Bunni akkaataa qaamni keenya soorata itti fudhatu ni jijjiiraa?

Madda suuraa, Getty Images
Nyaata osoo nyaattanii buna akka hin dhugne akeekkachiifamtanii beektuu?
Kana ilaalchisee dhugaan wahii jirti.
Buna keessatti kompaawundoota keemikaalaa 1000 ol ta'anitu jiru.
Kanneen akka kaafeeniin, poliifeenoolii fi taaniinii, akkaataa qaamni kee albuuda qaamaaf barbaachisu nyaata keessaa xuuxu danqa.
Keemikaalonni kun baay'ina qabaachuu dhiisuu danda'u, kanaaf namoota hedduuf miidhaansaa xiqqaadha.
Sooratni/albuudni wantoota nyaataa fi dhugaatii keenya keessatti argaman yoo ta'an, qaama keessatti hojiiwwan barbaachisoo ta'an raawwataniidha.
Fayyaa ta'uuf soorata adda addaa nu barbaachisa.
"Yoo buna nyaata waliin fayyadaman, fudhannaan nyaataa guutummaatti hin ugguramu, garuu xuuxamuu dhama nyaatarratti hir'inni jiraachuu mala,'' jedha Kolleejjii Saayinsii Fayyaatti barsiisaa olaanaa kan ta'e fi Kolleejjii Landanitti qorataa saayinsii soorataa Aleeks Ruaniin
Bu'aan isaas cimina bunaa dabalatee dhimmoota akka umurii, haala fayyaa, jeneetikii fi akkaataa nyaataa fi dhugaatin gara humnaatti jijjiiramu jirratti hundaa'a.
Hammi dabalataa nyaatame, fi sababoota balaa dhuunfaa kanneen akka umurii, meetaabolii, haala fayyaa fi jeneetikii jechuun ibsa Ruaniin
Albuudni kunneen kaalsiyeemii, ayirenii/sibiila fi vitaaminii B.
"Sadarkaan albuuda keessanii duraanuu gahaa yoo ta'e yaadda'uun hin barbaachisu, garuu warra hanqinaaf saaxilamaniif ykn albuuda gadi aanaa qabaniif, buna garmalee dhuguun hir'ina dabalataaf gumaachuu danda'a," jetti Daarektarri Dhaabbata Liinus Pooling fi Yunivarsiitii Oriiganitti Piroofeesara Kolleejjii Saayinsii Fayyaa kan taate Emilii Hoo

Madda suuraa, Getty Images
Buna dhuguu irratti eenyutu of eeggannoo gochuu qaba?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bara 1980moota irraa eegalee qorannoon, ayirenii gadi aanaa ta'e buna waliin walqabsiiseera.
"Yeroo nyaata waliin fayyadamtan buna, poliifeenooliin buna keessa jiru albuuda sirna bullaa'insa nyaataa keessan keessatti argamutti hidhachuu danda'a," jetti Hoon.
Adeemsi kun qaamni kee ayirenii akka hin xuuxne godha. Sababnisaa albuudni sun seelii garaachaa keessa darbuun dhiiga keessa seenuu qaba. "Yoo poliifeenoolii keessatti qabame osoo itti hin fayyadamiin qaama kee keessa darbee ba'a."
Kun keessumaa sibiilaa biqiltuu irra argamuuf barbaachisaadha. Garuu pooliifeenooliin buna keessa jiru — keessattuu asiidii kiloorojeenikii, sibiilaa kana waliin walitti makamuun akka sirnaan dhiigaatti akka hin xuuxamne taasisa.
Kanaaf namoonni hir'ina dhiigaa qaban yeroo nyaata sibiilaan badhaadha nyaatan buna dhuguurraa of qusachuu qaban.
"Nyaata sibiila of keessaa qabu yoo nyaattan sa'aatii tokko ykn sa'aatii muraasa booda buna dhuguun gaarii ta'uu danda'a," jedha Aleeks Ruuanii.
Dubartoota laguu argaa jiraniifi fi ulfaa sibiilli baay'ee barbaachisa.Hir'ina dhiigaaf kan saaxilaman waan ta'eef buna isaanii fudhachuu irratti of eeggannoo gochuu qabu.

Madda suuraa, Getty Images
Kaalsiyemi fayyaa lafeeef baay'ee barbaachisaadha. Garuu namoota hedduun nyaata kaalsiyemii gahaa qaban hin sooratan. Hanqinni kun gara fuulduraatti balaa lafeen isaan saaxila
Akka qorannoon agarsiisutti kaafeeniin qaamni kee kaalsiyemii qabachuu akka hin dandeenya godha.
Akkasumas fincaan keenyarrattis bu'aa qaba. Namni baayyinaan buna dhuguu akkasuma yeroo baay'ee finca'a.
"Kun ammoo vitaaminii B fi albuudni akka sibiilaa fi kaalsiyeemii bishaan waliin akka bahu godha." Jetti Hoon.

Madda suuraa, Getty Images
Buna shaayiin bakka buusuu wayyaa?
Yoo buna dhiistee shaayii dhuguu yaadaa jirtu ta'e, rakkooleen isaanii tokko ta'uu beekuu qabda.












