Daa'imni gommaa xiyyaaraa keessa dhokachuun Afgaanistaanii ka'ee nagaan Hindii qubate

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Oladeemaan ganna 13 lammii Afgaanistaan ta'e gommaa xiyyaaraa keessa dhokachuun magaalaa Kaabulii ka'uun Hindii magaalaa Deelhii gahe.
Xiyyaarri daandii qilleensa Kam Air imaltoota fe'ee magaalaa guddoo Afagaanistaan kan taate Kaabuul irraa ka'uun gara Deelhii deemu bakka gommaan xayyaaraa keessa taa'u dhokatee seenun imale.
Oladeemaan kun kaaba Afgaanistaan magaalaa Kunduuz jedhamtuu kan dhufe yoo ta'u, bakka gommaan xayyaaraa taa'u keessa dhokatee Dilbata, Fulbaana 22 Hindii erga gahee booda osoo buufata xayyaaraa keessa olii gadi deemuu argamuu himan qondaalonni Hindii.
Buufata xayyaaraa Deelhii erga gahee booda humnoonni nageenyaa Hindii to'annaa jala oolchuu sa'aatii dheeraaf gaaffii gaafaanii booda balaliidhuma ittiin dhufeen gara Afgaanistaanitti akka deebi'u godhameera.
Maaliif bakka gommaan xayyaaraa keessa taa'u kessa dhokatee gara Hindii deeme yoo gaafatamu, calliseetuma waan ta'u ilaaluuf akka ta'e poolisoota Hindiitti hime.
Qondaalonni nageenyaa Hindii akka jedhanitti, daa'imni oladeemaan kun xayyaara daandii qilleensa Kam Airlines lakkoofsa balalii RQ-4401 qabu bakka gommaan xayyaarri erga balalii eegalee booda taa'u keessa osoo namuu hin argin dhokatee magaalaa Deelhii gahe.
Erga buufata xayyaaraa Deelhii nagumaan gahee booda, osoo asiifi achi jooruu poolisiin to'atee bakka irraa dhufe Afgaanistaanitti deebise.
Gaazexaan Indian Express jedhamu akka gabaasetti, daa'imni kun gara Iraan deemuu barbaadee dhokatee xayyaara seenee, garuu xayyaarichi gara Hindii akka imalu hin beeku ture.
Akka gabaasa kanaatti, buufata xayyaaraa Kaabuul yeroo seenu namoota keessa dahatee akka ta'eefi bakka xayyaara yaaban yoo gahu namootarraa adda bahuun bakka gommaan xayyaaraa taa'u keessa dhokate.
Yeroo dhiyoo as namoonni gara US ykn biyyoota Awurooppaa kaanitti baqachuuf mala akkanaa fayyadamuun dabalaa kan dhufe yoo ta'u, namoonni imala balaafamaa akkasiitti milkaa'an muraasa ta'uu gabaasaaleen ni mul'isa.
Beektonni nageenya xayyaaraa akka jedhanitti, namoonni bakka gommaan xayyaaraa keessa taa'u keessa dhokatanii yeroo imalan, yeroo xayyaarri qubatu hedduunsaanii of wallaalanii yeroo xayyaarri qubachuuf gommaa gadi lakkisu kufanii kan du'an fa'aa akka jiran ibsu.
Bara 2022, lammiin Keeniyaa namni ganna 22 gommaa xayyaara fe'iisaa keessa dhokatee nagaadhuma magaalaa Amistardam qubachuun ni yaadatama.















