Seera baastonni US tarkaanfii Tiraamp Iraan haleeluu dhorku kuffiisan

Waayit Hawus

Madda suuraa, Getty Images

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 1

Aangoo pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Iraan irratti waraana gaggeessuu qabu daangessuuf yaadni warra Dimokiraatotaatiin dhiyaate mana-maree bakka-bu'oota ummataatiin kufaa ta'eera.

Seeneetiin biyyattiis murteedhuma wal fakkaatu guyyaa tokko dura dabarsee ture.

Sagalee 231 fi 214 baayyee dhiphaa ta'een murteen aangoo waraanaa mana-maree osoo raggaasifameellee pirezidaantichi angoo isaa sagalee sagaleetiin shaaruu qabuun carraan kufaa ta'uu isaa ol aanaa ture.

Rippabilikaanonni baayyeen mana-maree lamaanii murtee kana mormaniiru. Seera baastonni tokko tokko waraanni kun ji'a kana caalaa yoo itti fufe ejjennoo isaanii akka keesa deebiyanii ilaalan eeraniiru.

Doonaald Tiraamp yoom akka walitti bu'iinsi kun itti dhaabbatu ilalchisee yeroo gara garaa ibsaa kan ture yoo ta'u, dhiyeenya kana waraanni kun "dhiyeenyatti goolabamuuf dhiyaateera" jedheera.

Sagalee kennuu mana maree Kamisa darbe gaggeeffamerratti bakka bu'aan Kentaakii Toomaas Maasaasii, warra Dimokiraatotaa waliin ta'uudhaan Rippabilikaanii tokkochi tarkaanficha deeggare yoo ta'u, Jaared Goolden Maayinirraa ta'e ammoo warra Dimokiraatii keessaa nama morme tokkicha ta'eera.

Bitootessa keessa carraaqqii warra Dimokiraatotaa kan deeggare bakka bu'aan Ohaayoo Waaren Deeviidsan sagalee kennuurraa of qusachuun darbeera.

Yaadicha kan dhiyeesse bakka bu'aan warra Dimokiraatotaa Niiwu Yoork Giriigoorii Miiks sagaleeen kennamuutiin booda gaazexeessitootaaf akka ibsetti, Gooldan fi kanneen biroo tarkaanficha akka deeggeraniif akka jajjabeessan dubbate.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Miiks murtee waraanaa biroo akka beeksisuuf jiranis eeree jira. Kuynis waraanicha irratti olaantummaa Kongiresii mirkaneessuuf carraaqqii taasifamu akka itti fufan warra Dimokiraatotaa eeraniiru.

Ji'a darbe murtee wal fakkaataa dabarsuudhaaf yaaliin taasifame sagalee dhiphaatiin osoo hin milkaa'iin hafeera. Warri Rippabilikaanotaa lama deeggaruun sagalee kan kennan yoo ta'u, warra Dimokiraatotaa keessaa afur ammoo mormanii ture.

Murteen kun mana mareetiin raggaasifamullee Seeneetii keessatti qormaata guddaatu isa mudata ture. Kaleessa murteen wal fakkaatu Seeneetiin dhiyaatee sagalee 47 fi 52n kufaa ta'eera. Osoo mana maree lamaan keessa darbuu danda'eellee aangoo Doonaal Tiraamp sagalee sagaleetiin shaaruu qabuun kan kufa ta'a.

Warri Rippabilikaanotaa tokko tokko waraanni kun bal'ataa yoo deeme mormiin isaan murtee kanaaf qaban jijjiiramuu akka danda'u mul'isaniiru.

Bu'uura seera Federaalaatiin, tarkaanfiiwwan waraanaa guyyoota 60 ol itti fufsiisuun hayyama Kongiresii gaafata.

Haleellaan Ameerikaa-Israa'el Iraan irratti banan Guraandhala 28, 2026 ture kan jalqabe.