Yunivarsitii Faransaayi bakka basaastonni leenjii itti fudhatan

Barattoota Firaansitti basaasummaa qo'ats

Piroofeesar Zhaviyeer Kireetiz barattoota daree keessatti barsiisu irra hedduu isaani maqaan dhugaa isaanii eenyu akka ta'e akka hin beekne hima.

Wanni piroofeesara Yunvarsiitii keesssatti barsiisu kana mudate wan dirree barnootaa keessatti beekamurraa xiqqoo adda waan ta'e. Inni barattoota tikaa kan Faransaayi leenjisa.

''Barattoonni ejentii tikaa ta'anii hojjetan kuni yeroo daree kiyyatti ramadamanii dhufan waa'ee isaanii waan xiqqoo yoon beekedha. Maqaan isaan natti himanuu maqaa sirrii ta'uusaa mooji" jedha.

Mana barnootaa hojii tikaa barsiisuuf mijataa ta'e yoo barbaadame kaampaasiin saayinsii yunvarsiitii Poo seenti Jarman kan magaalaa Paaris irraa xiqqoo bahee jiru filatamaadha.

Mana barumsaa ijaarsa jaarraa 20ffaa keessaatiin marfamee jiru kana keessatti qeerroowwan waggaa digdamoota keessa jiranii fi miseensota tajaajila iccitii Faransaayii kanneen umriin isaanii 35 hanga 50 gidduu ta'antu itti barata.

Manni barnootaa kuni gaaffii angaa'otni Faransaayii waggoota kudhaniin dura gaafachaa turaniin kan baname yoo ta'u, Mootummaan Faransaayii haleellaa shororkeessitootaa bara 2015 Paariis keessatti mudateen booda mootummaan tajaajila Tikaa irratti nama hedduu bobbaasaa jira.

Yunvarsiitiin Saayinsii Poo yunvarsiitota Ijoo Faransaayii keessaa tokko yoo ta'u, Koorsii haaraa akka banu ta'uun basaastota haaraa fi warra dura hojiirra jiraniifis leenjii itti fufiinsaa kenna.

Dhaabbileen Biyyatti gurguddoonis kaan hojjettoota tikaa isaanii leenjidhaaf achi galchuu fi kaan ammoo warra achitti leenji'ee bahe qacarriidhaan fudhachuun irratti walcaccabsu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mana barumsaa kanatti Dipiloomaa argachuuf daree barnootaa sa'aatii 120 fi moojuloota adda addaa ji'oota afuriif baratu. Kanneen dhuunfaadhaan achitti baratan kaffaltii waliigalaa birrii Miliyoona tokkotti siqu kanfaluu gaafata.

Kaayyoon leenjii kanaa bakka yaaddoon jiru adda baasuu fi hordofuun fashalsuu kan dabalatu.

Mata dureewwan ijoon leenjii kanaas, dinagdee yakkoota gurmaa'anii, islaamik jihaadizimii, odeeffannoowwan tika daldalaa walitti qabuu fi hokkorawwan siyaasaati.

Daree kana seenee barachuun dura sekireet sarvisii Faransaayiin madaalamee darbuu nabarbaada ture. Ijoon daree ani barachuuf seenee 'Tikaa fi teeknolojii irratti akka malee hirkachuu' kan jedhu ture.

Barataan ani dubbise nama umriin isaa afurtamoota keessaa jiruu fi maqaa Roojer jedhuun ofwaama. Afaan Ingliffaa tasgabbii qabuun hojjetaa baankii inveestimantii akka ta'e natti hime.

"Lixa Afrikaatiif tajaajila gorsaa nan kenna. Daree kana barachuuf kanan seenes yaaddoo balaa hir'isuu maamiloota kiyyaaf kennuuf akka nagargaarufi" jedha.

Mana barnootaa kanatti gosa barnootaa Raadikaalayizeeshinii Siyaasaa kan barsiisan Proofeesar Kireetiz, waggoota dhihoo asitti tajaajilli sekireet Sarvisii Faransaayi haalan babal'achaa dhufuu himu.

Yeroo ammaa kanas ejentoota kuma 200 ta'antu garee 'inner Circle' jedhamee waamamu kana keessa jiras jedhu.

