Sa'atii harkaa barbaachatti manni pirezidantii sakatta'ame

Diinaa Boolaartee

Madda suuraa, Reuters

Poolisiin Peeruu qorannoo malaammaltummaaf jecha mana pireezidantii biyyattii Diinaa Boolaartee tasa sakatta'e.

Pireezidantittiin sa'aatii harkaa Rolex(Rooleeks) kudhanii ol ifatti hin beeksisne qabdi jechuun poolisoonni mana ishee sakatta'an.

Qorannoon kunis erga bara 2022 aangootti dhufteen as sa'atiiwwan harkaa qananii isheen sagantaalee uummata irratti keewwattu ilaalchisee miidiyaa irratti oduun bahuun booda eegalame.

Mootummaan Peeruu sakatta'insa tasaa Sanbata taasifame kana, ''kan akka malee taasifameefi heeraan ala,'' ittiin jedheera.

''Haasaa siyaasaa jabaatu adeemaa jira, kunimmoo invastimantii fi guutummaa biyyaa irratti dhiibbaa gochaa jira,'' jedhan Ministirri Mummee Peeruu Gustaavoo Adriiyaanzeen immoo miidiyaa hawaasaa X irratti.

Qaamni mootummaa baasii to'atu qabeenya pirezidantiin biyyattii ifatti beeksiste nan qoradha kan jedhe ji'a tokko dura.

Pirezidantiin kuni garuu torbee darbe, ''ani mana mootummaa harka qulqulluunan gale, qulqullummaanin baha,'' jette.

Dabaluunis sa'atiiwwan harkaa Rolex keewwattu kunneen maallaqa ofii waggaa 18 irraa qabee hojii hojjetteen akka bitatte tahuu himti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yeroo poolisiin waajira abbaa alangaa wajjin tahuun tasa Sanbata ganama manashee sakatta'u TV biyyattii Laatiinaa jedhamuun darbeera.

Poolisiin foddaa mana jireenyaa pireezidantittii cabsee gale, sababiinsaa balballi akka banamuufi sakatta'uuf akka eeyyamni kennamu gaafannaan ijaa deebii hin arganneefi.

Oppireeshiniin kanaaniis qondaaloti abbaa alangaa 20 fi poolisoonni 20 kan hirmaatan yoo tahu mana jireenyaa pirezidantii masaraa mootummaa irraa kiloomeetira muraasa fagaatutti raawwate.

Ministirri Muummee Adriiyaanzen yeroo kuni raawwatu waajjira turtee jedhan, isheen garuu hamma ammaa deebii hin kennine.

Sa'atiiwwan harkaa bitteef ragaa akka dhiyeessituuf yeroo dabalataa gaafattee abbaan alangaa dhorkuun booda tasa mannishee sakatta'ame.

Pireezidant Diinaa ogeettii seeraa yoo taatu, pireezidantummaatti kan dhufte akka tasaa namni pireezidantii biyyattii ture Peedroo Kaastiloo kongireesiif diiguuf jennaan aangoo irraa buqqifamuu isaatiini.