'Buqqaatiin sababa misooma koriidarii 'fedhii abbootii qabeenyaa daangesse'- Ameerikaa

Magaalaa Finfinnee

Madda suuraa, Office of the Prime Minister

Pirojektiin misooma koriidarii jiraattonniiifi daldaltoonni "kuma kudhaniin lakkaa'aman" akeekkachiisa muraasa gahaa malee akka ari'aman taasise "fedhii abbootiin qabeenyaa misooma invastimantiiratti bobba'uuf qaban daangessuu" gabaasni mootummaa Ameerikaa ibse.

Walitti bu'insawwaniifi garaa garummaan sharafa alaa "irra deebiyee bal'achuu" kan eere gabaasni kun, haalli invastimantii Itoophiyaa "Ameerikaa fi daldalawwan alaa birootiif qormaatadha" jechuunis gamaggameera.

Mootummaan Ameerikaa gabaasa gamaggama isaa kanaa kan baase ibsa haala invastimantii waggaa waggaan qopheessu Jimaata Fulbaana 26, 2025 kenneen ture.

Kampaanonni Ameerikaa "murtee ragaarratti hundaa'e akka dabarsan" taasisuuf gabaasni Ministeera Dhimma Alaatiin qophaa'u kun, haalli invastimantii biyyoota 170 hangam mijataa akka ta'e ilaaleera.

Gabaasni Ameerikaa kun Itoophiyaa ilaalchisuun akka yaaddootti kan kaase keessaa tokko Finfinneetti jalqabee magaalota biyyattii 40 keessatti gaggeeffamaa kan jiru pirojektii misooma koriidaraati.

Pirojektiin, keessumaa daandiiwwan gurguddoo magaalotaa miidhagsuu, daandiiwwan lafoo babal'isuu, akkasumas bakkawwan bashannanaa ijaaruurratti fuulleffate kun kan jalqabame A L I Guraandhala bara 2016 ture.

Mootummaan misoomni koriidaraa pirojektii "Itoophiyaa Afrikaa Bahaa keessatti wiirtuu daldalaafi loojistikii taasisuu kaayyeeffate" akka ta'e dubbata.

Pirojektiin kun "bu'uraalee misoomaa akka cimsu" akkasumas "daldala daanqaa qaxxaamurullee akka saffisiisu" ibsa mootummaan.

Gabaasni Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa gama isaatiin pirojekticha gama mirgoota jiraattotaa fi qabeenya daldalaaf eegumsa gochuutiin walqabsiisuun ilaale.

Pirojektoonni misooma koriidarii walitti aansuun hojiirra oolan "qabeenya lammilee biyya alaa ta'an dabalatee jiraattotaa fi dhaabbileen daldalaa kuma kudhaniin lakkaa'amanii ari'eera, qabeenya isaaniis beenyaa tokko malee osoo akeekkachiisa gahaa hin kenniin diigeera," jedha gabaasichi.

"Buqqaatiiwwan sababa misooma koriidaraatiin gaggeeffaman keessaa hangi ta'an akeekkachiisa tokko malee fi qawween doorsisuun" akka raawwataman ibse.

Adeemsi pirojektii kanaa "fedhii abbootii qabeenyaa akka daangesses" eereera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akka heera mootummaa Itoophiyaatti lafti qabeenya ummataa ta'uu kan kaasu gabaasni kun, sababa kanaanis investeroonni lafa kireeffachuu malee abbaa qabeenyaa ta'uu akka hin dandeenye eera.

Hojimaati akkasii kun "aanga'oonni faayidaa ummataaf laficha deebisanii akka fudhatan ykn waliigaltee liizii maqaa to'achuun akka haqan isaan akka dandeessisu" kaa'eera.

Gabaasicharratti kan eerame beenyaan gahaa fi akeekkachiifni kennamuu dhabuu dhaabbanni mirga namaaf dhaabbatu Aministii Internaashinaal gabaasa isaa A L I Ebla 2017 baaserrattis ka'uu isaati.

