Leenjii dijitaalaa koodaroota Itoophiyaa miliyoona shan

Madda suuraa, Getty Images
Itoophiyaan deeggarsa mootummaa Gamtaa Imireetota Arabaa (UAE) irraa argameen lammiileen miliyoona shanii ol leenjii dijitaalaa akka argatan taasisuuf hojii eegalteerti.
Ministeera Innoveeshinii fi Teekinooloojiitti Hoji Raawwachiisaa Dursaa Misooma Diinagdee Dijitaalaa kan ta’an, Obbo Suyyum Mangashaa BBC’tti akka himanitti, “leenjiin kun dandeettii dijitaalaa lammiilee biyyattii guddisuu irratti xiyyeeffachuun hojiirra oolaa kan jirudha.”
Kana malees, dhaabbileen teekinooloojii hojiiwwan dijitaalaan hojjetaman biyya alaatii fudhachuun biyya keessatti hojjetan jiraachuu kan himan Obbo Suyyum, “Miliyoona shan kana keessaa dandeettii kan qabu miliyoona tokko yookiin lama argachuu yoo dandeenye asumatti isaan qacaruu dandeenya,” jedhan.
Kanaafis kaayyoon leenjichaa lammiilee leenjisuun gara biyya alaatti erguu osoo hintaanee hojii biyya alaatii gara biyya keessaatti fiduu (business process outsourcing) akka ta’e himaniiru.
Guyyoota leenjichi itti ifoomee as jiran keessattis namoonni 115,000 ta’an galmaa’anii leenjii fudhachuu akka eegalan kan himan Obbo Suyyum, waggoota sadi keessatti lammiileen miliyoona 5 ol leenjii beekumsa dijitaalaa kana akka argataniif hojjetamaa akka jiru dubbatan.
Leenjichi maal ofkeessaa qaba?
Leenjiin dijitaalaa lammiilee miliyoona shanii oliif kennuuf karoorfatame kun gama marsariitii leenjiiwwan dijitaalaa kennuun akkuma addunyaattuu beekamu Udacity’n kennama.
“Udacity irratti leenjii kaffaltiin kennamutu jira. Haa ta’u malee waliigaltee taasifneen lammiilee Itoophiyaa miliyoona shaniif leenjichi bilisaan akka kennamu taasifame. Kanaafuu deeggarsa guddaadha” jedhan Obbo Suyyum.
Leenjiiwwan kennaman keessaayis Saayinsii Daataa (Data Science), bu’uurawwan pirograamingii akkasumas moosaajii gabbisuu ni argamu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
“Udacity’n marsariitiiwwan leenjii kennuun akka addunyaatti beekaman keessaa tokko. Yemmuu leenjicha xummuranis waraqaan ragaa ni kennamaaf. Namni leenjicha fudhatee waraqaa ragaa fudhatemmoo carraa biyyoota biroo keessatti qacaramuus ni argata” jedhan Obbo Suyyum.
Leenjiiwwan Udacity’n kennaman sagalee, viidiyoofi barreeffamaan kan deeggaramanidha. Kana malees leenjichi yeroo torbee jahaa hanga saddeetii fudhata.
Namni galmaa’ee leenjii fudhachuu eegale tokkos leenjiisaa yeroo kaayame keessatti yoo hinxummurre leenjiin eegale ni haqama.
Leenjichi dhimmoota salphaarraa eegalee hanguma leenjitoonni beekumsasaanii gabbifachaa deeman ulfaachaa akka deemus Obbo Suyyum himaniiru.
Yaaddoon isaan ammatti qabanis namoonni salphina leenjii isa jalqabaa ilaalanii yaada ‘waan salphaadha’ jedhuun akka adda hinkunne kan jedhu ta’uu himan.
“Leenjichi gilgaalawwan qaba. Kanaafuu leenjitoonni gilgaalawwan hunda qixa sirriin hojjechuu qabu. Jalqaba barnoota viidiyoon kennamu dhaggeeffachuu qabu. Itti aansee dubbisuufii gilgaalawwan qixa sirriin hojjechuu qabu” jedhan.

Madda suuraa, Getty Images
Eenyutu leenjicha fudhachuu danda’a?
Leenjiin dijitaalaa kun dargaggoota naannoleefi bulchiinsa magaalotaa biyyatti keessatti argamanirratti kan xiyyeeffatudha.
“Dhaloonni dargaggoonni diinagdee dijitaalaa keessatti akka hirmaatan dandeessisa. Dhaloota dargaggoo yemmuu jennu kunneen yunivarsiitiidhaa eebbifamanii bahan, yunivarsiitii keessatti barachaa kan jiran, waggaa 18 ol kan ta’anfii gara yunivarsiitii seenaa kan jiranidha” jedhan.
Lakkoofsi namootaa naannoleen leenjisuu danda’an shallagamee kaayamuu kan himan Obbo Suyyuum, “naannoon kun namoota haganaa leenjisuu danda’a jedhamee sagantaan qophaa’e jira. Kanaafuu akkaataa sanaan leenjisu” jedhan.
Pirezidaantonni naannolees sagantaa leenjii kana naannoo isaaniitti ifoomsaa akka jiranis himaniiru.
Akkamiin galmaa’uun danda’ama?
Leenjitoota simachuuf marsariitiin of danda’e qophaa’ee kan jiru yemmuu ta’u namoonni leenjicha fudhachuuf fedhii qabanis marsariitii ethiocoders.et jedhu keessa seenuun galmaa’uu danda’u.
Yeroo waggoota sadii keessattis leenjitoonni yeroo isaaniif mijatetti galmaa’uun leenjicha fudhachuu ni danda’u.
Leenjitoonni leenji dandeettii dijitaalaa kana fudhachuuf mobaayila yookiin kompiitarattis fayyadamu.
Haa ta’u malee leenjicha kompiitararratti fudhachuun caalmaatti mijataa ta’uu Obbo Siyyum himu.
“Kompiitara irratti yoo fudhatan bareedaadha. Iskiriinii bal’aa irratti ilaaluun yeroo dheeraaf ilaaluuf fi ijaafis mijataadha” jedhaniiru.












