Iraan namoota mootummaa morman jette du'aan adabde

Namoota duuti itti murtaa'e

Iraanitti aangawoonni namoota mootummaa morman jedhan sadi irratti murtii du'aa dabarsan.

Namoonni kun murtiin du'aa irratti darbuun isaanii mormii bara darbe guutummaa biyyaattiitti mootummaa irratti gaggeeffameen kan wal qabatuudha.

Manni murtii Iraan adabbii du'aa mormitoota kanarratti kan dabarse qaamolee nageenyaa irratti dhukaasa banan jechuuni.

Dhaabbanni mirga namoomaf falmu Amnestii Intarnaashinaal haqni namoota kanaa jallateera jechuun ibse.

Ji'a Muddee asitti Iraan namoota afur fannistee ajjeestetti. Namoonni biroo heddus murteen du'aa itti murtaa'era.

Bara darbe Iraanitti dubartiin ganna 22 hijaaba hin godhanne jedhamtee erga hidhamtee booda mormii ka'een guutummaa biyyattiitti mormiin dhohee ture.

Mormii kana hordofee humnoonni nageenyaa mormitoota heddu ajjeessaniiru.

Humnoonni nageenyas du'aniiru.

Namoonni kun sadan: Majiid Kazeemii nama ganna 30, Saaleh Mirhaashemi ganna 36 fi Saa'id Yaaqubi ganna 37 dha.

Maddeen Amnestii Intarnaashinaalitti akka himanitti namoonni kun ukkaamsamanii erga fudhatamanii booda hiraarfamanii akka waan balleessaa qabaniitti akka amanan dirqisiifaman.

Maajid Kanzeemii mana hidhaa keessatti waan isarra gahe sagalee waraabamee baheen yeroo dubbatu: "Maqaa Waaqatiinan kakadha ani nama nagaadha. Ani meeshaa waraanaa homaatuu harkaa hin qabu. Humnoonni nageenyaa na reebanii meeshan waraanaa kun kan kooti jedhii amani naan jedhan.''

"Waan isin barbaaddan isiniifan jedha garuu maatii koo hin tuqinaan jedheen" jechuun maatii isaallee ni ajjeesna jedhanii akka sodaachisan dubbate.

Manni Murtii Iraan Majiid Kanzeemii dabalatee namoota kaan "isaan diina Waaqati" jechuun adabbii du'aa itti murteesse.

Dhaabbanni Center for Human Rights in Iran (CHRI) jedhamuufi US keessa mandheeffate ammoo namoonni kun carraan of-ittisuu isaanif akka hin kennamne ibse.

Namoonni kun dirqisiifamanii yakka hojjanneerra jedhanii akka amanan taasifamaniiru jechuun haqni isaanii akka jallate ibsa dhaabbanni kun.

Torbee darbe Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti itti gaafatamaa mirgoota namoomaa kan ta'an Volker Türk murteen du'aa lammiilee Iraanirratti murtaa'u haala sodhaachisaa ta'een dabaluun isaan yaaddessuu himan.