Bahaayii: Amantii erga hundaa'ee yeroo gabaabaa garuu addunyaa wal-gahe

Madda suuraa, Getty Images
Amantiin Bahaayii Itoophiyaa dabalatee biyyoota addunyaa heddu keessaa hordoftoota qaba. Ragaan Bahai World News Service akka agarsiisutti, amantiin Bahaayii amantoota miliyeena shanii ol qaba.
Amantii erga hundaa'ee yeroo gabaabaa, garuu addunyaa wal-gahe jedhamuunis beekama.
Walakkeessa jaarraa 19ffaa keessa dargaggeessi Muhaammad Alii Shiraazii jedhamu Iraan keessaa ka'uun mul'ata haaraa Waaqa irraa akka arge labsuu eegale- ergaan isaas yeroo dhiyootti Nabiyyiin haaraan amantii addunyaa haaressu akka dhufuufi karoora uumaan dhala namaaf qabu ittiin ibsu akka mul'atuudha.
Muhaammad Alii Shiraaz ergaansaa lammiilee Iraan biratti adaduma fudhatama argatee deeme, maqaa "Baab" jedhamu argate. Baab dhalli namaa karaa qaxxaamuraarra akka jiruufi kana karaatti deebisuun Waaqni 'Nabiyyii' haaraa erguun "karaa qajeelatti" akka nama deebisuufi mul'ata haaraa ittiin ibsu "yeroo dhiyootti ni erga" jechuun lallabaa ture.
Baab umurii dheeraa hin jiraanne. Ergaan barsiisa isaatii kan amantaa Islaaamaa wajjin waan wal-dhiiteef Iraan keessatti to'annaa jala oolfamuun duuti itti murame.
Barsiisa ijoo amantaa Bahaayii keessaa Waaqayyo yeroo garaa garaatti mul'ata ykn kaayyoo haaraa dhala namaatiif kenna kan (Progressive Revelation) kan jedhu tokkoodha. Kuni ammoo hordoftoota amantaa Islaamaa- Nabbiyyuu Mohammaaf nabiyyii dhumaa Waaqayyo [Allaan] ittiin ilmaan namaatti of mul'iseedha jedhu wajjin wal-faallessuun Baab fi hordoftootasaa hari'atamaaf saaxile.
Muhaammad Alii Shiraaz ykn Baab waggaa shan qofaaf barsiise. Baab hidhamee duuti erga itti murtaa'ee booda bara 1850tti magaalaa Iraan Tabriz jedhamtu keessatti ajjeefame.
Baab ajjeefamuu booda sochiin amantii Bahaayii Iraan keessatti ugguramnaan bartoonni Baab gara Iraaqitti baqatan.
Bahaahullaah- nabiyyii "addunyaa qajeelchuuf" ni dhufa jedhamee ture
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hordoftoota Baab keessaa tokko kann ta'e Mirzaa Husaayin Alii Nuurii nabiyyiin Waaqa biraa mul'ata haaraa Waaqayyo ilmaan namaaf qabu ibsu ana jechuun labse. Baqatee Iraaq magaalaa Baagdaad keessa osoo jiruu abjuu akka argeefi nabiyyiin haaraan Waaqayyo karooraa haaraa ittiin ilmaan namaaf mul'isu ni ka'a jedhee Baab kan dubbate ana" jechuun of beeksise.
Maqaa Bahahullaah jedhus moggaafachuun amantaa Bahaayii ifatti hundeesse. Bahaahullaan Iraaq irraayis ariyatamni irra gahuurraa kan ka'e gara Turkiitti baqate. Achirraa gara Filisxeem kan bulchiinsa, Otoman Turkii kan turteefi Israa'el ammaatti baqachuun barsiisuu itti fufe.
Hanga bata 1892 du'utti, Bahaahullaan barreeffamootafi kitaabota bu'uura amantii Bahaayii ta'an heddu barreessera.
Kitaabota Bahaahullaan barreesse keessaa bu'uura amantaa Bahaayii kan of keessatti qabatee hordoftoota amantichaa biratti akkaan jaalatamaa ta'e „Kitab-i-Aqdas“ tokkoodha.
