Ejjennoo rifaasisaa Ameerikaan baqattootaafi gaaffii koolugaltoota ilaalchisee fudhatterratti kan beeknu

Loltuu Ameerikaa baqattoota eega ajiru

Madda suuraa, Reuters

Eegdonni biyyaalessaa lama Roobii darbe Waayit Haawusirraa fageenya dhiyoorratti haleellaan rasaasaan rukutamanii balaa guddaan irra gahee ture.

Pirezdaantiin Ameerikaa Donaald Traamp Kamisa darbe kanneen rukutraman tokko yoo lubbuu dhabu, lammaffaan haala ulfaataa keessaa jiraachuu ibsanii turan.

Lammiin Afaangaanistaan haleelaa kanaaf shakkame hidhaa jira. Haleellaa kanaaf deebii kennuuf Tiraamp loltoota biroo 500 magaalaa guddoo biyyattiitti akka bobbaasu hime.

Walitti dhukaasa dhiyeenya Waayiy Haawusitti raawwatameen maaltu mudate?

Roobii waaree booda miseensota eegdota biyyaalessaa lama wiirtuu magaalaa Waashingtan Diisitti kan argamu Addababaayii Faaraagaat dhiyeenyarratti dhukaasi itti banamee rukutaman.

Loltoonni lamaan iddoo hojjettoonni laaqanaaf bahan irra sosocho'an daandii 17ffaa fi 1ffaa cinaarra turan.

Gargaaraan ajajaa Poolisii Metroopoolitaan Waashingtan Diisii Jeef Kaarool shakkamaan, "cinaarraa dhufee" battaluma dhukaasuu eegale" jechuun loltoonni daguutti haleelamuu hime.

Gorsaan kantiibaan magaalaa Waashingtab Diisii Murii'eel Boowusar, taateen kun haleellaa karoorfame ta'uu ibsan.

Haleellaan kun bakki itti raawwate Waayit Haawus irraa dhiyeenyarratti kan argamu ta'uusaan qaamoleen seera kabajchiisan hedduu achi waan jiraniif miidhamtoota lamaaniif gargaarsa yaala fayyaa gochuu fi nama hidhatee haleellaa raawwate qabuuf saffisan achi gahanii turan.

Eegdotni biyyaalessaa lamaan gara hospitaalaa kan fudhataman yoo ta'u, takka hospitaalatti duutee jirti.

Wayita haleellaan kun raawwatu Pirezdaant Traamp ayyaana Galateeffannaa Ameerikaa jedhamu dura mana isaanii Filooriidaa Maar-a-laagoo turan jedhama. Waayit Haawus hin turre.

Loltoota Ameerikaa rasaasaan dhahaman

Madda suuraa, Reuters

Waayee miidhamtootaa maal beekna ?

Miidhamtoonni lamaan nama ganna 20 Saaraa Beekistroomii fi nama ganna 24 Andiriiwu Woolf jedhamu. Lamaan isaaniiyyuu Yunifoormii miseensota eegdota biyyaalessaa Lixa Viirjiiniyaa uffatani.

Beekistroom Kamisa lubbuun ishee dabruu Traamp dubbate. Woolf irra deddeebiin dhukaasa itti dhukaafameen haala yaaddessaa keessa jira.

Abbaan alangaa Poom Boondii Fooks Niiwusitti akka himetti, Saaraa Beekistroom waytii ayyaana "Galateeffannaa (Taankisgiiviingii) fedhiidhaan magaalaa guddoo biyyattiitti bobbaafamte.

Ishee fi loltoonni biyyaalessaa kuun warri kaan akka maatii isaanii waliin oolan fedha isheetiin dalagaaf bobbaate jedhe Abbaan Alangaa.

Waayee shakkamaan hoo maal beekna?

Waajjirri nageenya biyyaalessaa shakkamaan Raahmaanullaah Laakaanwaal "Yakkamaa Afgaanistaanii dhufe" jechuun ibse. Shakkamaan kun wayita to'annoo jala ooletti si'a Afur rasaasaan rukutamuu maddeen qaamolee nageenyaa ibsuu isaanii CBS gabaase. Dargaggeessi ganna 29 Laakanwaal yaada kennuuf diduu aangawoonni himan.

Bara 2021 keessa Ameerikaa dhaquun isaa kan hiumamu Laakanwaal haadha warraa fi ijoollee isaa Shan faana kutaa bulchiinsa Waashingtan biraa keessa jiraachaa ture.

 Shakkamaan Raahmaanullaah Laakaanwaal

Madda suuraa, Reuters

Raahmaanullaah Laakaanwaal akkamiin Ameerikaa dhaqe?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Laakaanwaal bara 2021 keessa gara Ameerikaa kan dhufe hojmaata "Oppireeshin Allaay Weelkaam" jedhamu bara bulchiinsa Baayiden keessa tureen ta'uu gabaafame.

