'Waraana jalaa baqachuun fedha, garuu paaspoortin koo embasii Faransaayitti hafe' -Lammii Sudaan

Raamii Badaawii

Madda suuraa, RAMI BADAWI

Ibsa waa'ee suuraa, Raamii Badaawii fi obbolaan isaa Kaartum keessatti danqamaniiru

Lammileen Sudaan heddu paaspoortiin isaanii imbaasiwwan Awuroppaa keessatti itti cufamee waan jiruuf, lola biyya isaanii keessa jiru jalaa baqatanii ba’uu hin dandeenye.

BBC’n namoota yeroo lolli kun eegaletti paaspoortiin isaanii visa Awuroppaadhaaf imbaasiitti kenname ture haasofsiiseera.

Dippilomaatonni biyyootii Lixaa utuu paaspoortii namoota kanaa hin deebisiin Sudaan keessaa baafamanii, amma imbaasiwwan cufamanii jiru.

Ministeerri alaa Ispeen namoonni waraqaalee raga imalaa isaanii akka angaa’ota Sudaan harka fudhataniif gorsaniiru.

Dargaggeessi umurii ganna 29, Raamii Badaawi, imbaasiin Faransaay paaspoortii isaa deebisuufii waan dideef Kaartum keessatti danqamee akka jiru BBC’tti himeera.

Badaawiin dhaabbata teeknoolojii Faransaay waajjira damee Sudaan keessaa hojjeta. Paaspoortiin isaa imbaasiitti kan kenname gara Faransaayitti imaluuf jecha viisaa imala daldaalaaf iyyata waan galchateefidha.

“Asii ba’uun fedha garuu hin danda’u,” jedha.

Akka lolli eegaleen, Badaawiin paaspoortii isaa fudhachuu danda’a yoo ta’eef gafachuuf jecha imbaasii Faransaay qunnamee ture. Garuu iimeelii (email) inni barreesseef deebii akka hin kennineef hima. Kana irratti deebii argachuuf BBC’n imbaasii Faransaay qunnamus hanga ammaatti deebii hin arganne.

“Adeemsa biyyaa ba’uu isaanii eegalanii, haasaa tokko malee deemani.”

“Ganamaa hanga galgaalaatti sagalee qawween dhaga’a,” jechuun sodaa fi aarii keessa akka jiru BBC’tti himeera.

Abbaa, haadha fi obbolaan isaa paaspoortii qabu, atoobisiitiin gara Masiriittis imaluuf karoorsanii turani.

Maatiin isa malee deemuuf ykn dhiisuuf murtee cimaatu isaan mudate, garuu qofaatti isa dhiisanii deemuurra maatiin hundi Kaartuum keessa turuuf murteessani.

Amma Sudaan keessaa ba’uuf filannoon ijoo, atoobisiin gara daangaa kaabatti imaluun Masirii seenuu ykn gara magaalaa Buufata doonii Sudaaniitti imalanii bidiruun Galaanaa Diimaa ce’anii Saawudii Arabiyaa seenuudha.

Mohaammad Elfaadil

Madda suuraa, MOHAMED ELFADIL

Ibsa waa'ee suuraa, Mohaammad Elfaadil Sudaan keessatti danqamee jira
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Namootni kumaatamaan lakkaa’aman biyya olla Chaaditti baqataniiru, biyyattiin ammoo namoota kanaaf nyaata, bishaan ykn wantoota bu’uraa biroo dhiyeessuuf rakkachaa jirti.

Mohaammad Elfadiil, umurii ganna 30, akka BBC’tti himetti, yeroo lolli kun eegalamu bashananaaf isaaf Ispeenitti imaluuf viisaa eegachaa ture.

Yeroo paaspoortii isaa argachuuf jecha bilbila yeroo hatattamaa imbaasii Ispeenitti bilbilu, “dubartiin bilbila kaafte ‘ati lammii Ispeen moo Sudaanidha?’ jechuun nagaafatte. Yeroon lammi Sudaani jedhunii battalumaan narratti cufte,” jedha.

Elfadiil Kaartuum keessaa ba’ee Kaaba Sudaan ga’eera garuu maatii isaa isa malee daangaa ce’uun Masirii seenuuf jiran irraa akka adda ba’u hima.

