Al-Shabaab uffata danbii waraana Somaaliyaa uffachuun mana hidhaa eegumsa cimaa qabu seenee haleele

Al-Shabaab mana hidhaa eegumsa cimaa qabu Mooqadishoo seenuun haleele

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Al-Shabaab mana hidhaa eegumsa cimaa qabu Mooqadishoo seenuun haleele

Hidhattoonni Al-Shabaab torba magaalaa guddoo Somaaliyaa Mooqadishootti mana hidhaa eegumsa guddaa qabau irratti haleellaa raawwachuun ajjeefamuu mootummaan biyyattii hime.

Haleellaan kun kan raawwate gaafa Sanbata duraa galgala. Naannoo mana hidhaa hidhattoonni Al-Shabaab keessatti hidhamanii jiran Goodkaa Jiliikoo jedhamutti dhohinsii fi dhukaasni guddaan dhagahameera.

Al Shabaab ibsa baaseen mana hidhichaa keessatti ''musiliimota hidhamanii turan hundaa'' gadhiisisuu fi miidhaa guddaas geessisuu hime.

Miidiyaa mootummaa biyyichaa kan tahe SONA jedhamu Dilbata gabaasa baaseen hidhattoonni Al-Shabaab uffata danbii loltoota mootummaa uffachuun ture mana hidhichaa kan galan.

Mootummaan loltoonni hagamii akka jalaa ajjeefaaman ibsuu baatus ''jagnoota aarsaa'' tahanii fi maatii isaanii ''jajjabina hawwina'' jedhe mootummaan biyyattii.

Gama biraan Al-Shabaab hidhattoonni meeqa akka jalaa ajjeefaman hin ibsine.

Manni hidhaa Goodkaa Jiliikoo jedhamu naannoo masaraa mootummaa Somaaliyaatti dhiyaachuun argama.

Mana hidhaa kana kan eegan humna nageenya biyyaalessaa Somaaliyaa fi Ejensii Tika biyyattii yoo tahu, loltoonni Al-Shabaab mootummaan to'atee fi namoonni biroo maqaa guddaa qaban mana hidhaa kana keessatti hidhamu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haleellaan kun tika Somaaliyaaf kisaaraa guddaadha jedhame. Hidhattoonni kunneen akkamiin magaala guddoo biyyattii galuun isumayyuu mana hidhaa eegumsa guddaa qbau kana seenuu danda'an gaaffiin jedhu baay'ateera.

Al-Shabaab garee hidhachuun waggoota 20 oliif Somaaliyaa keessa socho'u yoo tahu, Al-Qaayidaa waliin hidhata qaba.

Pirezidaantiin Somaaliyaa, Hasan Sheek Mahaammd dhiyeenya BBC waliin gaaffii fi deebii yoo godhan, Al-Shabaab yeroo shan yaalii ajjeechaa narratti raawwateera jedhan.

Yaalii isaan jedhan kun magaalaa Mooqadishoo fi dirree waraanaa irratti yeroo duula garee kana irratti gaggeessan akka tahe ibsaniiru.

Al-Shabaab dhiyeenya lafa bal'aa mootummaa Somaaliyaa harkaa baafachaa akka jiru himama.

Haa tahu malee, Hasan Sheek mahaammad waraana keessatti lafa tokko qabatanii yeroo biraa gadhiisuun waanuma jirudha. Al-Shabaab irratti duula cimaa gaggeessuun dadhabsiifneerra jedhan.

Haa tahu malee magaala keessa seenuun mana hidhaa eegumsa guddaa qabu seenuun ammoo tika biyyattii irratti gaaffii kaasaa jira.

Erga haaraa Gamtaa Afrikaa jalatti loltoota Masirii dabalatee kan biyyoota Afrikaa adda addaa bobbaa'aniiru.

Gareen hidhattootaa kun dhiyeenya daangaa Itoophiyaas qaxxaamuruun haleellaa gaggeessuuf yeroo yaalaa turetti, humni waraana Itoophiyaa yeroo adda addaatti tarkaanfii irratti fudhachuu ibseera.