Google yeroo kirikirri lafaa Turkiitti mudate namoota miiliyoona 10 akeekkachiisuu dhabuu amane

Madda suuraa, EPA
Google yeroo balaan kirkira lafaa bara 2023 Turkiitti mudate qixa sirrii ta'een uummata akeekkachiisuu irratti hanqina uumuu amaneera.
Namoonni miiliyoona kudhan iddoo balaan kun itti mudaterraa fageenya kiilomeetira 158 ta'urratti argaman Google irraa akeekkachiisa of eeggannoo argachuu qabu turan.
Sekondii 35 keessatti bakka naga qabeessa ta'etti akka socho'an akeekkachiisi isaan ga'uuti irra ture.
Kirkirri lafaa inni jalqabaa magniitiyuudii 7.8 qabu wayita mudatu ergaan ''Tarkaanfii fudhadhaa'' jedhu namoota 469 qofa qaqqabe.
Google BBCtti akka himetti namoonni miiliyoona walakkaa ta'an akeekkachiisa sadarkaansaa akkaan gadi bu'aa ta'e argatan.
Akeekkachiisi kunis ''kirkira lafaa salphaa ta'eef'' kan kennamu yoo ta'u, akkaataa cimina balaa kanaan hawaasa saaxilamoo ta'an kan tajaajilu miti.
Kubbaaniyyaan teeknooloojii guddichi kun kanaan dura sirni akeekkachiistuu ergu kun ''akka gaarriitti hojjechuu'' BBCtti himee ture.
Sirni kun bilbiloota andirooyidii Turkii keessa jiran dhibbeentaa 70 ta'an irratti kan hojjetudha.
Balaa kirkira lafaa Guraandhala 6, 2023 yeroo lama kibba baha Turkiitti mudateen namoonni kuma 55 caalan yoo du'an, kuma 100 kan ta'an miidhamaniiru .
Dambaliin balaa kirkira lafaa kun gamoo namoonni hedduun keessa rafaa turan rukutuun miidhaa guddaa qaqqabsiise.
Wayita balaan kun mudatutti sirni akeekkachiistuu duraa Google kallattiidhaan tajaajila kennaa ture, garuu tarkaanfii cimina balaa kanaa madaalu hin fudhanne.
Akkamiin hojjeta?
Sirni Google Android Earthquake Alerts (AEA) jedhamuun beekamu bilbiloota andirooyidii ta'anirraa sochii lafaa adda baasuu danda'a.
Kirkira lafaa birqabaan suuta jedhee lafa keessa waan deemuuf, yeroo taateen kun adda ba'utti saffisaan akeekkachiisuun ni danda'ama.
Akeekkachiisi Googole inni xiyyeeffannaa guddaan ilaalamu ''Tarkaanfii fudhadhu,'' kan jedhudha.
Bilbilli keessan ''Do Not Disturb'' kan jedhurra yoo jiraatellee sanarra darbee iskiriinii bilbilaa irratti akeekkachiistuu agarsiisa.
Wayita kirkirri lafaa hamaan akkanaa mudatu akeekkachiisa akkasiitu ergamuu qaba.
AEA akeekkachiisa kanarra salphaa ta'es qaba: ''Be Aware'' kan jedhamudha. Kun ammoo kirkirri lafaa salphaan mudachuu kan uummata akeekkachiisudha.
Akeekkachiisi inni salphaan kun akka isa cimaa sanaa bilbila isin ''Do Not Distrurb'' irra keessan irra darbee ergaa hin mul'isu.
Hanqinoota
Qorattoonni Google dogoggora uumame ilaalchisuun waan adda baasan joornaalii Saayinsii irratti maxxansaniiru.
''Algoorizimii waa dursee adda baasu irratti hanqinoota'' turan jechuun bu'aa qorannoosaanii ibsan.
Fakkeenyaaf kirkira lafaa isa jalqaba mudaterratti sirni Google akeekkachiistuu ergu kun magniitiyuudii 4.5 fi 4.9 gidduutti tilmaame.
Balaan kirkira lafaa sun garuu isa hamaa magniitiyuudii 7.8 ture.
Guyyuma sana balaan kirkira lafaa hamaan kan biraan mudateera, isa kanas Google salphisee ilaale.
Yeroo kanatti sirni Google kun erga Take Action jedhu bilbiloota 8,158tti erge, ergaa ''Be Ware'' jedhu ammoo namoota miiliyoona afur hin caalletti erge.
Qorattoonni Google erga balaan kun mudatee booda algoorizimii isaa jijjiiruun balaa isa jalqaba mudate ilaalaniiru.
Yeroo kana sirni google irra deebiin ergaa ''Take Action'' jedhu namoota miiliyoona 10 balaa hamaa keessa turaniif qopheesse.
Namoota miiliyoona 67 ta'aniif ammoo ergaa ''Be Aware'' jedhu qopheesse.
Kun hunduu erga ''Waraabessi darbee sareen dutti'' akkuma jedhamu ta'e. Ergaan balaan mudatee uummanni miidhamee booda akeekkachiisi qophaa'e.












