Xiyyaarri Booying 737-800 balaliif ka’aa osoo jiruu haguggiin mootaraa irraa foxxoqee kufe

Madda suuraa, Getty Images
Xiyyaarri Daandii Qilleensa Ameerikaa Saawuz Weest ta’e Booying 737-800 osoo balaliif ka’aa jiruu haguuggiin mootarasaa waan irraa kufeef qorannoon gaggeeffamaa jiraachuun barame.
Xiyyaarri Teksaas Hiwuustanii ka’aa ture kun haguuggiin motarasaa yoo irraa ka’e baallee xiyyaarichaa rukutee ture.
Xiyyaarichi imaltoota 135 fi hojjattoota xiyyaaraa 6 qabatee kan ture yoo ta’u, osoo rakkoon gara biraa isa hin mudatiin dura buufata xiyyaara Deenvar qubachuu danda’eera.
Taateen xiyyaara Booying kana mudate kun dhaabbata xiyyaara omishu guddicha Booying nagenyummaa isaa irratti gaaffiileen ka’aa wayita jiranittidha.
Daandiin Qileensaa Saawuzweesti haguuggii mootara xiyaaraa irraa foxoqee kufe kunis qaama xiyyaaraa oggeessoota daandii qilleensaatiin suphamu ta’un mirkanaa’eera. Garuu attamiin foxoqee kufuu akka danda’e ilaalchisuun qorannoon gaggeeffamu eegaluu himameera.
Daandiin qilleensichaas taatee kanaan wal qabatee rakkoo imaltoota mudateef dhiifama kan gaafate yoo ta’u, nageenya imaltootaafi hojjattootaa mirkanneessuun dhimma xiyyeeffannaa olaanaan kennamufidha jedheera ibsa baaseen.
Bulchiinsi Aveeshinii Federaalaa Ameerkiaa (FAA) akka jedhetti, xiyyaarri haguuggiin mootaraa irraa kufe kun kan omishame bara 2015 keessa ture.
Xiyyaarri Booying 737-800 kunis kan Booyingi 373-800 Max waa’een nageenyummaasaa irratti gaaffiin ka’aa jiru dura kan omishamedha.
Xiyyaaroonni lamaan kunneenis kan mootarri CFM56 kaampaanii waloo General Electric Aerospace fi Safran Aircraft Engines’tiin omishame qabanidha.
Taatee kana hordofuunis gaaffii BBC dhaabbata Booyingiif dhiyeesseef deebii hin arganne.
Imaltoonni xiyyaara Saawuzweest erga sa’aatiiwwan sadiif guyyaafatanii booda, xiyyaara gara biraatiin gara silaa imaluu qabanitti imaluun barameera.
Dhaabbanni omishaa xiyyaara Ameerikaa -Booying taateewwaniifi balaawwan xiyyaaroota 737 Max mudatan irratti gaaffiin nageenyaa irratti ka’aa jira.
Waggoota muraasaan dura xiyyaaronni 737 Max-8 Daandii Qilleensa Itoophiyaafi Indoneeshiyaa balaan mudatee lubbuun namoota 346 galaafachuunsaa ni yaadatama.
Balaawwan kanneen hordofuudhaanis addunyaa maratti xiyaaroonni Boyngi 737 Max-8 baatiiwwan 18’f hojiirraa dhorkamanii ture.
Baatiiwwan muraasa dura ammoo xiyyaarrii Daandii Qilleensa Alaaskaa 737 Max-9 osoo balali’aa jiruu qilleensarratti karriisaa foxxoqee ijoo dubbii ta’e ture.
Daandiin Qilleensaa Alaaskaa taatee kana hordofuun kisaaraa dolaara miliyoona 160 irra qaqqabee Dhaabbanni Booying kanfaleefiira.












