Dinnichi timaatima malee maaliif jiraachuu hin danda'u?

Madda suuraa, Getty Images
- Barreessaa, Daaliyaa Venturaa
- Gahee, BBC News Mundo
Waggoota miiliyoona sagal dura, bakkee amma Ameerikaa Kibbaa jedhamutti, namuu hin turre - biqiltoonni lama garuu waggootaaf wal horaniiru.
Kunneen [Solanum lycopersicum fi Solanum etuberosum] kanneen har'a bu'uura biqiltuu timaatima jennuuti jedhu Muuziyeemii Seenaa Biqilootaa Landanitti botaanistii kan ta'an Dr Saandiraa Naap.
Biqiltuun kuni lamaan walirraa horanii waan haaraa argame. Biqiltuun kunis bakkee gaarreen Andees qorraafi gogaa ta'etti caalaatti hore.
Ekispartoonni waan kana yoo ibsan gaangee kaasu.
Gaangeen ganyaa fi wadala harreerraa dhalatti, garuu dhaluu hin dandeessu.
Biqiltuu keessattis sanyiin diqaalessuun ni mudata jechuun akkaataa kanaan biqiloota qe'ee keenya keessatti yeroo ammaa qabnu eeru.
Akkanaan ture, sanyii biqiltuu maatii Solanaceae ta'anirraa dinnichi kan dhalate.
Akkaataa dinnichi itti uumame Dr Naap baay'uma ajaa'iba jedhu.
''Haati isaa timaatima, etuberosum immoo abbaa isaati,'' jechuun Akkaadaamii Saayinsii Qonnaaa Chaayinaatti pirofeesara kan ta'an Sanween Huwaang qorannoo barruu Cell [Afaan Ingiliffaatti geessa] jedhurratti labsaniiru.
Icciitii waggootaaf ture furuu
Ijaan gaafa ilaallu dinnichaafi timaatimni hammana wal hin fakkaatan ta'a.
Ta'us, ''isaan garuu baay'ee baay'ee wal fakkaatu,'' jedhu Dr Naap, kan qorannoo kanarratti hirmaatan.
''Yeroo dheeraaf dinnicha, timaatimaafi etuberosum baay'ee akka walitti dhihaatan ni beekna turre,'' jedhan.
''Wanti nuti hin beekne kamtu dinnichatti dhihoodha isa jedhudha, sababni isaa qacceen sanyii garagara wanta garagara nutti himaa turani,'' jedhan.

Madda suuraa, Thompson & Morgan
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waggoota dheeraaf saayintistoonni achi dhuftee dinnichaa kan miiliyoonoti sooratan qorataa turan.
Haa ta'u malee, itti cime. Sababnimmoo qacceen sanyii dinnichaa waan barame miti.
Lubbuu qabeeyyiin, dhala namaa dabalatee, seelii isaanii keessatti koppii kiromosomii lama qabu, dinnichi garuu afur qaba.
Xaxaa kana furuuf gareen qorattootaa dinnicha, timaatimaafi etuberosum keessaa sanyii seelii 120 ol xiinxalan.
Bu'aan qorannoo kanaa bu'uurri dinnichaa ''tokko yookiin isa kaan miti, lamaanuu'' ta'uu baramuu Dr Naap jala sararanii himu.
Akkanaan ture qorattoonni hariiroo jabaa gaarreen Ameerikaa Kibbaatti dinnichaafi timaatima gidduu ture kan argatan.
Sanyiin walirraa madaqe kuni gaarreen keessa akka horu isa gargaareera.
Kuni, dinnichi hundeen isaa nyaatamuus maatii isaa fakkaata. Ta'us, waan addaa tokkoos qaba, - hundee (tuber).
Hundee qabaachuun isaammoo yeroo hundaa kuusaa anniisa akka qabaatuu gargaara. Kunis, hongeefi bona akka irra aanu isa gargaara.

Madda suuraa, Getty Images
Saayintistoonni waan ajaa'ibaa tokkoos argataniiru.
Akka booda baramettii taanaan maatiin dinnichaa sanyii hundee biqilchuuf gargaaru qabu turan. Garuu, gahaa hin turre.
Garuu, kan hundee biqilchuu danda'an yeroo walitti dhufanidha.
Gareen Chaayinaa Dr Naap waliin dalagan kana mirkaneessuu danda'eera.
Sanyiin biqiltuu walitti dhufuun hundee uumuun isaanii qorattootaan akka waan guddaatti ilaalama.
Hundeen kuni jechuun dinnichi uumamuun akka warraaqsatti fudhatame.
Dinnichi uumamuun isaa sanyii malee yookiin polineeshinii malee akka horu taasiseera.
Isa qofa miti lafaa teessumaafi qilleensa garagaraa keessatti akka horu yookiin akka baru gargaare.
Har'umallee, ''kibba Ameerikaa hanga Chiliifi Biraazilitti sanyiin dinnichaa bosona keessa 100 caalan jiru,'' jedhu Dr Naap.
Hubaatii
Akkana horuun isaa garuu dinnichas hubeera.
Fakkeenyaaf dinnicha fuudhanii biyyoo qotanii yoo owwaalan ni biqila, sanyuma isaatu baay'ata.
Kunimmoo, dhibeen haaraa gaafa dhufe akka hin dandamanne yookiin madiinummaa akka hin horanne taasisa.
Kuni, sababa saayintistoonni qorannoo kana taasisanitti nu qajeelcha.
Akka Dr Naap jedhanitti, gartuun Chaayinaa sanyii dinnichaa sanyiirraa horuufi sanyiin isaa fooyya'u danda'u uumuu barbaadani.















