Hospitaalota dhoksaan yakkamtootaaf fuula haaraa tolchan

Madda suuraa, Presidential Anti-Organised Crime Commission
Hospitaalonni dhoksaa kun Filiippinsi keessatti yakkamtootaafi kanneen yakkaan barbaadamaniif tajaajila waldhaansa baqaqsanii hodhuu pilaastikaa (plastic surgery) taasisu.
Haala kanaanis yakkamtoonni hidhaa jalaa akka miliqan ykn qondaalonni mootummaa akka isaan hin barre fuulasaanii jijjiiru.
Poolisiin Filippiinsi BBCtti akka himetti hospitaalonni dhoksaan yakkamtootaaf fuula isaanii jijjiiran lama cufamuuf jiru.
Akka poolisiin jedhetti, hospitaalonni iccitiIn tajaajila waldhaansa pilaastikaa fuula jijjiiruu gaggeessan kanarratti sakattaa erga gaggeessee booda bira kan gahe.
Hospitaalonni kun fuula qofa osoo hin taane, ilkaan rifeensaafi bifa gogaa jijjiiruu fa'aa irratti hojjatu.
Sakattaa hospitaalota dhoksaa kanarratti gaggeessen meeshaalee waldhaansa pilaastikaa, gogaa addeessu, ilkaan dhaabuufi kaan arguu beeksise poolisiin.
"Nama tokko guutummaan nama biraatti jijjiiruun ni danda'ama," jedhan dubbi himaan Gorsaa Pirezidaantii Komishinii Farra Yakkoota Qindaa'anii biyyattii Winistan Joon Kaasiyoo.
Maamiloonni hospitaalota kana lamaanii namoota karaa marsaa intarneetii tirgaa (casino) irratti seeraan ala Filippiinsi keessatti hirmaatanis akka hammaatu ibsame.
Namoonni karaa onlaayinii tirgaa taphachiisan (Philippine Online Gaming Operations) Chaayinaa biyya tirgaa taphachuun seeraan ala itti ta'eef namoota taphatan ni dhiyeessu.
Poolisiin garuu, tirgaan kun yakkoota garaa garaa kanneen akka daddabarsa namaafi saamicha karaa bilbilaa gaggeeffamuuf uwwisa kennuuf gargaara.
Doktaroonni sadii yakkamtootaaf bifa jijjiiranii akka isaan hidhaa jalaa miliqan taasisuurratti hirmaataniiru jedhamanii shakkaman to'atamaniiru.
Isaan keessaa doktoroonni lama lammii Veetinaam yoo ta'an tokko ammoo lammii Chaayinaati.
Ogeeyyin fayyaa kun Filippiinsi keessatti hojjachuuf hayyama jieenyaa hin qaban jedhe poolisiin.
"Alaa yeroo ilaalamu kilinikuma sirrii fakkaata, gaafa keessa seentee gosa teeknolojii isaan fayyadamanii gaafa ilaaltu ni rifatta," jedhan Winistan Joon.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
“Hospitaalli poogoo [tirgaa] kuni waraqaa eenyummaa hin gaafatu...yakkamaa ta'uu dandeessa, ykn ammoo nama seeraan ala Filippiinsi keessa jiraatu ta'uu dandeessa," jechuun yakkamtoonni bifasaanii jijjiirratanii miliquuf akka achi dhaqan hima.
Hospitaalli seeraan alaa namootaaf waldhaansa baqaqsanii hodhuu pilaastikaa magaalaa Filippiinsi Paasas jedhamtu keessa akka jiru namoonni aanga'ootaaf eeruu kennan.
Bara bulchiinsa pirezidanti duraanii Rodirigoo Duteertee tirgaan kara onlaayinii taphatamu biyyattii keessatti poogos jedhamuun beekamu hidda fageeffatee ture.
Haa ta'u garuu, pirezidantiin ammaa Ferdinaand Maarkos Juuniyer tirgaan yakkawwan garaa garaa wajjiin hidhata qabaachuu ibsuun tarkaanfii irratti fudhachuu jabeessan.
Bara 2022 immigireeshiniin Filippiinsi lammii Chaayinaa wanbadee ta'e fuulasaan waldhaansa pilaastikaan jijjiirratee osoo baqachuuf jedhuu to'annoo jala oolee ture.
Kantiibaan magaalaa kaaba Filippiinsitti argamtuus namoonni tirgaan nama saaman biiroo ishee cinaatti wiirtuu banatanii osoo hojjatanuu tarkaanfii fudhachuu dhabuusheef ari'amtee turte.
Inumaayyuu yeroo qorannoon irratti gaggeeffamu ragaa dhalootashee ilaaluun Chaayinaaf basaasti kan jedhu komiin irratti dhiyaateera.












