Pop Firaansiis warra Xaaliyaaniin ijoollee caala beeylada guddistu jechuun akeekkachiisan

Poop Firaansiis dubartii garaatti baattu yoo eebbisan

Madda suuraa, Reuters

Dureen amantaa Kaatoolikii Pop Firaansiis Xaaliyaan keessatti maatii ijaaranii ijoollee horuun wanta dureessi qofti gochuu danda'u ta'eera jechuun akeekkachiisan.

Koonfirensii rakkoo dhimma guddina uummata Xaaliyaan irratti gaggeefame irratti kan dubbatan dureen amantaa kun, mana hedduu keessatti beeyladni bakka ijoollee bu'aa jiruu jedhan.

Waltajjii kana irratti dargaggeeyyiin muraasni tiishartii barreefama "we can do this" jedhu ofirraa qabu uffachuun namootni daa'ima hedduu akka horatan jajjabeessaa turan.

Xaaliyaan biyyoota Gamtaa Awurooppaa keessa hanga da'umsa daa'immanii isa xiqqaa qabaachuun beekamti. Bara darbe daa'imman dhalatan 400,000 gadi yoo ta'u, kunis baroota darban keessatti isa xiqqaadha.

Marii magaalaa Room keessatti gaggeefame kana gubbaatti, Pop Firaansiis dhalootni haaraan xiqqaachaa dhufuun abdiin hegeree akka hin jirre akeeka jedhan.

Daraggoonni waayee hegeree isaanii shakkii keessa jiraachuun sababa tokko ta'uu dureen amantaa kun kaasaniiru.

''Hojii amansiisaa argachuu dhabuun, kiraan manaa akkaa ol qaala'uuniifi miindaan gad aanaa ta'uun rakkoolee jaboodha'' jedhan.

Beeyladootni akka saree fi adurree maatii tokko tokko keessatti bakka ijoollee bu'aa jiru kan jedhan Poop Firaansiis, mudannoo obsa isaanii fixachiise tokko himan.

Gaafa tokko dubartiin tokko itti dhiyaattee boorsa ishee bantee ''mucaa koo naa eebbiisaa'' jettiin. Yeroo itti siqan akka yaadan mucaa osoo hin taane saree xiqqoo ta'ee argame.

''Obsa dhabeen akkas jedheen itti hime: Ijoolleen waan nyaatan dhaban hedduun osoo jirani saree natti fiddee dhuftaa?'' jechuu warra walgahetti himan.

Ijoollee horachuun biyyoota akka Jappaan, Kooriyaa Kibbaa, Poortoo Riikoofi Poortugaal keessatti gadi bu'aa jira.

Xaaliyaan keessatti garuu daa'imman horachuu hi'isaa dhufuun yaaddoo ta'eera.

Biyyattiin bara 2050'tti tokko shanaffaa lammiilee ishee amma jiranii ni dhabdi. Haaluma walfakkaatuun ammoo uummatni jiru harki hedduun dafee dulloomaa jira.

Lakkoofsi lammiilee jaarraa dhibbaa fi isaa ol jiraatan waggoota 20 darban keessa dachaa sadiin dabalaniiru.

Xaaliyaan biyya sireen daa'immanii itti one( "The country of empty cribs") jedhamti. Abbaan qabeenyaa tiwiitar Eloon Maask mataan isaa ji'a darbe ''Xaaliyaan badaa jirti'' jechuun barreesse.

Ministirri diinagdee biyyattii Giancarlo Giorgetti bara 2042'tti sababa dhalootni haaraan xiqqaaachaa adeemaa jiruuf omishni waliigalaa biyyattii, GDP, dhibbeentaa 18'n gadi bu'aa jedhaniiru.

Dubartootni Xaaliyaan maaliif dahumsa dheessu?

Dubartootni Xaaliyaan di'amman muraasa ykn homaa qabaachuu sababni filataniif jira.

Dargaggeeyyiin hojii amansiisaa qabaachuuf qormaata hedduu keessa bahu achii ammoo sirni deeggarsa daa'immanii guddisaaf gahaa miti. Kunimmoo hojii hojjechaa daa'imman guddisuu qormaataan guuta.

Haadholii 10 keessaa jaha kutaa ijoollee addatti hin qaban jedha Save the Children.

Biyyattii keessatti dubartootni garaatti baatan hojii akka gadi-dhiisan dirqisiifamu, kaan ammoo yeroo garaatti isaan hafu hojiirraa ari'amu.

Ministirri Muummee Xaaliyaan Joorjiyaa Meloonii konfiransii dhimma kanaa irratti hirmaatanii dhimmi hangi ijoollee dhalatani xiqqaachuun ''balaa biyyoolessaati'' jechuun ibsan.

''Rakkoo kanaaf fala gochuun waan dursi kennamuufi. Xaaliyaan deebitee biyya abdii qabdu taatee arguu feena.''