Namichi faaya mormaa sibiilarraa hojjatame kaawwatee kutaa MRI seene maagneetin harkifamee du'e

Maashina MRI

Madda suuraa, Getty Images

Namichi faaya mormaa guddaa sibiilarraa hojjatame kaawwatee mana yaalaa kutaa carallaa (MRI) seene maagneetin harkifamee du'e.

Namni ganna 61Niwu Yoork keessatti osoo maashiniin MRI banamee hojiirra jiruu osoo hin hayyamsiisin seenuun maagneetin faaya sibiilaa inni mormatti kaawwate maagneetiin harkisee du'aaf akka saaxilem poolisiin Kaawuuntii Nassawuu beeksie.

Haati manaasaa miidiyaatti akka himtetti, waldhaansa MRI erga xumurtee booda abbaa warraasheef bilbiltee akka gara kutaa MRI dhufu waamte.

Haa ta'u garuu abbaan warraashee osoo hin hayyamsiisin faaya mormaa sibiilarraa hojjatame akkuma kaawwatetti ol seene.

Maashiniin MRI banaa waan tureef sibiila namichi kaawwate ofitti harkisuun maashinii keessa galee akka du'uuf sababa ta'uu himte.

Maashiniin MRI suurawwan qaama namaa kaasuf maagneetii baay'ee cimaa ta'e fayyadama.

Dhukkubsattoonni waldhaansi MRI isaan barbaachisu osoo kutaa raajii ykn MRI hin seenin dura faayawwaniifi wantoota sibiila ta'an akka ofirraa baasan ni gaafatamu.

Dabalataanis, wayyaa uffatanii dhufan jijjiirrachuun mana yaalaaf kennamuuf qofa akka uffatan gorfamu.

"Namichi cancala sibiilaa guddaa morma isaatti kaawwatee ture; kuni ammoo akka inni harkifamee maashina keessa galu gochuun balaan meedikaalaa akka uumamu taasise," jechuun akkaataa du'a isaa poolisiin Kaawuntii Nassawu ibseera.

Poolisiin maqaa namicha du'ee kana dhawuu baatus, haati warraasaa Andiriin Joons Makaslistar namni balaa kanaan du'e abbaa warraashee ta'uu mirkaneessun maqaansaa Keet akka jedhamus miidiyaatti himte.

"[Akkuma balaan kun isa mudateen] mallattoo harkaan nagaatti jedhee natti dhaamee battaluma sanatti qaamnisaa laamsha'e," jette.

Haati warraa namicha du'e kanaa Joons Makaaslistar miillashee dhukkubsattuuf raajii ykn MRI jilbaa ajajameefii erga ilaalamtee booda abbaan warraashee gargaaree kutaa MRI keessaa akka baasuuf waamuu himti.

Akka isheen jettutti, abbaan warraashee cancala sibiilaa 9kg ulfaatu kan ulfaatina qaamaf itti fayyadamu akkuma keewwatetti kutaa isheen jirtu seenun maagneetiin maashinii MRI ofitti butee ajjeese.

"Battaluma sanatti maashinichi ofitti isa butee MRI rukute jechuun teeknishaanonni abbaa warraashee maashiniirraa adda baasuuf harkisanis hin dandeenye.

Maashiniin MRI wantoota maagneetawaa ta'an kanneen akka furtuuwwanii, bilbila harkaa, taankarii oksijiinii fa'aa ofitti harkisuun maashinichas ta'ee namootarraan balaa akka gaha.