Bahaahullaan ergaawwan waggoota 40 ol mana hidhaa keessatti dararamaa akka ture marsariitii World Bahai Community irratti ibsameera.

Madda suuraa, Getty Images
Bahaahullaan erga du'ee booda ilmi isaa Abbaas Effandi, [Abdul Bahaa] abbaasaa bakka bu'uun gaggeessaa amantii Bahaahii ta'e.
Barreeffamootafi kitaabota amantii abbaansaa Bahaahullaan barreesse bu'uura godhachuun amantiin Bahaayii akka babal'atu taasise.
Keessumaa hordoftoonni amantii Bahaayii biyyoota Awurooppafi Ameerikaa keessatti akka babal'atan kan taasise Abdul Bahaadha.
Jalqaba jaarraa 20ffaa keessa Abdul Bahaan gara biyyoota Awurooppaafi US imaluun amantiin Bahaayii amantiiwwan hundumaa kan hammatuufi fayyalessummaa ilmaan namaaf fitamaa ta'uu barsiisuu eegale.
Abbaas Effandi, [Abdul Bahaa] bara 1921tti du'uu hordofee akaakayyuunsaa Shoongii Efaandii bakkasaa bu'uun gaggeessaa amantii Bahaayii ta'e.
Amantiin Bahaayii bifa amma qabu akka qabaatufi barsiisawwan amantichaa ammayyeessufi haala yeroo wajjin wal-simuun kallattii kan qabsiise Shoongidha jedhama.
Shoongii Efaandii nama bakka isaa bu'u osoo hin qopheessin bara 1957tti du'uu hordofee dhaabbanni amantii Bahaayii kaawunsilii olaanan gaggeeffamuu eegale.
Kaawunsiliin olaan kun bara 1963tti Israa'eel magaalaa Hayifaa keesatti hundaa'e. Kaawunsiiliin kun Baha'i Supreme Council jedhamuun kan beekamu yoo ta'u, miseensota sagal kann qabuufi waggaa shan shaniin biyyoota garaa garaa irraa kan filamuudha.
Amantii Bahaayii amantiiwwan kaan irraa maaltu adda taasisa?
Jecha hundeessan amantii Bahaayii dubbate jedhamuun akka bu'uura amantichaatti fudhatamu keessaa, "Waaqayyo tokko, sanyiin dhala namaa tokko, bu'uurri amantiiwwan hundaatuu tokko," kan jedhu beekamaadha.
Fuula marsariitii Baha'is of Ethiopia jedhurratti amantii Bahaayii kan hundeeffame bu'uura barsiisa Bahaahullaan waayee hafuurafi hawaasummaa barsiise irratti.
Amantii Bahaayii wantoota adda godhan keessaa Waaqayyo baroota keessatti ilmaan namaaf karoora ykn mul'ata haaraa ni kenna: bara kana keessa ammoo karaa "ergamaasaa" Bahaahullaa ilmaan namaaf yaada qabu ibse kan jedhuudha.
Kuni bu'uura amantichaa keessatti Mul'ata Waaqayyo Yeroo Garaagaraatti Dhala Namaaf Kennu (Progressive Revelition) jedhamuun beekama.
Akkaataa bu'uura barsiisa amantii Bahaayitti "amantiin hunduu maddi isaa tokko". Kana jechuun Waaqayyo yeroo garaa garaatti ergamoota ykn raajota erguun yaada qabu ilmaan namaatti mul'isaa ture.
Amantiin Bahaayii akka amantiiwwan biroo "kan koo qofaatu sirriidha" jedhee hin amanu. Amntiiwwan gurguddoon addunyaa kanneen akka Kiristaanummaa, Islaamummaa fa'aa dogoggora jedhee hin barsiisu.
Museen, Abrahaam, Kiriishnaa, Zoraastiraa, Yesuus Kiristoosi fi Mohaammad fa'aa yeroo garaa garaatti Waaqayyo biraa kan ergamaniidha akka barsiisa amantaa kanaatti.
