Intalli Mugaabee qabeenya doolaara mil. 80 baasu qabaachuu sanadni mana murtii mirkaneesse

Madda suuraa, Getty Images
Intalli Pireezidantii duraanii Zimbaabwee abbaa warraashee hiikuuf yeroo jettutti, waraqaan mana murtii qaqqabe mana jireenyaa guddaa Dubaayitti argamu dabalatee qabeenya lakkoofsaan 25 tahu akka qabdu agarsiise.
Waraqaan BBC’n arge, qabeenyi dubartii tanaa walumaagalatti doolaara miiliyoona 80 akka baasus akeeka.
Boonaa Mugaabeen abbaa warraashee duraanii paayileetii ture Siimbaa Musaahuunii Chikooree hiikuuf kan gaafatte Bitootessatti ture.
Obbo Simbaan lafa qonnaa 21 dabalatee qabeenya isaanii qooddachuu barbaada. Intalli Mugaabee dhimma kanarratti yaada hin kennine.
Maddeen maatii Mugaabeetti siqan BBCtti akka himanitti pireezidantiin duraanii biyyatti yeroo du’an maqaa isaaniin homaa hin qaban. Tahus maallaqa soorumaa miiliyoona 10 argatanii turan. Maddeen kunneen qabeenya abbaan warraa intala Mugaabee tarreesse dhuunfachuu ishees shakkii qabu.
Haa tahu malee qabeenyi ijoolleen pireezidantii duraanii qabu jedhamu lammiilee Zimbaabwee mufachiiseera.
Konkolaataawwan qananii, meeshaalee qonnaafi doolaara dheedhii kumaan lakkaa’amu waraqaa mana murti kanarratti eerameera.
Lafa qonnaa 21 maatiin Miugaabee qabu jedhamu kan bara 2000 keessa warreen adii biyyattii turan irraa kan fudhatame dha, imaammatni mootummaa garuu lafa qonnaa tokko, nama tokkoof jedha.
Obbo Simbaan intala Mugaabee wajjin daa’imman isaanii sadii waliin akka guddisanis gaafateera, qabeenyi tarreesse yeroo gaa’elaan turanitti qofaa fi waloodhaan kan dhaalaafi arjoomaan pireezidaantii duraanii irraa argatan dabalata dha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka inni jedhutti qabeenyi inni tarreesse, qabeenya isheen qabduun yeroo wal-bira qabaan ilaalamu copha galaanaati jedhe.
Dubbii himaan pireezidantii duraanii biyyattii Joorji Chaaraambaan amma waajira pireezidantii keessaa hojjetan, jarrii lafa qonnaa 21 qabaachuu isaanii haalan.
''Lafti qonnaa kamiyyuu kan mootummaati, qonnaan bultoonni liisiidhaan itti fayyadamu,’’ jechuun Tiwiitarii irratti barreesse.
Namni kamiyyuu,’’lafa qonnaan 21 Boonaafi abbaa warraashsee qabu jedhamu kana qabachuun siyaasa haasa’uu hin qabu,’’ jedhan.
Adeemsi mana murtii magaalaa guddoo biyyattii Haraaree keessatti adeemsifamu yoom akka xumuramu waan beekame hin jiru.
Aadde Boonaa fi Obbo Simbaan bara 2014tti gaafa wal-fuudhan cidha qananii hogganooti biyyoota Afrikaa irratti argamaniifi kallattiin TV dhaan darbeen ture.
Mugaabeen bara 2019 umriisaanii ganna 95tti ture lubbuun isaanii kan darbe, lubbuun darbuun duras ergaan dhimma dhaalaa fi kaan irratti dhaaman hin turre.
Bara 1980 Zimbaabween bilisummaashee argatterraa hanga bara 2017 michuu isaanii duraaniin waajira akka gadhiisan dirqisiifamaniitti biyyattii bulchaa turan.












