Gareen IS deebi'ee jabaachaa jiraa?

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Hidhattooonni IS lafti bal'aa Baha Gidduugaleessaatti to'atan irraa fudhatamnaan Afrikaarratti xiyyeeffata jiru jedhu ogeeyyiin.
Maaliif? Gabaasa kana keessa ilaalla.
Haleellaa tibbanaa Awustiraaliyaa, Siidnii qarqara qaama bishaanii Boondii jedhamu biratti torban darbe lubbuu namoota 15 galaafate hordofee, Ministirri Muummee Awustiraaliyaa haleellaan sun barsiisaa IS irraa madde fakkaata jedhan.
Warri garee hidhattoota Islaamistoota Sunni haleellaa kanaaf ittigaafatamummaa hin fudhanne.
Haata'u malee, poolisiin akka jedhutti, alaabaan hidhattoota IS "manatti hojjetame" konkolaataa bakka sanatti argame keessatti dhootuu waliin argame.
Abbaa fi ilmi haleellaa raawwachuun shakkaman adda baafamaniiru.
Poolisiin abbaa gurbaa isa haleellaa banee rasaasaan rukutee ajjeeseera, ilmisammoo yakkoota ajjeechaa 15'n himatameera. Haleellaan Siidniitti raawwatame IS warra biyyoota Lixaarratti haleellaa qindeessuuf ykn kakaasuuf yaaluun akka hin dhiisne akeeka.
Bara 2017 irraa eegalee IS dhiibbaan Sooriyaa fi Iraaqitti uumaa ture haalaan hir'ateera.
IS calliseera- Deeggartoonni garichaa garuu toora interneetiirratti haleellaa Sooriyaatti miseensonni waraana Ameerikaa lamaa fi namni nagaa tokko dhiyootti ajjeefamanitti gammaduun qoodaa turan.
Haleellaan kun kan Awustiraaliyaatti qaqqabe dursee raawwatame.
Ameerikaan ajjeechaa Sooriyaatti raawwatame kan qaqqabsiise hidhataa IS tokko ta'uu ibsite.
''Waa'ee waanta guutummaatti hin banne tokkoo deebi'usaa sirnaan dubbachuu hin dandeenyu,'' jetti BBC Monitoring keessatti ogeettiin dhimma jihaadizimii Minaa al-Lamii.

Madda suuraa, Anadolu via Getty Images
Islaamik Isteet ammayyuu sochiirra jiraa?

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
IS jalqabarra lafa bal'aa Siiriyaa fi Iraaq bulchaa kan ture yoo ta'u, sirna gibiraa sassabuu, barnootaa, poolisii amantii fi eegumsa fayyaatiin akka mootummaa hojiirra jiruutti of mul'isaa ture.
Garuu bara 2019tti gareen Ameerikaan durfamu, kan biyyoota 70 ol ta'aniin of keessatti hammaten injifatamee, bakkeewwan to'ate irraa fudhatame.
Minaa al-Lamii akka jettutti, garichi daran laafaa kan dhufe hogganaa fi hundeessaa garicha Abu Bakir al-Bagdaadii dhabuusaatiini.
Abu Bakir al-Bagdaadiin bara 2019 yeroo weerara Ameerikaa of ajjeese.
Yeroo sanarraa kaasee hoggantoonni garichaa ifatti hin beekaman.
Amma Sooriyaa fi Iraaq keessa loltoonni IS hanga kuma 3 ta'an akka jiran Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii beeksiseera.
Bara 2014 garichi erga hundaa'e, yeroo tokko hidhattoonni biyyoota biroo kuma kudhaniin lakkaa'aman gara IStti makamuuf garasitti yaa'aa turuuti himamee ture.
Al-Lamiin akka jettutti, mallattoon humni IS hir'achaa dhufuu hammi haleellaa raawwatu hir'ichuusaatii jetti.
Gareen kun walakkeessa bara 2010 keessa haleellaa hedduu Sooriyaa, Iraaq fi biyyoota Lixaa keessatti raawwatameef itti gaafatamummaa fudhateera.
"Amma baay'inaan haleellaa xixiqqoo, rukutanii-dheeessuu irratti hundaa'e raawwata," jetti.
Haleellaan biyyoota Lixaatti darbee darbee raawwatamu ''deeggartootaan malee wirtuu garichaarraa kan qindaa'e miti jette.
Bara darbe gareen IS damee Afgaanistaan -baatii Amajjii keessa Iraanitti haleellaa lubbuu namoota 100 galaafate raawwachuun ijoo dubbii ta'ee ture.
Raashiyaattis j ji'a lama booda namoonni 150tti siqan ajjeefamaniin walqabatee mata duree oduu addunyaa ta'eera. Haleellaa Awurooppaa keessattis karoorsuun kan shakkame yoo ta'u, irra caalaan isaanii fashalaa'aniiru.
Bara kana garuu gareen IS damee Afgaanistaan( ISKP) haalaan laafaa waan tureef Afgaanistaan keessattillee haleellaa raawwachuuf rakkateera.
Haleellaan maqaa IS'n raawwatamu harki guddaan amma biyyoota Afrikaa gammmoojjii Sahaaraa gadii keessatti qaqqaba.
Akka gabaasa Inistiitiyuutii Diinagdee fi Nageenyaatti bara 2025tti IS fi gartuuleen isaanitti hidhatan qaban "bara 2024tti dhaabbata shororkeessummaa lubbuu namaa galaafatu isa hamaa ta'ee ittifufeera, biyyoota 22 keessatti du'a namoota 1,805f ittigaafatamaadha."
Al-Lamii itti dabaluudhaan IS dandeettii olola labsuu baayyee dhabeera jette. "
Garuu IS ammallee karaa miidiyaa toora interneetii isaatiin haleellaa kakasaa jira.
Al-Lamiin adda kan ta'e "deeggartoota toora interneetiin duulan-dargaggoota, miidiyaa hawaasaa adamsanitti gargaaramu jette.
Jarri kun dargaggoota qunnamuuf miidyaalee hawaasaa akka Feesbuukii fi Inistaagiraamii dammaqinaan socho'aa jiru.
Xiinxaltoonni BBC Monitoring yeroo baayyee maanuwaalii "qajeelfama akkaataa itti fayyadama meeshaa waraanaa, akkaatti dhukaasan fi akkaataa nama tokko waraanuu danda'an kan qaban fa'aa argu.
Haleellaa raawwatamu yeroo malee hojii Mootummaa Islaamaa jechuun akka hin moggaafne akeekkachiisti, kana gochuun dandeettii dhugaa garee kanaa calaqqisiisuu caalaa olola garee kanaa guddisuuf akka saaxilamu akeekkachiisti.
IS Afrikaa fi Eshiyaa keessatti bal'ataa jiraa?

