Loltoonni 25 lola keessa hidhattoota baqatan du'aan adabaman

Loltoota Rippablika Dimookiraatawaa Kongoo

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Abukaatoon loltoota murtiin du'aa itti murame akka ol iyyatan dubbataniiru

Loltoonni Rippablika Dimookiraatawaa Kongoo digdamii shan lola hidhattoota M23 jedhaman waliin turerraa baqatan murteen du’aa itti murame.

Loltoonni kuni erga waraana keessaa bahanii booda suuqii ollaa jirurraa hatan mana murtii waraanaan haannaanis himatamaniiru jedhan dubbii himaan waraana biyyattii.

Haati warraa loltoota afur waan abbaan warraa isaanii saaman fudhataniiru jedhaman garuu mana murtii waraanaan bilisa bahan.

Baatii Bitootessa keessa ture dhorkaa murtee akkanarra waggoota 20’f ka’aamee ture mootummaan kan kaase.

Kunis, ministeerri haqaa ‘’gantoota‘‘ waraana keessaa dhabamsiisuu qabna erga jedhan boodadha.

Abukaatoon loltootaa akka ol iyyatan ibsaniiru. Murteen kuni guyyaa roobii mana murtii waraanaa bulchiinsa kaaba Kongoo kan taate Kiivuunitti murtaa’e.

Loltoota murteen kuni irratti darbe keessaa lama ajajootadha.

Loltoota 25 murteen du’aa itti murameen ala loltuun tokko waggaa kudhaniin yoo adabamu kan biraa tokkommoo bilisa bahe.

Baatii Caamsaa keessa manni murtii waraanaa Goomaa keessatti argamu loltoota saddeet ‘’daboomuu’’ fi ‘’baqachuun’’ murtii du’aa itti mureera.

Loltooti sunneenis murtee yeroosi ol iyyataa jiru.

Hidhattoota M23 jedhamaniifi Kongoo keessa sosso’an guyyoota muraasa darban magaalota tarsiimawaa jedhamtu Kanyabayongaa dabalatee kaan to’ataniiru.

Biyyi ollaa Kongoo, Ruwaandaan hidhattoota M23 tumsuun bal’inaan himatamti, mootummaan Kigaalii buufate garuu ni waakkata.

Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii haalli Kaaba Kiivu jiru ‘’yaaddessaadha’’ jedheera.

Torban darbe qofa lammiileen nagaa 150,000 qe’eerraa buqqa’aniiru. Walumaagalammoo naannichatti namoonni miiliyoona 2.8 qe’eerraa buqqa’an.

Kaaba Kiivuutti keessumaa torban darbe gaafa Dilbataa hojjettoonni gargaarsa namoomaa lama dhukaasa itti banameen ajjeefamaniiru.

Hidhattooti M23 eenyu?

Waraanni Kongoo hidhattoota M23 fi kaan baha biyyattiitti lolu caasaa isaa keessa rakkoo jiruun danqamaa tureera.

Waraanichi pirofeeshinaala miti, naamusas hin qabu jedhamee qeeqama. Loltonnimmoo kanfaltiin xiqqaachuufi meeshaan waraanaa dhibuu komatu.

UN fi biyyoonni Baha Afrikaa Kongoo keessa waraana biyyattii tumsuuf loltuu bobbaasanis hookkara to’achuu hin dandeenye jedhamuun qeeqamu.

Hidhattoonni M23 meeshaa guutuu hidhachuufi naamusa qabaachuun maqaan isaanii ka’a.

Hidhattoonni kuni bara 2012 eegale baha Kongootti ummata Tutsii dararaa himataa turan tiksuuf socho’uu eegalan.

Ruwaandaa keessaa hin qabu jettuus, ekispartoonni UN, akkasumas Faransaayiifi US hidhattooti M23 Pirezidant Pool Kagaameedhaan deeggaramu jechuun ibsu.