Suuraalee gulaalamuun jijjiiraman akkamiin adda baafna?

Addunyaa suuraaleen daqiiqaa muraasa keessatti jijjiiramuu danda'an, yookis guutummaatti hubannoo nam-tolcheen (AI) tolfaman kana keessa, waan ijaan arginu hunda amanuun rakkisaa taha dhufeera.

Maloonni suuraalee ittiin tuttuquun ykn gulaaluun jijjiiran (manipulate) daran walxaxaa dhufuun, bara ammaa waanti soba tahellee yeroo ittiin waan dhugaa fakkaaturra geenyeerra.

Suuraalee ykn fakkiiwwan akkasii ammoo oduun sobaa akka faca'uuf sababa tahu. Akkasumas filannoo dabalatee taateewwan gurguddoo irratti yaada ummataarra dhiibbaa fiduu danda'u.

Odeessi kuni rakkoo callaa miti, falas qaba.

Suuraan tokko gulaalamuu/jijjiiramuu ykn hubannoo nam-tolcheen midhaaffamuu malli ittiin beeknu ni jiraa?

Calaqqeessaa fi gaaddidduu

Ifni al-idilee tahe yeroo hedduu, suuraan tokko tuttuqamee gulaalamuusaaf mala ittiin adda baasnu isa jalqabaati.

Ija namaa keessa bakkeewwan ifni jiru ilaalaa. Fakkeenyaaf, maddi ifaa/ibsaa gara caalu ijasaanii keessaa balaqqeessa.

Hangaa fi haalluun bakka jiran wajjin wal hinsimu taanaan, yookis ija lamaan jidduu garaagarummaan jiraannaan, sababa itti shakkitan keessaati.

Gama kaaniin namni yookiin meeshaaleen iddoowwan calaqqisan keessa akkatti mul'atanis ragaa nuu kenna.

Suuraan tokko suuraalee garagaraa walitti fiduun hojjetameera taanaan, gaaddidduun namootaa ykn meeshaalee wal hin simu.

Haatahu malee, asirratti waanti quba qabaachuu qabnu, suuraalee garii keessa maddi ifaa garagaraa jiraachuun ni mala.

Kana malees fuula namootaa irratti akkatti ifni ifu xiinxalaa ilaalaa. Fakkeenyaaf, aduun duuba nama sanaa jirti taanaan, gurrisaanii diimachuu danda'a.

Hubannoon nam-tolchee (AI) ifaa fi gaaddidduu wal hinsimne oomishee baasuu danda'a. Garuu hanguma algorizimiin isaanii fooyya'aa adeemu, adda baasuun cimaa adeema.

Harkaa fi gurra

Malli inni biraan itti dhimma bahuu dandeenyu, qaamolee akka salphaatti uumuu hin dandeenye xiyyeeffannoon ilaaluudha.

Haala amma jiruun Hubannoo Nam-tolchee [AI] harkaa fi gurra midhaassuu irratti hanqina qaba - bocasaanii baballeessa, yookaan hangaafi lakkoofsa qubaa fa'i waliin dhaha.

Qaamoleen kunniin artistoota fakkii kaasanifillee kan rakkisaadha jedhamanidha.

Haatahu malee, suuraalee ykn fakkiiwwan AI irraa midhaaffaman kaan garmalee walxaxaa fi waan lafarra jiru fakkaachaa adeemaa jiru - kana qalbeeffachuun barbaachisaadha.

Kana keessa kan sirriitti ilaaluu qabdan - qubni harkaa bakkaafi hanga uumamaan alatti mul'achuu, akkasumas haalli taa'umsa uffataas karaa nutti agarsiisuu danda'a.

Odeeffannoo keessa jiran ilaalaa

Suuraalee dijitaalaa ykn kompitara keessa jiran hunduu odeeffannoo ofkeessaa qabu.

Kaameeraan suuraaleen kaafaman hunduu, odeeffannoon 'metadata' jedhaman wajjin barraa'u.

Metadata'n suuraa dhugaa fi dharaa adda baasuuf nu qarqaaruu danda'a.

Isaan keessaa tokko yeroo suuraan sun itti ka'edha - timestamp. Fakkeenyaaf, malli kun bara weerara Koovid 2020 keessa, Pireezidantiin duraanii US Donaald Traamp, erga vaayirasichaan qabamuu himan guyyaa tokkoon booda, Waayit Haawus keessa hojiirra turanimoo hin turre gaaffiin jedhu akka ka'uuf sababa ta'ee ture.

Suuraa tokko keessaa, yoo ta'e jedhamee balleeffamuu baate, odeeffannoowwan kanneen akka: guyyaa, eenyuun, maqaa faayilii, hanga kompitararraa, iddoo (GPS), gosa kaameeraa ittiin ka'e fa'i argachuu dandeenya.

Kanaafis sirnoota gargaaran intarneetarraa argachuu dandeessu.

Appiiwwan ittiin adda baasan

Dhaabbileen intarneetaa kanneen akka Google, maloota (tools) suuraalee AI'n tolfaman namoonni adda ittiin baasuuf isaan qarqaaru beeksisaniiru.

Facebook fi Instagram gamasaaniin suuraalee AI'n tolfaman irratti barreeffama maxxansuu eegalaniiru.

Kun garuu oomishaalee AI dhaabbata Meta'n tolche irraa kanneen dhufan qofaaf yoo tahu, dhaabbilee AI kaanirraa suuraalee dhufan irratti akeekkachiisa maxxansuuf hojjechaa jiru.