Hayyuu Afaan Oromoo siyaasa Noorwey keessatti ifaa jiru Amaanu'eel Raagaa eenyu?

Madda suuraa, Clement Aasmann Størksen
Itoophiyaa irraa Noorwey galee waggaa kudhan keessatti lammii biyyichaa kan tahe, Dr. Amaanu'eel Raagaa amma siyaasa biyyattii keessatti dorgomaa jira.
Waggaa kudhan dura Noorwey kan gale Dr. Amaanu'eel Raagaa Bulchiinsa magaalaa 'Gamle Oslotti' Itti Aaanaa Pirezidaantii paartii Kiristiyaan Dimokiraatik tahuun filannoo irratti dorgomaa jira.
Barsiisaa Yuunvarsiitii Jimmaa kan ture Dr. Amaanu'eel Raagaa Yaadatee barnoota isaa PhD Yuunvarsiitii Finfinneetti osoo barachaa jiruu yeroo sochiin qeerroo Itoophiyaa keessaa hammaate biyyaa bahuun Noorwey gale.
Biyyichatti erga lammummaa argatee osooma hojii barsiisummaa hojjetuu Paartii Kiristiyaan Dimokiratik Paartii jedhamutti makamuu hime.
''Bara 2015 gara Noorwey deeme. Digirii sadaffaa osoon hojjedhuun gara dhumaatti barnootaaf jecha gara Noorwey deeme. Waraqaa qorannoon dhiyeessun qaba ture.
Biyya keessa rakkoo siyaasaatu ture. kanaafan asumaan qubadhee asitti hafe'' jedhe Amaanu'eel.
Dhalli namaa jijjiirama barbaada. Anis akkasuma taa'ee ilaaluu irra keessatti hirmaadhee waa jijjiiruu keessatti qooda fudhachuun barbaada ture.
Biyya kana carraa bal'aatu jira. Yoo filamuu baattellee filattee qooda kee bahachuu dandeessa jedhe.
Yeroo biyya kana dhufe jalqaba afaan nu barsiisan kan jedhe Dr. Amaanu'eel, yeroo sana cinaatti dhimma siyaasaa, aadaa fi duudhaa biyyichaa walumaan baranne jedhe.
''Paartilee siyaasaa biyya kanaa keessaa kamtu maal hojjeta kan jedhu nu barsiisan. Yeroo sana fedhii siyaasaatu na keessa gale. Haaluma kanaan gara siyaasa itti amanuuttan gale.''
Paartiin amma seene Kiristiyaan Dimokiraatik Paartii jedhama. Paartichi wal qixxummaa namaa fi namoota gargaaruu irratti kan xiyyaaffatu waan taheef isaan waliin hojjechuufan itti makame jedhe.
'Paartii mormituu waan jedhu hin jiru'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Siyaasni Noorwey isa duraan beeknu irraa adda kan jedhu Dr. Amaanu'eel paartii xixiqqatii hanga paartilee gurguddaatti hunduu qooda qabu jedhe.
Ilaalchi siyaasaa gatamu hin jiru. ''Waan mormamus waan baay'een hin jiru. Waan baay'een wal fakkaata. Paartileen waliigalteedhaan biyyicha bultu. Wantoonni gaaffiif hin dhiyaanne jiru jedhe Dr. Amaanu'eel.
''Wantoonni akka barnootaa, fayyaa fi wantoonni mootummaan ofii hojjetu toluma waan namaaf dhiyaataniif waan irratti hojjettu hin qabu. Bulchiinsa isaa irratti qofa yoo dubbatte malee'' jedhe.
Itti dabaluun waan siif dhiyaatu wal fakkaata. Garuu akkaataatti hojjetu qofaatu adda taha malee. Kaan ni lallaba, kaan gadi qabeema hojjeta,'' jedhe.
Paartiin Kiristiyaan Dimokiraatik bara 2005-2008tti Noorweyiin bulchaa tureera.
Partiin kun warra ilaalcha 'Center Right' qaban keessaa tahuu hime.
''Paartichi baay'ee guddaas miti, garuu paartii gidduugaleessaati. Paartii mootummaa diiguus ijaaruus danda'udha. Dhiibbaa uumuu danda'a,'' jedhe Amaanu'eel.
Noorwey keessatti paartiin tokko mootummaa ijaaruuf sagalee %85 argachuu qaba. ''Yoo paartiin tokko qofaa isaa sagalee kana dhabe paartileen ilaalcha wal fakkaataa qaban walitti dhufuun mootummaa ijaaru,'' jedhe.
Fulbaana 8 bara 2025 isa xumuraa sagaleen kan kennamu tahuu kan hime Amaanu'eel mootummaa kan tahu paartii sagalee %85 argatu taha jedhe.
Garuu paartilee xixiqqoo osoo sagalee caalmaa hin argatiin hafaniifis kootaan kennamu jira. Yoo mootummaan dogogore illee yaada isaanii dhiyeessuun itti gaafatamaa gochuuf qooda mataa isaanii bahatu. Kanaaf keessaa hin baafaman,'' jedhe.
Amaanu'eel yoo filannoo kana mo'ate paarlaamaa biyyattii keessa galuun seera tumuutii hanga paartii isaa waliin tahuun hanga mootummaa ijaaruutti dhaqabuu akak danda'an hime.
Paartiin isaanii yoo mo'ate dhimma maatii, fayyaa, tika biyyaa, ijoollee, barnootaa fa'aa irratti imaammata paartichi qabu hojiirra oola jedhe.
Paartileen siyaasaa yeroo wal dorgoman yaaduma addaa guddaa tahe qabatanii miti kan jedhu Dr. Amaanu'eel, bu'uuraaleen bisoomaa hedduu duraanuu waan hojjetamaniif waan kana sii godha waan jedhu hedduun hin jiru jedhe.