Ameerikaan lola waggaa 20'f Afgaanistaan keessatti gaggeessaa turte booda bara 2021 haalli hammaannaan gadhiiftee baate. Kana hordofee lammiilee Afgaanistaan kuma kurnanin lakkaawamaniif sagantaan eegumsa addaa qophaayee Ameerikaa galan.

Kun kan ta'e loltoonni Ameerikaa Afgaanistaan keessaa bahuu hordofee wayita gaaga'amni dhalatetti.

Taalibaan biyyattii to'atee wayita ture lammiilee Afgaanistaan Ameerikaa waliin tumsaa turan irratti tarkaanfiin haaloo bahuun fudhatamuu danda'a sodaan jedhu turee jira.

Tajaajilli Qorannoo Kongiresii akka tilmaametti loltoonni Ameerikaa Afgaanistaan keessaa bahuu booda waggaa tokko keessatti lammiileen Afgaanistaan 77,000 dawoo Eeegumsa Addaa Immigireeshinii jalatti gara Ameerikaa galanii jiru.

Laakanwaal Afgaanistaan keessatti loltoota Ameerikaa faana hariiroo qabaachaa akka ture Daarektarri FBI Kaash Paateel hime.

Daarektarri CIA Joon Raatkiliif gama isaatiin isaan waliin tajaajila basaasaa hojjechuu himan. Laakanwaal bara 2024 keessa iyyanni koolugaaltummaa galfate jalqaba bara kanaa keessa fudhatama argachuu aangawaan tokko BBC'tti himeera.

Yakkoota maaliin himatamuu mala?

Abukaatoon Waashingtan Diisii Jeeniin Piiroo himanni haleellaa duraa shakkamaa irratti baname gara himata ajjeechaatti akka jijjiiramu himan.

Bulchiinsi jalqaba Laakanwaal humnoota nageenyaa ajjeesuuf yaaduun himannaa haleellaa sadii fi yakka yeroo jeequmsaa meeshaa waraanaa hidhachuun akka himatamu beeksise.

" Ajjeechaa dursee karoorfamee dha. Namoota waa dhufa jedhanii hin yaadin haleeluuf shugguxii qabatee dhokatee daguuf eeggachaa ture" jechuun Piiroon Jimaata darbe Fooksi Eend Freendsitti himanii turan. "Ajjeechaa dha. Kanaafuu amma kan ilaallu yakka ajjeechaa ti."

Bulchiinsi Traamp deebii akkamii kenne?

Haleellaan kun raawwatamee sa'aatii muraasa booda Tiraamp, Poolbiich kan Filooriidaatti kan argamu Maar-a-laagoo kesssaa ergaa dabarse.

Haleellaan kun "gochaa shororkeessummaa" fi "yakka namoomarratti raawwatame" jechuun ibse.

Traamp loltoota amma jiran 2,200 biratti loltoota biyyaalessaa dabalataa 500 gara Waashintan Diisii akka bobbaasu dubbate.

Loltoonni biyyaalesaa akka loltoota waraanaatti kan tajaajiluuf bobbaafamuu kan danda'an humna eeggatoowwani. Garuu, seera kabajchiisuu yknm hidhuu waan hin dandeenyef bilisummaa aangoo daangeffame qofa qabu. Traamp Hagayya darbe magaalaa Guddoo biyyattii keessatti "yakka to'annoon alaa" qolachuuf jechuun loltoota bobbaasee ture.

Loltoonni kunneen erga bobbaafamii booddee magaalaa guddittii biyyattii keessatti yakki waliigalaan hir'ateera. Kunis Traamp loltoota daandiirra bobbaasuu waliin akka wal qabatu ibsa.

Bulchiinsi Traamp maalummaa shakkamaa kanaa ol kaasee ibsuuf Adeemsa baqattoota Afgaansitaanii fi biyyoota biroo Ameerikaa dhufanii cimsuuf kan akeekan tarkaanfiiwwan ciccimaa ifoomseerra.

Roobii guyyuma haleellaan kun wayita raawwatetti iyyanni baqattoota Afgaanistaan hundaatuu uggurameera.

Bariitee immoo Tajaajilli Lammummaa fi Immigireeshin ii Ameerikaa heyyama jireenyaa fi hojii lammiilee biyyoota 19 Ameerikaatti baqataniif kennee ture keessa deebi'ee akka qoratu ibse.

Traampis asiin dura lammiileen biyyoota hiyyeeyyii akka Ameerikaa hin seenne "Dhorkaa Fulla'aa" kaawuuf karoorsuu hime.

Itti-gaafatamaan Tajaajila Lammummaa fi Immigireeshinii Jooseef Eedloow Jimaata darbe fuula X isaaniirratti ergaa maxxansaniin, Bulchiinsi Tiraamp tokkoon tokkoo gaaffiin koolugaltummaa lammiilee alaa dhufanii, hamma danda'ametti sadarkaa olaanaan hanga qoratamuu fi qulqullaawutti murtoon kennamu ni dhaabbata" jedhan.