiyaa imalaniiru.
Marii biyyoota Arabaa Sa’udii Arabiyaatti taasifame biratti ture al-Sisii waliin kan mari’atan.
Marii hogganoota lamaan booda waajjirri pirezidantii US fi kan Masrii ibsa baasaniin, hoogganoonni lamaan dhimmoota waloorratti mari’achuu ibsan.
Dhimmoota mari’atan keessaa hidhi laga Abbayyaa Itoophiyaan ijaaraa jirtu tokkodha.
Akka waajjirri isaanii ibsetti, Pirezidant Sisiin dhimma hidha kana ilaalchisuun Masriin karaa wabii mirkaneessuun ''waliigaltee seeraarra akka gahamu'' ejjennoo qabdu Baayidaniif himaniiru.
Pirezidant Baayidaniis Ameerikaan wabii bishaanii Masrii akka deeggartu himan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dabaluunis, furmaatni gama dippilomasii nagaafi badhaadhina naannichaaf gumaachu, akkasumas faayidaa hunda kabachiisuurra akka gahamu akka fedhan ibsi Waayit Haawus eera.
Ibsi waajjira pirezidantii US irraa bahe, hoogganoonni lamaan Fulbaana waggaa darbe ''ibsa pirezidantii mana maree nageenyaa UN’n irratti akka eerameefi bu’uura seera idil-addunyaan'' osoo hin turiin waliigalteerra gahuun barbaachisaa ta’u himaniiru.
Joo Baayidan gara aangootti erga dhufanii sarbama mirga namoomaa Masrii keessa jiruun walqabatee hariiroon biyyoota lamaanii qabbanaa’ee ture.
Ameerikaan bara bulchiinsa Donaald Tiraamp dabalatee waldhibdee Itoophiyaa, Sudaaniifi Masrii gidduu dhalate jaasrummaan furuuf carraaqaa turte.
Fedhii Masriin taajjabaa akka ta’an kan filataman US fi Baankiin Addunyaa, Masriif caalsisaniiru akkasumas Itoophiyaarratti dhiibbaa uumaniiru jechuun Itoophiyaan komachuun marii kana keessaa baatee turte.
Hidhi Itoophiyaan laga dheerinaan guddicha ta’e Abbayyaaratti ijaaraa jirtuun xumuramuuf jira.
Gaafa xumurame pirojektiiwwan madda elektirikii Afrikaa keessa jiran keessaa tokkoffaa ni ta’a.
Masriifi Sudaan osoo waliigalteen hin taasifamiin bishaan guutamuu hin qabu jedhanis, Itoophiyaan marsaa lamaaf bishaan guutteetti. Baranas kan sadaffaaf qophaa’uu himte.
Tarbaayinoota 13 hidhi Abbayyaa qabu keessaa Guraandhala darbe tarbaayiniin tokko elektirikii maddisiisuu eegaluu Itoophiyaan ibsiteetti.
Hidhi kuni gaafa xumurame meggaa waatii 5000 ol maddisiisuu danda’a jedhameera.












