Arsiitti saawwi tokko takkaatti sadii dhaluun sadarkaa addunyaatti raajiidhaa?

Madda suuraa, FBC Afaan Oromoo
Godina Arsii aanaa Shanan Kooluu Ganda Gaffiteetti saawwii tokko takkaattii jabbilee sadii dhaluu miidiyaaleen biyya keessa gabaasan.
FBC Afaan Oromoo saawwii kun amma yeroo lammataaf dhaluu isheefi isa jalqabaanis jabbiloota lakkuu dhaluu Kominikeeshinii Aanaa Shanan Kooluu waabeffachuun gabaaseera.
Haati qabeenyaa Loon kanaa Aadde Aashaa Aliyyiin, sa'i isaanii kun yeroo 2ffaaf kan dhalte ta’uu eeraniiru jedha gabaasichi.
''Yeroo jalqabaaf jabbiilee lakkuu kan dhalte yoo ta’uu, yeroo 2ffaaf amma ammo jabbiilee sadii dhaluu himaniiru.''
Ofii saawwi tokko takkaatti jabbiloota meeqa dhaluu dandeesse? sadarkaa addunyaattihoo oduun gara Arsiitii dhagaahame kun hangam raajiidha?
Akka gabaasa 'Guinneess Book Of Ricords' bara 18 dura tureen saawwii riikardii harkaa qabdu takkaattii jabbiloota shan dhaluudhaani.
Kunis kan galmaahe bara 2005 biyya Meeksikoo keessatti ture. Ergasii bara 2013'tti biyya Ayerlaand keessatti saawwi ganna torbaa tokko garaagarummaa waggoota afurii keessatti jabbiloota 16 dhaluun riikardii cabsuuf dhiyaattee ture.
Saawwi kun yeroo lama jabbiloota shan, yeroo tokko afur, yeroo tokko ammoo lakkuu dhalteetti.
Abbaan qabeenyaa sa'a sanaa Ger Kirby ''wanti beekamaan saawwi tokko umrii ishee guutuu jabbiloota torbaa hanga kudhanii dhalti. Keenya garuu 16 nuu kennite'' jedhe.
Saawwii isaanii kun akkamiin jabbiloota hanga kanaa dhaluu akka dandeesse adda baasuuf jabbilootaafi saawwittiif qorannoon DNA godhamuu hima.
''Adunyaa irratti saawwi yeroo lama jabbiloota shan shan dhalte ishii kan kenyaa qofa akka taate nutti himan'' jedha.
Abbaan qabeenyaa kun saawwan aannanii 100 ol qabu keessaa takkaatti tokkoo ol kan dhale ishuma kana ta'uu dubbatee ture.
Ogeessii hormaata horii irratti qorannoo gaggeessanii fi abbaan qabeenyaa dhaabbata CowsDNA.com Doktar Daan Riyaan ta'ii takkaatti jabbiloota shan dhaluu ''raajiidha'' jedhan.
''Bara 1950'oota keessa yeroo tokko saawwii takkaatti shan dhaluu, saawwi biraan ammoo jaha dhaluun galmeeffameera'' jedhu ogeessi kun.
Bara 2005'tti Meeksikootti saawwi tokko jabbiloota shan dhaluun riikardii addunyaa ta'ee galmaahuu kan himan ogeessichi yeroo tokkoo ol jabbiloota shan dhaluun garuu waan addaatii jechuun isa bara 2013'tti saawwii Ayerlaand dhalte ibsaniiru.
Hawaasa baladhaa biratti saawwii tokko waggaa waggaan jabbiidhuma tokko akka dhaltu beekama.
Gosa saawwanii irratti hundaa'uun saawwii tokkoo ol dhaluun hedduu waan addaa ta'uu baatus, sababni saawwii tokko yeroo tokkotti jabbiloota hanga shanii sanuu ammoo irra deddeebiin dhaluu dandeessuuf garuu ifa akk hin taane ogeessi kun ni dubbatu.












