Namoonni haleellaa 9/11 qindeessun himataman yakkamtoota ta'uu amanan- Pentaagon

Haleellaa 9/11

Madda suuraa, Getty Images

Namoota haleellaa Fulbaana 1, 2001 Niwu Yoorkitti gaggeeffame qindeessaniiru jedhamanii himataman keessaa sadi gochaa kana amanuun murteen du'aa akka itti hin muramne mootummaa wajjin walii galuu Biiron Ittisaa US beeksise.

Namoonni haleellaa 9/11 jedhamuun beekamu qindeessan jedhamanii to'ataman keessaa sadi kan murteen du'aa akka irratti hin muramne mootummaa wajjin walii galan jedhaman: Kaalid Mohaammad, Waalid Muhaammad Saalih Mubaarak Biin Attaash fi Musxafaa Ahmad Adamidha.

Erga to'atamanii dhaddachatti hin dhiyaatin buufata waraanaa humna galaanaa US Guwaantaanaamoo keessatti hidhamanii jiru.

Miidiyaalen US akka gabaasanitti namoonni kun mana murtiitti dhiyaatanii duuti itti murtaa'uu dheenfa balleessaa isaanii amananiiru.

Haa ta'u garuu waa'en waliigaltee namoota yakkaan hidhamanii turaniifi mootummaa gidduutti godhamee bal'inni isaa ifa hin taane.

Haleellaa 9/11 bara 2001 gaggeeffameen namoota 3,000 ta'an Niwu Yoork keessatti lubbuu dhabe. Halleellicha kan raawwate al-Qaayidaa yoo ta'u, US ammoo kana haaloo bahuuf Iraaqifi Afgaanistaan weerartee turte.

Kanneen haleellaa 9/11 qindeessun to'ataman keessaa sadi amma balleessaa isaanii amanuun murteen du'aa akka irratti hin muramne mootummaa US wajjin walii galananiiru.

Niwu Yoork Taayims akka gabaasetti walii galticha jalqaba kan beeksise abbootiin alangaa xalayaa maatii hidhamtoota kanaaf erganiini.

"Murteen du'aa akka irratti hin muramneef, himatamtoonni kun sadan himata irratti dhiyaate hunda amananiiru. Kunis ajjeechaa namoota 2,976 kan himata keessatti tarreeffaman dabalatee jechuudha," jedha xalayaan abbaan alangaa olaanan Riir Admiiral Aroon Guug barreessan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Namoonni haleellaa 9/11 dhaan wal-qabatee himataman kunneen himanni yakkaa heddu: namoota nagaarratti haleellaa raawwachuu, seera waraanaa cabsuun ajjeechaa raawwachuu, gara dabarsuufi shororkeessummaa fa'aatu irratti dhiyaate.

Akka Niwu Yoork Taayims gabaasetti, namoonni balleessaa isaanii amanan kunneen torbee dhufu ifatti balleessaa ta'uusaanii mana murtiif akka beeksisantu eegama.

Kaalif Sheek Mohaammad xayyaaronni imaltoonni ittiin deemaa turan butamee gamoo World Trade Center kan Washingtan keessatti argamuufi Peentagonitti akka bu'u kan qindeessedha jedhamee amanama.

Kaalif Sheek Mohaammad nama UStti ogummaa Injinaringii barate yoo ta'u, bara 2003 Paakistaan keessatti to'annoo jala oole.

Abbootin alangaa akka jedhanitti himatamaan kun yaada xayyaara butuudhan gara US geessanii badii raawwachuu gaggeessaa duraanii al-Qayidaa Osaamaa Billadeniif kan dhiyeesse Kaalif Sheek Mohaammadidha.

Namoonni kun kanaan booda qophaa akka hin hidhamneefi waldhaansa xiinsammuu fa'aas akka argataniif biiroo pirezidaantirraa waadan galameefii jira jedhame.

Miseensonni paartii Rippaabilikaanotaa mootummaan Baayidan himatamtoota kana wajjin walii galuusaatti dheekkamaniiru.