Manni murtii US mirga ulfa baasuu dhorkuunsaa addunyaarratti miira walmakaa uume

Madda suuraa, Getty Images
Manni murtii Olaanaa US Mirga ulfa baasuu heera biyyattiin kenname haquunsaa biyyoota addunyaa garaagaraa keessatti miira walmakaa uumeera.
Kanneen murtii kana deeggaranis ta'ee morman tarkaanfiin mana murtii US kun lammiilee Ameerikaa qofarratti osoo hin taane biyyoota addunyaa kaanirrattis dhiibbaa akkamii qabaata kan jedhurratti yaada kennaa jiru.
Gaazexeessitoonni BBC biyyoota Italii, Eelsaalvaadoor, Indiyaa, Ayarlaand fi Kanaadaa irraa miira walmakaa biyyoonni kunneen keessa jiru gabaasaniiru.
Murteen US biyya Italiitti ijoo dubbii ta'e
Ameerikaan mirga ulfa baasuu Roe v Wade jedhamu seera qabeessa kan goote bara 1978 yoo ta'u Italiin ammoo waggaa shan booda seera qabeessa goote.
Italii keessatti seerri kun yeroo dheeraaf kan ture ta'ullee hagas mara siyaasa biyyattii keessatti ijoo dubbii falmisiisaa hin turre.
Haata'u malee gareen siyaasaa amantii kaatoolikii (kan bu'uura uummataa jabaa qabu) waliin hidhata cimaa qabu dhalachuun dhimmichi xiyyeeffannaa akka argatu taasiseera.
Murteen US kunis seerri ulfa baasuu Italii keessatti hojiirra jiru akka bifa haaraan mata duree oduu ta'u sababa ta'eera.
Gareen siyaasa gara bitaa fi giddugaleessaa (Left and Centre) jedhaman yaadicha mormuun akeekkachiisas kennan.
Italii keessatti seerri ulfa baasuu 194 jedhamu akka ragga'u kan gargaaran Ministirri Dhimma Alaa duraanii biyyattii Eemaa Boniinoo, murteen kun Itaalii keessatti miira booddeetti deebi'uu uumeera jedhan.
Kanneen yaada siyaasaa gara mirgaa jiran ammoo tarkaanficha akka milkaa'ina guddaatti ilaalan.
Garee kana keessaa kan ta'an gameessi siyaasaa Siimoon Piiloon, ''kun injifannoo guddaadha. Italiis ta'e biyyoonni Awurooppaa kaan tarkaanfii kana hojiirra oolchu abdii jedhun qaba,'' jedhan.
Haata'u malee dursaan paartii isaanii Maatiyoo Saalvaanii, ''yeroo ulfaa murteen inni dhumaa kan dubartii ulfoofte saniiti,'' jedhan.
Ayarlaand keessatti sodaa uumame
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Murteen mana murtii US kun Oddoola Ayarlaand keessatti miira namootaa akkaan kakaase.
Biyyattii keessatti ulfa baasuun akka yakkaatti ilaalamuun kan hafe dhiyeenya kana.
Kanarraa ka'uun gama lamaanuu falmitoonni sagaleen isaa olka'ee dhagahamu hedduudha.
''Ameerikaan haala irratti hin beekamneen wayita jiijjiiramtu addunyaan hordofuu itti fufti,'' kan jedhan nama yeroo Ayarlaand 2018 ulfa baasuu eeyyamte gammachuusanii ibsataa turan barsiisaa yuuniversitii Dr Jeenifar Kaasiidiidha.
Hedduun akkasuma gammachuusaanii ibsatanii osoo hin xumurin Ameerikaan seera kana haquu yeroo dhagahan miira sodaa fi gaddaan guutaman.
Kaaba Ayarlaand keessatti mirgi ulfa baasuu akka kabajamuuf qabsoo jabaa kan godhan hojjetaan dhaabbata Amnastii Intarnaashinaal Giraayin Taagaart, ''kun murtee qaanfachiisaadha,'' jedhan.
Murteen kun garuu garee Ayarlaand keessatti ulfa baasuun seeraan deeggaramuusaa mormaa turaniif kun hamilee guddaadha.
Hedduun Ameerikaarraa waan barachuu qabnu hedduutu jira jechuun ergaasaanii dabarsaa jiru.
Hawaasi Eelsaavaadoor duudhaa ganamaatti cichan murtee kanaan jajjabaatan
Biyya Ameerikaa Kibbaa taate kana keessatti namoonni ulfa baasuu seera qabsiisuuf qabsaa'aa jiran murteen Ameerikaan fudhatte kun qabsoo isaanii akka waan gufachiisuutti sodaataa jiru.
Eelsaalvaadoor keessatti mirga kanaaf namni adda dureen qabsaa'an Maariyaanaa Mooyiis, ''Kun hawaasi biyya keenyaa duudhaa ganamaatti cichan kan jajjabeessuudha,'' jedhan.
Eelsaalvaadoor keessatti haala kam keessattuu ulfa baasuun hin eeyyamamu.
Biyyoonni kaan yoo ulfi sun sababa gudeeddiin yookiin ammoo walquunnamtii fira gidduutti mudateen kan uumame ta'e akkasumas lubbuu haadhaaf yaaddessaa ta'e akka ba'u ni eeyyamu, Eelsaalvaadoor garuu kanallee hin eeyyamtu.
Gama kaaniin ammoo aanga'oonni siyaasaa paarlaamaa biyyattii keessatti baay'inaan olaantummaa qaban kanneen mirga ufa baasuu morman murtee US kana gammachuun simatan.
Ejjennoon isaanii kun ejjannoo Ardii Ameerikaa waliigalaatis jedhaniiru.
Kufaatii gaddisiisaa- Kanaadaa
Kanaadaan yeroo baayyee dhimmoota biyyoota ollaashee, keessattuu ammoo biyya michuu daldalaa walii ta'an Ameerikaa, keessa seenuutti hin ariifattu.
Murteen mana murtii US kun garuu Ministira Muummee Kanaadaa Jastiin Tiruudoo obsa fixachiise, ''kufaatii gaddisiisaa,'' keessattuu dubartootaaf akkaan sodaachisaadha jedhan.
Kora biyyoota 'Common Wealth' jedhamanii kan Ruwaandaa, Kigaalii keessatti gaggeeffamaa jiru irraa kan dubbatan Ministirri Muummee kun, ''dhugaa dubbachuuf kun ammallee mirgaa fi walabummaa namaarratti haleellaa uumamuudha,'' jedhan.
Kanaadaan ulfa baasuu seera qabeessa kan goote bara 1983 ture.
Ameerikaan addunyaaf fakkeenya- Indiyaa
Falmitoonni mirgaa, dhimma koorniyaa Indiyaa murtee Ameerikaa kana ''tarkaanfii mirga dubartootaa sarbuudha,'' jedhan.
Ogeettii Fayyaa fi waa'ee naamusa fayyaa doktaroota kan barsiisan Pirofeesar Dr Veenaa JS murteen kun Ameerikaa keessatti qofa hin taane addunyaa guutuutti dhiittaa mirga dubartootaa kan hordofsiisuudha jedhan.
''Ameerikaa addunyaa guutuutu hordofa, addunyaaf fakeenya. Kanaaf sodaan kiyya Indiyaanis yeroo wayiitti kaatee seera kana hojiirra oolchiti kan jedhuudha. Haala kanaan ijoollee hin feene guddisuuf deemna,'' jedhan Piroofasr Veenaa JS.
Indiyaan bara 1971 irraa eegaltee ulfa baasuu seera qabeessa goote.












