Qondaalli waraanaa mormitoota 'sangoomsuuf' dhaadatuufi sanyii Yasuus ofiin jedhu USn walitti bu'e

Hoogganaa Humna Waraanaa Waliigalaa Yugaandaa Muhoozii Kaayinerugabaa uffata waraanaa uffatee

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hoogganaa Humna Waraanaa Waliigalaa Yugaandaa Muhoozii Kaayinerugabaa uffata waraanaa uffatee
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Miira aarii, humnaan yaaduu fi haasaa daangaa hin qabne yeroo hin barbaachisnetti dubbachuun kan beekamu Hoogganaa Olaanaan Humna Waraanaa Yugaandaa Jeneraal Muhoozii Kaayinerugabaa nama akkaan qeequmsi irratti heddummaatudha.

Ilmi pirezidantii Yugaandaa yeroo dheeraaf aangoorra jiranii Yuweerii Museveenii kun ergaawwan nama shororkeessanii fi itti gaafatamummaa hin qabne karaa miidiyaa hawaasummaa X dabarsuun beekama.

Dhiheenya kana wayita filannoon doorsisi itti hammaate biyyattii keessatti gaggeeffamu jeneraalli waraanaa kun mormitoota hedduu ajjeesuudhaan dhaadachuun X irratti barreesseera.

Maxxansa isaa tokko keessatti morkataa beekamaa biyyattii Boobii Waayin akka sangoomsu dhaadateera, boodarra barreeffami sun ni haqame.

Abbaansaa maanguddoon umrii waggaa 81 amma filannoo mo'ate kun marsaa kana mo'achuusaatiin pirezidantii umrii dheeraa aangoorra ture ta'a.

Kun maanguddoo kanaaf marsaa xumuraa ta'a. Kanaaf ilmasaa umriin waggaa 51 kanaa bakka buusuuf qopheessaa jira.

Pirezidant Museveeniin ilmasaa Jeneraal Muhoozii Kaayinerugabaa fi obboleessa isaa Saalim Saaleh faana ta'uun siyaasaa fi waan mara biyyattii dhuunfatanii jiru.

Dhimmi biyyattii hundi gidduumasaaniitti dhuma.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mormitoonni fi deeggartoonni paartilee morkattootaa maatiin Museveenii Yugaandaa bulchuu akka waan mirga Waaqarraa argataniiti fudhatan jechuun qeequ.

Filannoo ji'a Amajjii keessaa gaggeeffame Museveeniin sagalee kenname keessaa harka 70 argachuu humata, kanaanis aangoo waggoota kurna afuriif irra ture ammas dheereffateera.

Morkataa beekamaan biyyattii Boobi Waayin sagalee kenname keessaa 24 qofa argachuun erga labsamee booda fudhachuu dide.

Bu'aan filannoo ibsame soba ta'uu fi sagaleen hatamuu himate.

Kanaan xiyyeeffannaa Jeneraal Muhoozii keessa gale. Qondaalli waraanaa Yugaandaa kun morkataan kun akka harka kennatuuf sa'atii 48 kenneefii adamsaa ture.

''Yoo harka hin kennatu ta'e akka hidhataa seeraan alaattin isa adamsa. Gatii isaaf malun kennaaf,'' jechuun itti dhaadate Jeneraal Muhooziin.

Jeneraalli waraanaa kun boodarra ammoo Ameerikaan Boobi Waayin akka miliqu gargaarteetti jechuun himate.

Kanaafuu hariiroon waraanaa US fi Yugaandaa hundinuu akka adda citu ibse.

Haata'u malee kana jedhee osoo hin turin ammoo Jimaata Ameerikaa dhiifama gaafate.

Odeeffannoo dogoggoraan oofamee murtee kana akka dabarse ibse.

Humni waraanaa Yugaandaa waliigalatti mirga namoomaa sarbuun himatamu

Madda suuraa, Anadolu via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Humni waraanaa Yugaandaa waliigalatti mirga namoomaa sarbuun himatamu

Ameerikaan ammoo dhiifama qondaala waraanaa Yugaandaa kanaa fudhachuu didde.

Seeneetarri US Jim Risch, walitti qabaa Koree Hariiroo Alaa Seeneetii kan ta'an, dhiifama Jeneraal Muhoozii Kaayinerugabaa dhiheesse kana akka hin fudhanne ibsaniiru.

Dhaadannoo fi dhiifama jeneraalli waraanaa kun US irratti dhiheesseen waan gatii hin qabne jechuun kan busheessan seeneetarri US kun inumaa Yugaandaarra qoqqobbii cimaan akka kaa'amu dhaadataniiru.

Seenetarri US kun ibsa JImaata baasan keessatti ilmi Pirezidant Yuweerii Museveenii, Muhooziin, daangaa darbuu eeran.

Ergaawwan isaa itti gaafatamummaa hin qabne haquu fi Ameerikaa dhiifama gaafatus garuu sarara diimaa darbeera jechuun guddoo itti mufachuu ibsan.

Jim Risch hariiroo humna waraanaa fi nageenyaa ishee keessa deebitee akka sakattaatuu fi sababa kanatti ammoo akka qoqqobbiin Yugaandaa eeggatu ibsan.

Seeneetarichi Ameerikaan ''daddaaqamaa fi dubbii maal na dhibdee sadarkaa kanatti taasifamuu araarama hin qabdu,'' jedhan.