Magaala Allaamaaxaatti Wiixata halkan maaltu mudatee ture?

Kaaba Itoophiyaa magaalaa Allaamaaxaatti wal jijjirraa dhukaasaa Fulbaana 8, 2025 tureen lubbuun namoota afurii darbee qabeenyaa irra miidhaan gahuun himame.

Jiraattoonni magaalattii BBCn dubbise lama walijijjiraanaa dhukaasaa hidhattoota Tigraayii fi qaamoolee nageenyaa federaalaa jidduutti ta'uu ibsan.

Kantiibaan Magaalaa Alaamaaxaa duraanii Obbo Zinaabuu Dastaa taateen kun mudachuu mirkaneessaniiru.

Haata'u malee, haala siyaasaa hidhattoonni TPLF ''qawwee hidhatan'' jedhaniin umaniin naannicha akka hin jirreefi odeeffannoo bal'aa kennuu akka hin dandeenye dubbatan.

Jiraataan naannichaa akka maqaansaanii hin dhahamne BBC gaafatan tokko akka jedhaniitti, wal jijjirraan dhukaasaa kan mudate Wiixata ganama Fulbaana 8, 2025 halkan keessa naannoo sa'aatii sadii hanga shanii jidduutti ture.

''Ummanni baayyee rafee waan tureef'' maal akka mudate adda baasuuf kan danda'e erga bari'ee Kibxata ganama ta'u kaasuu.

Ka'umsi walitti bu'iinsaa kan ta'e waan Badhaadhiina Amaaraatiin hojjatameedha kan jedhan ''adabaabaayii Wanciif'' diiguudhaan, alaabaa Itoophiyaa buusuudhaan, alaabaa naannoo Tigraay fanniisuu wayita yaalaniitti ta'u dabaluun dubbatan.

Jiraattoonni naannichaa adabaabaayicha diiguuf komaandi Poostiif gaaffii dhiyeessee kan ture yoo ta'u, hayyama akka hin arganne kan ibsan jiraataan kun, dhiheenya kana humnootiin Tigraay gandoota magaalattii lama to'achusaanii kaasaniiru.

''Adabaabaayii Wanciif'' irratti alaabaa fanniisuudhaaf yaalii taasisan keessa humnoota Tigraayii fi Federaalaa jidduutti walitti bu'iinsi yoo mudatu miseensi federaalaa tokko dhukaasaan ajjeeffamu ibsaniiru.

Isaan booda garuu muddamni cimee waan itti fufeef miseensi raayyaa ittisaa gara naannichaatti erga dhufeen booda dhukaasa raawwatameen miseensoonni humnoota Tigraay gara torbaa ni gahu jedhaman ajjeeffamuu dubbataniiru.

BBCn lakkoofsa kana madda walabaa irraa mirkanneeffachuu hin dandeenye.

Isaan booda ammoo humnootiin Tigraay aaran gamoo Mahaamad Luhluh naannichatti argamu keessa seenuudhaan ''beenziina facaasanii'' gubuudhaan miidhaa qaqabsiisuu fi namoonni nagaa afur ajjeeffamu jiraattoonni BBCn dubbise himaniiru.

Naannichatti humnootiin federaalaafi raayyaan ittisaa akka argaman kan dubbatan jiraattoonni, humnootiin Tigraay garuu gara naannichaatti dhufuudhaan biiroolee mootummaa adda addaa gandoota 02 fi o3 jedhaman keessaa to'achuu dubbatan.

''Kun hundi wayita raawwatamuutti raayyaan ittisaa omaa hin gone'' kan jedhan maqaansaanii akka hin eeraman kan gaafatan jiraataan tokko, kun ummatarratti sodaa uumusaa kaasaniiru.

Suuqiiwwan gurgurta mobaayilii gamoon Mahaammad Luhiluh irra turan afur, manni nyaataa bargarii akkasumas suuqiin gurgurtaa uffataa balaa ibiddaa sanaan barbadaa'u jiraattoonni ibsaniiru.

''Hidhattoonni TPLF erga gara magaalattii seenanii kaasee ummatarraan miidhaa hedduu gahaniiru'' kan jedhan jiraataan gara biraa gamasaanitiin, raayyaa ittiisaa fi humnoota Tigraay jidduutti wali jijjirraa dhujkaasaa gara ''daqiiqaa 30tiif taasifame'' akka ture dubbataniiru.

Jiraattoonni kunneen hidhattoonni naannoo 02 fi 03 to'achuusaanii mirkanneessuudhaan namoonni nagaa afur ajjeeffamuu dubbataniiru.

Gaafa Fulbaana 9, 2025 halkan keessaa bakka taraa Caatii jedhamuutti dhukaasa banameen namarra miidhaan qaqabeeras jedhan.