Mootummaan gama isaatiin bakkeewwan misoomni koriidarii raawwatamanirraa namoota kaafamaniif manniifi lafti bakka bu'u, akkasumas beenyaafi kan ittiin bayyaanatan kennamuufiif ibsa.

Gabaasni waggaa mootummaa Ameerikaa gama isaatiin daldalawwan abbootiin qabeenyaa isaanii lammilee biyya alaa ta'an pirojektichaan qabiyyee isaaniirraa akka kaafaman osoo hin taasifamiinillee "karaa al-kallattiin" hojii isaaniirratti diibbaan gahuu dubbatu.

Pirojektoonni misooma koriidarii [bakkawwan] daldalaa fuula dura daandiiwwan jiran" diiguu isaa kan kaasu gabaasni mootummaa Ameerikaa, kun ammoo hojii daldalaa "kan hin danda'amne" akka taasise ibsa. Kanarraa kan ka'een "hojiiwwan daldalaa kallattiin tuqamuu baatanillee hojiin ala akka ta'an" isaan taasisuu tarreessa.

Kana waliin walqabsiisuun abbootiin qabeenyaa biyya alaa fi biyya keessaa tokko tokko "tilmaama gibiraa tasaa fi olaanaa ta'e ykn gaaffii gibiraa seera haaraa gara duubaatti deebiyee hojjetu" akka isaan mudate ibsuu isaanii eereera.

Gabaasni kun gaaffiin gibiraa kun "iftoomina gahaa ykn adeemsa sirrii malee" kan dhiyaate ta'uu kan ibsu yoo ta'u, "bu'aa isaanii haalaan hir'isee jira", akkasumas tarkaanfiin kun "al-kallattiin bifa qabiyyee isaaniirraa buqqisuu akka ta'e" ibseera.

Gabaasichi akkaataa kontiraatni dhaabbilee pirojektoota misooma koridoorii raawwataniif itti kennames ni ilaala. ''Faallaa seeraatiin kontiraatni ijaarsaa pirojektii misooma koridoorii kanaa caalbaasiidhaaf kan hin dhiyaanne yoo ta'u, dhaabbilee qondaaltota mootummaa waliin hidhata qabaniif kennameera,'' jedha.

Mana sababa misooma koriidariin diigame

Madda suuraa, Getty Images

Gabaasni mootummaa Ameerikaa kun akka hubatamutti, misooma koridoorii kanaan alattis, walitti bu'insawwan jiranis sarbamni mirga qabeenyaas akka uumamu taasiseera.

Keessattuu, walitti bu'iinsi naannoolee Amaaraa fi Oromiyaa keessatti uumame "aanga'oota naamuusa hin qabneen ykn miseensota garee hidhattootaatiin irra deddeebiin qabeenyi akka fudhatamu taasiseera" jedha.

Itti dabaluun, abbootiin qabeenyaa loojii turistii naannolee lamaan keessa jiran "qabeenyi isaanii beenyaa malee miseensota Raayyaa Ittisa Itoophiyaatiin akka qabamu [keessa turtiif] taasifamuu dubbachuusaanii" eereera.

Walitti bu'insawwan jiran ammoo "sochiin akka daangeffamu" taasisuu, akkasumas "dandeettii mootummaan gidduu seenuuf qabu daangessuu" ibseera.

"Yaaddoon gara walitti bu'iinsaatti deebi'uu dabalaa dhufuu" fi waldhibdeen siyaasaa naannoo Tigraay keessatti "dabalaa dhufuunis" akka qormaataatti ka'eera.

Gabaasni kun garaa garummaan sharafa alaa kan baankii fi gabaa gurraachaa [black market] gidduu jirus "deebi'ee mul'achaa jirachuu" kaasa. Mootummaan A L I ji'a Adoolessaa 2016 murteen gabaa sharafa alaa gabaa jiruun akka ta'u gochuun "Itoophiyaan bakka invastimantiif barbaadamtu keessatti fedhiin akka jiraatu uumeera" jedhan.