Kunis Garee DGSE kan dhimmoota galaanarraa hordofuu fi M16 kan UK fi CIA Ameerikaatiin kan walfakkaatu.

Gareen DGSI ammoo yaaddoowwan Biyya keessaa irratti kan hojjetu yoo ta'u M15 kan UK fi FBI kan Ameerikaatiin walfakkaata.

Akka Piroofeesarrii kuni jedhanitti dhimmi guddaan waa'e shororkeessummaatiif qofa miti. Ejensiiwwan nageenyaa lama jiraniin alattis 'Tiraakfin' kan jedhamuu fi waa'ee daddabarsa maallaqaa kan too'atus jira.

Barsiisonni biroon hojjettoota DGSE warra Kanaan dura Mooskoo turan, Liibiyaatti Ambaasaaddara Faransaayii kan turan, gaggeessitoota olaanaa Tiraakfin faa'a.

Hoji gaggeessaa olaanaan dhaabbata anniisaa Guddicha Faransaayi, EDF moojulii tokko nibarsiisu.

Seektaroonni dhuunfaa mana barumsaa kanarraa dipiloomaa argachuu barbaadanis yeroodhaa yerootti dabalaa dhufeera. Dhaabbileen biizinasii gurguddoonis barattoota mana barumsaa kanarraa bahan qacaruun halleellaa saayiberii isaanirra gahu ittiin qolachuuf dhama'aa jiru.

Barattoonni dhiheenya mana barumsaa kanarraa eebbifaman dhaabbata moobaayilaa Oreenjii, dhaabbata guddicha hawaa fi ittisaa Teelsii fi dhaabbilee gurguddoo akka LVHM Jedhamaniin qaxaraman.

Barnoota bara kanaatiif barattoonni 28 galmaa'aniiru. Isaan keessaa ja'a warra tikaati. Isaan yeroo dareen hin jirre walii isaanii waliin ta'u. barattoota kaanirraa adda ofbaasanii namatti siquuttis baayyee fuula hin ifan waan ta'eef adda baafachuun nama hin rakkisu.

Isaan keessaa tokko Gahee isaa osoo kana jedhee hin ibsine, harka maratee akkas jedhe barnootni kuni waajjira keessaa gara hojii qabatamaa dirreetti bahuudhaaf akka dhagaa bu'uuraati jedhe.

Tokko ammoo daree kana barachuu jalqabuu isaatiin yaadota haaraa argachuu hime. Jarri kuni dareetti argamuu isaaniitiif kan mallatteessan qubee jalqabaa maqaa isaaniitiin qofa.

Dargaggeessa ganna 21 kan ta'e Aleksaander Hubert, waraana dinagdee Biyyoota Awurooppaa fi Chaayinaa gidduu jiru irratti hubannoo cimaa argachuu akka barbaadu hima.

"Addunyaan kana dura TV irratti qofa beeku gadi fageenyaan akkan beekee hubadhuuf carraa gaarii naaf uumeera. Amma sekireet sarvisii seenee hojjechuuf baayyee dharra'eera" jedha.

Barattoota achitti barachaa jiran keessa walakkaatti kan siqan dubartoota. Akka ispeeshaalistiin basaasa Teeknolojii, Sebastiyaan jedhutti, kuni fooyya'iinsa yeroo dhihoo asiiti.

"Dubartoonni hojii basaasaa keessatti hirmaachuuf fedhii qabaachuun waan dhihoo dabalaa dhufe. Kan fedhiin isaanii dabalaa dhufees addunyaa fooyya'aatti baana kan jedhuuni" jedha.

Mana barumsaa kana seentanii barachuuf lammummaa Faransaayi qabaachuun ulaagaa jalqabaati. Lammummaa biyyoota lamaa qabaachuunis fudhatama niqaba.

Akka Proofeesar Kiretiiz jedhanitti, dubartoonni Israa'eelii fi Raashiyaa barnoota kanaaf iyyata galchu. Garuu ulaagaa waan hin guunneef kallattumaan kufaa ta'a.

Suura dhiheenya gareedhaan ka'an irratti warri basaasotaa eenyu akka ta'an adda baasuun ni danda'ama ture. Garuu hundi isaaniituu fuula isaanii kaameraa irraa naannessanii ka'an.