''Kanneen ajjeeffaman keessaa tokko bakka Machaaree jedhamurraa ka'uun gara Saawudii imaluudhaaf nama dhufeedha'' kan jedhan jiraataan kun, lama ammoo ijoollee hodhaa huccuu gamoo gubate irratti hojjataa turaniidha jedhu.

Hidhattoonni Tigraay wal jijjirraa dhukaasaa keessa ajjeeffamu dhagahusaanii dabaluun ibsaniiru.

Jiraattoonni naannichaa haala umameen nahuudhaan Kibxata osoo manaa hin bahiin dabarsuu kan dubbatan jiraattoonni, guyyaa Roobii sochii muraasni qofti akka ture dubbatan.

Bulchiinsi yeroo Tigraay bulchiinsa godina Tigraay kibbaa diiguudhaan aanga'oota haaraa muuduunsaa ni yaadatama.

Kunis bakkichaatti mudama kan ume yoo ta'u mormii ummataas uumee ture.

Bulchiinsi Yeroo Naannoo Tigraay wallakkeessa baatii Adooleessaa irraa kaasee bulchiinsa Kibba Tigraay haaraadhaan bakka buusuuf yaaliin taasisee mormiin mudateera.

Pirezidantii Bulchiinsa Naannoo Tigraay bulchaa Godina Kibbaa aangoorraa kaasuudhaan mudama haaraadhaan akka bakka buusuu Adooleessa 21, 2025 yeroo beeksiiseetti, ''balaawwan itti fufee mudachuu danda'an hambiisuu haala itti danda'amurratti'' kan kiyyeeffate ta'u ibsee ture.

Haata'u malee, humnootiin TIgraay biiroolee magaalattii garaa garaa humnaan to'achuunsaanii kan dhagahame yoo ta'u, kana hordofee yeroo walitti bu'iinsa adda addaati mudateen lubbuun namoota nagaa badeera.

Bulchiinsi Yeroo Naannoo Tigraay ammoo waa'ee rakkoo guyyaa Wiixataa umamee fi lubbuu namootaa bade ilaalchisee kan jedhe omtu hin jiru.

Kaantiibaan dhiheenya mudaman maal jedhan?

Dhiheenya Bulchiinsa Yeroo Tigraayiin kan mudaman Kantiibaan magaalattii Obbo Mogas Shifaraan ammoo, Fulbaana 8, 2025 magaalicha keessatti wal jijjirraan dhukaasaa ture jedhamu haalaniiru.

Halkan Fulbaana 8 gara sa'aatii lammaafi wallakkaatti miseensoonni humna Tigraay eddoo ''maazooraa'' jedhamuutti osoo miilaan imalaa jiranuu, dhukaasni irratti banamu jiraattonnii fi kantiibaan duraanii jechuun yaada kennan kufaa taasisa.

''Miseensonni federaalaafi human ittisaa dhaabbadhaa jedhaniin. Maal balleessineeti dhaabbadhaa nun jettu jechuun daandiisaanii itti fufan. Miseensoonni humnoota nageenyaa gara 200 ta'an gamoo fi lafarraa kallattiin dhukaasa irratti banan. Bo'oo yaa'aa keessa utaalanii seenuudhaan lubbuun hafan.''

Obbo Mogos itti dabaluudhaan, ''gama keenyaa [humnoota nageenyaa Tigraayiin] dhujaasni hin turre'' jedhuun haalaniiru.

BBC qaama nageenya magaalattii eeguun itti kennamee koomaandi poostii irraa dhimma kanarratti odeeffannoo hin arganne.

Kantiibaa Mogas garuu qaama lamaaniinuu dhukaasni wal jijjirame hin turre jechuun miseensoonni humna nageenyaa Tigraay socha'aa turan irratti ''haleellaan raawwatameera'' jechuun himatan.

''Qaamni gamoorra ture boombii darbate. Boombiin sun osoo qilleensarra jiruu sababii dhooheef qabeenyaa dhuufnaa irratti badiin qaqabeera. Lammiileen nagaa sadiis du'aniiru. Gama keenyaa kan dhukaafame hin turre.''

"Gamoon kan nama dhuunfaa Mahaammad Saanii jedhamu yoo ta'u, jidduugala gabaa shaqaxoonni adda addaa itti gurguramaniidha'' jechuun gamichaafi qabeenya irra miidhaan qaqabuu mirkanneessan.

Itti dabaluudhaanis dhootuu boombiitiin ''miseensoonni nageenya Tigraay miidhaa qaamaa mudateera. Kanneen du'an keessaa lama namoota gamoo keessa turanii yoo ta'an tokko nama imalaa turedha'' jedhan.