Yeroo duulli filannoo gaggeeffamu waadaa sobaa galuun jiraa?
Amaanu'eel kolfaan qasa'ee ''asis jira'' jedhe.
''Paartiin tokko imaammatuma kaffaltii karaa nan hanbisa jedhee hundaa'e jira, [Konkolaataan yeroo darbu kaffaltii kan kaffalsiisu]. Paartichi yaada kana yeroo fidu nama baay'ee file. Erga sagalee argatee booda inumaayyuu kaffaltiin daandii nan hanbisa jedhee ittiin dorgome ittuu hammaate,'' jedhe.
Paartiin biraa ammoo waa'ee hospitaala tokkoo qpfa ajandaa godhatee dorgomaa jira jedhe Dr. Amaanu'eel.
Hospitaala tokkotu haa diigamu jedhame. Paartiin tokko ammoo yoo na filattan akka hin diigamnen godha jedhee dorgomaa jira. Waanuma xixiqqaatu dubbii ijoo taha jedhe.
Baqattummaa fi siyaasa
Biyyoonni Iskaandineeviyaa addunyaa irratti nagaa qabaachuu fi dimokiraasiidhaan beekamu. Dr. Amaanu'eel Raagaa biyyicha galee siyaasa biyyattii keessatti hirmaachuuf wagoota kudhan qofa isatti fudhate.
Jalqaba garuu siyaasa biyyichaa keessatti hirmaachuuf lammii biyyichaa tahuu qabda.
''Biyya kanatti asitti dhalatteefi achitti dhalattee osoo hin taane lammii biyya kanaati moo miti kan jedhudha kan ilaalan. Lammii biyya kanaa taanaan waan seerri lammii biyyichaaf eeyyamu hundayyuu ni argatta,'' jedhe.
''Itti gaafatamummaankoos faayidaankoos wal qixxeedhuma. Manni murtii, seerri biyyichaa fi poolisiin hunduma keenyaaf qixa dhaabbata.''
Lammii biyyichaa taatee siyaasa keessatti yeroo hirmaattu waanuma biyyicha ijaaru irratti qofa hojjetta jedhe.
''Biyyuma keessatti dhalatte keessattiyyuu namni si jaalatus si jibbus jira'' kan jedhu Amaanu'eel inni guddaan biyyichatti hojiirra oolu karaa wal qixa taheen seerri lammiileef wal qixa dhaabbachuu isaa tahuu hime.
Siyaasni Noorwey kan biyyoota Afrikaa irraa baay'ee addadhaa?
Dr. Amaanu'eel kun waan wal bira hin qabamne wal bira qabuun dorgomsiisuudha jedhe. Biyyoonni Afrikaa hedduun kolonii jala turuu kaasuun erga bilisoomaniis sirni dimokiraasii garuu ammayyuu kichuu tahuu kaasa.
Biyyoota Afrikaa hedduu keessa dhimmima heera biyyaalessaa irrattuu akak walii hin galamne kan kaasu Amaanu'eel Norwey keessa waan akkasii hin jiru jedhe.
''Biyya akka [Itoophiyaa] keessa Paartileen waliin ijaaramanii mootummaa diiguuf hojjetu. Tokko yoo waa hojjechuuf jedhu tokko gufuu itti taha. Heerri biyya kanaa sirrii mitii, jijjiiramuu qabaa jedhu. Taayitaa wal saamuu jira, biyya kana akkas miti'' jedha.
Mootummaan tokko gatii ati jibbiteef ykn aangoo hin arganneef hin lolamu. Yoo waan seeraan alaa hojjete paarlaamaatu buusa, qawwee walitti kaasuun hin jiru,'' jechuun ibse.
Amaanu'eel Itoophiyaa keessatti dheebuu siyaasatti makamuu osoo qabuu carraa dhabuun biyyaa bahee biyya ormaatti dhugoomsaa jiraa laata?
Dr. Amaanu'eel yeroo biyya ture fedhii isaa inuman qaba ture. Garuu haalonni turan rakkisaa tahuu kaasuun umuriin siyaasatti makamuu amma tahuu nan amana jedhe.
Carraa kana amma argachuukotti nan gammada. Dur mootummaa na dhorke jedha. Amma immoo maaltu na dhorken jedha. Osoo biyya jiraadhee haalli akkaii jira tahe inuman hirmaadha ture jedhe Dr. Amaanu'eel Raagaa.
Dr. Amaanu'eel Digirii jalqabaa isaa Yuunvarsiitii Finfinnee irraa Afaan Ingiliffaa fi og-barruudhaan xumure.
Digirii isaa lammaffaas achuma Yuunvarsiitii Finfinneetti barate. Yuunvarsiitii Jimmaa keessattis barsiisaa afaanii fi xiin-qooqaa ture.
Dr. Amaanu'eel qubeessa Afaan Oromoo irraa jalqabee qorannoowwan gurguddaa hedduu hojjeteera.
Dhimma Koorniyaa fi afaanii irrattis qorannoo adda addaa hojjechaa ture.
Amaanu'eel akkuma nama kamii biyya alaatti deemee barachuuf hawwii akka qabu ture hime. Yeroo barataa Yuunvarsiitii tures Afaan Xaaliyaanii waggaa lamaa fi walakkaa Yuunvarsiitii Finfinneetti barachuun dippiloomaa akka qabu hime.
1993 keessa Afaan Faransaay dabalataan barateera. Afaan Arabaas akka jalqabee dhiise kan hime Amaanu'eel fedha afaanota adda addaa baruu guddaa akka qabu hime.