Madda suuraa, AFP via Getty Images
IS Baha Giddugaleessaa keessatti deeggarsa dhabuun filannoo biraa akka barbaadu taasise.
Kibba Eeshiyaa keessatti, Bulchiinsi IS-Khorasan, ykn ISKP, dameelee hamoo keessaa tokko isa taasisa.
Afgaanistaan fi kaaba Paakistaan maadheeffachuun loltoota 2,000 akka qabu Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii tilmaameera.
Biyyoota giddugaleessa Eeshiyaa biroo kan akka Taajikistaan fi Uzbeekistaan irraa Is loltoota filachuu ittiifufeera.
Gama biraatiin ammoo, ISEAP gareen jedhamu – kan Kibba Baha Eeshiyaa waliingahu, baay'inaan kibba Filippiins keessa maadheeffate.
Gareen IS kun kanaan dura haleellaa lubbuu namaa galaafate hedduu Filiippiinsiifi Indooneeshiyaa keessatti raawwatameef itti gaafatamummaa fudhatee ture.
Haa ta'u malee dameen kun bara kana haleellaa tokkollee raawwachuu hin himanne.
Ogeeyyiin akka jedhanitti xiyyeeffannaan IS inni guddaan Afrikaadha.
Ogeessi dhimma nageenyaa dhaabbata Farra Shororkeessummaa Nezerlaand keessa maadheeffatee Adriyan Shitunii, waggoota muraasa darban keessatti Afrikaatti IS saffisaan guddate" jechuun akeekkachiisan.
"Kana kan godhan qaawwa nageenyaa naannolee bulchiinsi laafaa qaban, kan akka naannoo kaaba Afrikaa fi Afrikaa Dhihaa, waraanni biyyoota Lixaa naanniichaa bahuu, tasgabbii dhabuu naannoo, fi fandiin maallaqa farra shororkeessummaaf xiqqaachuu horfdeeti " jedha.
Akka Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii jedhutti, IS Afrikaa Dhihaa (ISWAP) loltoota kuma 8 hanga kuma 12 qabaachuu danda'a.
Al-Lamiin akka jettutti, haleellaa gareen IS bara kana raawwate kudhan keessaa sagal Afrikaa gammoojjii Sahaaraa gadii keessatti qaqqabuu dubbata.
Al-Lamiin akka jettutti IS naannoo Saaheli fi Somaaliyaa keessa socho'aa akka jiru kan dubbatti.
Haa ta'u malee, Naayijeeriyaa, Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo (DRC) fi Mozaambiik keessatti IS cimaa ta'uu dubbatti.
Biyyoota kanneen keessatti yeroo baayyee hidhattoonni hawaasa Kiristiyaanaa, akkasumas humnoota nageenyaarratti xiyyeeffatu.
DRC keessatti gartuuwwan IS waliin hidhata qaban naannoo yeroo baayyee weeraranitti gibira namoonni Musliimaa hin taane akka kaffalan diqrqamsiisuuf yaalaniiru jetti.
"IS Kiristaanonni DRC keessan jiran filannoo sadii qabu jedha: Islaamummaa fudhachuu, gibira Jizyaa jedhamuun beekamu IS'f kaffaluu, ykn ajjeefamuu.
Yeroo baayyee ihidhattoonni kun filannoo Kiristaanota biyyattii keessa jiraniif hin kennan. Araddasaanii weeraruun ajjeesuu qofa," jechuun dabalte ibiste.















