Yeroon hojii komishinii UN sarbama mirga namoomaa Itoophiyaa qoratuu osoo hin dheeratiin hafun komachiise

Looltoota Itoophiyaa

Madda suuraa, Getty Images

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti komishiniin ogeeyyii sarbama mirga namoomaa Itoophiyaa tiba waraanaa kaaba biyyattii mudate qorachuuf hundaa'e (ICHREE), akka dheeratuuf wixineen osoo hin dhiyaatiin hafuusaa dhaabbiileen mirga namoomaaf falman komatan.

Yeroon turtii komishinichaa akka dheeratuuf wixineen gaafatu silaa kaleessa Onkolooleessa 4, 2023 yaa’ii mana maree mirga namoomaa UN Jeneevitti taa'amaa jirurratti dhiyaachuu qaba ture.

Dhaabbanni mirga namaaf falmu Humaan Raayitis Waach ibsa baasen, Gamtaan Awurooppaa namoota Itoophiyaatti sarbamni mirga namoomaa irratti raawwatetti dugda gargalfatuu ibse.

Sababa waraana Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffameen sarbamni mirga namoomaa guddaan waan gaggeeffameef qaamni walabaa akka qoratuuf komishiin ogeeyyii UN hundaa'e.

Erga hundaa'ee waggaa lama kan guute komishinichi imaan itti kenname guyyoota muraasa booda gaafa Onkoloolessa 13, 2023 xumurama.

Turtiin kun osoo hin dhumiin dura akka haara'uuf yaa’ii mana maree mirga namoomaa UN Siwizarland, Jenevitti gaggeeffamaa jirurratti biyyoonni Gamtaa Awurooppaa wixinee dhiyeessuu akka qabaniifi osoo hin dhiyeessiin hafuusaanif Hiyumaan Raayits Waatch komate.

Dhaabbatichatti daarektara olaanaa kan ta'an Tiraanaa Hasan biyyoonni Gamtaa Awurooppaa yeroon turtii komishinii sarbama mirga namoomaa Itoophiyaatti raawwate qoratu kanaa akka dheeratu gochuu dhabuusaanif komatana.

"Miseensonni Gamtaa Awurooppaa komishiniin ekispartootaa akka dheeratu gochuu dhabuusaanin sarbama mirga namoomaa cimaa Itoophiyaa keessatti raawwateef qorannoon akka gaggeeffamu mirkaneessuf itti gaafatamummaa qaban bahachuu hin dandeenye," jedhan.

Itti dabaluunis, "Itoophiyaa keessatti kanneen sarbama mirga namaaf saaxilamanifi Komishinicharra abdiisaanii kaawwataniif kuni qaanii guddaadha," jechuun himan.

Yaa'ii UN

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Jalqabuma yeroo komshiniin kun hundaa'uu kaasee Itoophiyaan ergama siyaasaa qaba jechuun cimsitee mormaa turte.

Bara darbes imaanaan garee ogeeyyii sarbama mirga namoomaa raawwatame qoratanii kun akka hin dheeranneef Itoophiyaan sochii bal'aa taasiftus waggaa tokkoof akka dheeratu murtaa'ee ture.

Marroo lammataa akka dheeratuuf wixineen akka ajandaatti yaa'ii mana maree mirga namoomaa UN adeemaa jiruurrati ni dhiyaata jedhamee osoo eegamuu hin dhiyaatin hafe.

Humaan Raayitis Waachitti ittaantuu daarektara Afrikaa kan ta'a Latishiyaa Baader BBC Afaan Oromootti akka dubbatanitti, yaa'ii kanarratti imaanaan komishinichaa haareeffamuu dhabuufi Gamtaan Awurooppaa kutannoo yeroo waraanni [Kaaba Itoophiyaa] gaggeeffamaa ture sanarraa mucucaachuusaatti gadduu himan.

"Gamtaan Awurooppaa sarbama mirga namoomaa raawwate akka qoratamuufi itti gaafatamummaan akka jiraatuf dhiibbaa gochuurraa duubatti deebi'uun alatti deeggarsa misoomaa misoomaa Itoophiyaaf taasisaa jira," jechuun tarkaafii EU qeeqan.

Gama biraan ammoo Humaan Raayitis Waachitti daarektara Awurooppaa kan ta'an Filippee Daam, "Yeroo jalqabaaf Gamtaan Awurooppaa qorannoo jabaa UNdhan durfamu awwaale" jedhan.

Dhaabbanni Amnestii Intarnaashinaal gamasaan ibsa X gubbaatti baaseen: "Biyyoonni miseensa Mana Maree Mirga Namoomaa UN ta'aniifi Gamtaan Awurooppaa kanneen miidhamaniifi lubbuun oolanitti dugdasaanii gatan.

"Gara fuulduraatti Itoophiyaa keessatti sarbamni mirga namoomaa qabatamaan jiraachuu akka malu ogeeyyin UN osoo akeekkachiisanii akka nama hin dhageenyee ta'anii bira darbuunsaanii qaaniidha," jedhe.

Komishiniin UNdhaan hundaa’e kuni kana dura si’a lama gabaasa baasen Itoophiyaa keessa badiin bal’aa raawwachuufi kunis akka hin dhaabanne agarsiistuun akka jiru eere.

Kanaafis, ergamni isaa akka dheeratu gaafatee ture. Badii raawwachuu kan waakkattu Itoophiyaan yakka raawwatame ofumaashee qorachuu akka dandeessu ibsaa turte.

ofiin yakka akka qorattu isbiteetti. UN garuu adeemsi Itoophiyaa amantee hin qabu jechuun qeeqe.

Murtee UN kana irratti Rooyitarsiin kan gaafataman Dubbii Himaan mootummaa Itoophiyaa Dr Laggasaa Tulluu, egereen qorattoota UN dhumachuusaa ibsan.