“Maatiikoo keessaa ana qofadha kan imaluu hin dandeenye.”

“Waajjirri paasportii akka banamuuf kadhachaa jirra, garuu wiirtuun paaspoortii inni ijoon Kaartuum keessa jira, sababa waraana kanaatti ammoo hojiirra hin jiru,” jedha.

“Imbaasii Ispeenirra deebii, yaadaa, homaa hin arganne. Paaspoortiin kiyya baayyee barbaachisaadha, waraana kana baqachuuf na barbaachisa. Kan caalaatti nama miidhu ammo homaa deebii argachuu dhabuukoodha.”

Namni biraa akka eenyummaan isaa ibsamu hin feene, paaspoortii isaa akka deebisaniif gaaffii inni gaafateef deebii utuu hin kenniin dippiloomaatonni Ispeen ofii fi lammilee isaanii waraana jala erga baqachiisanii akka “dhala namaa gadi” ta’etti akka itti dhaga’ame hima. Paaspoortii durii kan wagga lama dura guyyaan itti darbe fayyadamuun gara daangaa Itoophiyaatti akka seene BBC’tti himeera- kun garuu carraama ta’eeti.

Ministeerri haaja alaa Ispeen akka BBC’tti himetti : “Sababa rakkoo nageenyaa guddaa fi biroon, Imaabaasichi tajaajila ummataa dhiyeessu dhaabeera, erga lammileen achii baafamanii ammo carraan tajaajila itti kennamu hin jiru.”

Dhimma kana irratti akeekkachiisi miidiyaa hawaassummaa irratti maxxanfamee akka ture ministirichi himeera.

“Namoonni paaspoortiin isaanii achitti hafe, waraqaa ragaa imala biraa akka angaa’ota Sudaan irraa argataniif gorfamanii turani,” jedha.

Ahmad Mahmuud fi haadha warraa isaa

Madda suuraa, AHMED MAHMOUD

Ibsa waa'ee suuraa, Ahmad Mahmuud fi haadha warraa isaa

Imbaasiin Iswiidinis hojjetoota isaa biyyattii keessa utuu hin baasiin dura paaspoortii namoota deebisuu dhabuu isaan himatameera.

Oggeessi fiilmii umurii ganna 35, Ahmad Mahmuud, kan yeroo ammatti buufata doonii Sudaan keessa jiru Kartuum keessaa baqatee kan ba’e guyyaa lama dura. Feestivaala fiilmii Isweedin irratti hirmaachuuf viisaa gaafatee akka ture BBC’tti hima.

Yeroo waraanichi eegalame hojjatoonni imbaasicha wa’ee paasportiikoo homaa utuu dhimma hin qabaatiin akkanumaan ba’anii deemani,” jechuun komata. Guyyaa lolli kun eegalame irratti imbaasichi qunnamuun, kana booda viisaa hin barbaadu jechuun paaspoortii isaa akka deebisaniif isaan gaafate.

Isaan garuu osoo hin deebisiniif bahanii deeman.

Obbo Mahmuud nageenya isaaf akka sodaatee jiru hima. “Yoo waraanni kun itti fufe, hatattamaan asii ba’uun qaba. Namoota akkakoo, hawaasa siivilii, artistiif haalli jjiru baayyee hamaa ta’a – akka waan Pirezdaant Abdul Fattaa al-Sisi Masirii keessatti godhee ta’a.”

Dabaluunis haati warraa isaa paaspoortiishee akka qabdu himuun, “kanaaf yoo isheen deemuu barbaadde, ani ishee waliin deemuu hin danda’u,” jedha.

Akka paaspoortii haaraa argateen, gara Keeniyaa, Yugaandaa ykn Itoophiyaatti akka himu hima, sababiin isaas viisaa daangaa ykn buufata xiyyaaratti kennamu argachuu kan danda’u biyyooti kanattidha.

Ministeerri Haaja Alaa Isweesin akka jedhutti: “Hojjetoonni imaasii achii baafamaniiru, imaasichi amma Istookolmi irraa hojii isaa itti fufa. Ministeerri Haaja Alaa tarkaanfiwwan nageenya imbaasichi bakka geeddaruu dura fudhate irratti gadi fageenyaan deebii kennuu hin danda’u, sababiin isaa barbaachisummaa tarkaanfii kanaa waan faallessuufi.”