"Seenaa irraa akka hubachuu dandeenyu Waaqayyo yeroo garaagaraatti ilmaan namaaf barsiisota ergeera. Barsiisonni kunneen mul'ata ykn ergamoota Waaqayyoo jedhamuun kan beekaman yoo ta'u, barsiisi isaanii guddinaafi qaroomina dhala namaaf bu'uura.
Ergamoonni kunneen Abrahaam, Kiriishnaa, Zoraastiraa, Musee, Budhaa, Yesuus Kiristoosif Nabiyyuu Mohaammad keessatti argamu," jechuun isaan booda garuu Waaqayyo mul'ata haraa karaa ergamaa biraa akka kenne ibsamee jira marsariitii Baha'is of Ethiopia jedhu irratti.
"Ergamoota wal-duraa duuban [Waaqa] biraa ergaman kanneen booda bara kanaaf kan ergame Bahaahullaadha," jechuun hundeessaa amantii Bahaayii kan ta'e Bahaahullaan mul'ata haaraa bara kanaaf ta'u ilmaan namaaf akka fidee dhufe ibsa.
Hordoftoonni amantichaa "Waaqayyo tokko" jedhanii amanu; amantiiwwan hunduu bu'uurrisaa tokko akka ta'ettis amanu.
Kaayyoon ijoon Bahaahullaan ergameef garaa garummaa amantii gidduu jiru dhiphisuufi karaa ittiin addunyaafi ilmaan namaa hunduu daandii tokkotti dhufan karaa banuuf akka ta'etti amanu hordoftoonni amantii Bahaayii.
Barreeffamoonni Bahaahullaa akka agarsiisanitti, kaayyoon bu'uuraa amantontoonni Bahaayii hordofuu qaban haqaafi dhugaa irratti kan hundaa'e nagaan ilmaan namaa hundumaaf akka ta'u gochuudha.

Madda suuraa, Getty Images
Hordoftoonni amantii Bahaayii waaqeffannaa wal-xaxaa ta'e hin qaban. Akkaataa amantii Bahaayitti, kadhannaan kallattiidhaan Waaqa waliin dubbachuudha.
Hordoftoonni amantichaa kadhata guyyaatti gaggeeffamu sadi keessaa tokko gaggeessuu qabu.
Kadhannaan bakka kamittuu gaggeeffamuu danda'a: bakka waaqeffannaa, mana ofii ykn alattis gaggeeffamuu danda'a.
Ji'oota kanneen keessaa ji'i dhumaa Alaa jedhamuun kan beekamu yoo ta'u hordoftoonni amantichaa ji'a kana yeroo heddu soomafi sagadaan dabarsu.
Iddoowwan qulqulluun amantii Bahaayii eessadha?
Bu'uurri amantii Bahaayii Iraan ta'us, biyyattii keessatti amantichi akka "amantii seeran alaatti" waan uggurameef, hordoftoonni amantichaa bakka awwaalcha hundeessitoota Bahaayii kan ta'an: Muhaammad Alii Shiraaz ykn Baab fi Mirzaa Husaayin Alii Nuurii ykn Bahaahullaa kan taa'e Israa'elidha.
Ragaan Bahai World Centre akka agarsiisutti keessumaa iddoon awwaalcha Bahaahullaa Israa'el magaalaa Hayifaa keessatti argamu hordoftoota amantii Bahaayii birratti akka iddoo baay'ee qulqulluutti ilaalama.
Akkasumas iddoon awwaalcha Baab, magaalaa Hayifaatti kan argamu Tulluu Qarmeeliwoos irratti argamu hordoftoota amantii Bahaayii biratti akka iddoo qulqulluufi waggaan namoonni heddu daawwataniidha.
Waggaa waggaan namoonni miliyeenan lakkaa'aman mana sagadaa amantii Bahaayii iddoo awwaalcha Bahaahullaafi Baab irratti ijaarame kana daawwachuuf gara Israa'el, magaalaa Hayifaa imalu.















