Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lidetuu Ayyaalew biyya akka hin galle dhorkamuurratti maal jedhe?
Yeroo ammaa Ameerikaa kan jiru namni siyaasaa Lidetuu Ayyaalew "gara biyyaatti akkan hin deebine dhorkameera" jechuun Itoophiyaatti imaluu akka hin dandeenye BBCtti hime.
Daandii Xiyyaaraa Itoophiyaatiin imalli gara biyyaatti taasisuuf turan Imbaasii Itoophiyaatiin dhorkamuu kan dubbatan Obbo Lidetuun, daandii xiyyaaraa birootiin biyya akka galu hime.
Itoophiyaa deemuudhaaf A L I Guraandhala 3, 2017 tikeeta xiyyaaraa kutatee Buufata Xiyyaaraa Atilaantaatti argamus xiyyaara seenuu akka dhorkame beeksiseera.
Wallaansa fayyaatiif waggoota lamaa ol Ameerikaa kan ture Obbo Lidetuun, ji'a tokko dura ture biyyatti akka deebiyuufi tikkeetiillee akka murateeru kan ibse.
Mootummaan Itoophiyaa namoota biyya alaa taa'uudhaan "walitti bu'insa uumuudhaan mootummoota naannoofi federaalaa humnaan kuffiisuuf" socho'aniiru jechuun akka dabarfamanii kennamaniif gaaffii dhiyeesse keessaa Obbo Lidetuu Ayyaalew tokko ture.
Humni Waloo Tikaafi Nageenyaa ibsa A L I Eba 22, 2015 baasee tureen Obbo Lidetuu dabalatee "sirna heera mootummaa humnaan diiguufi garee shororkeessitootaa keessatti dhoksaan socho'aa turan" namoota jedhaman tarkaanfii qabeenya isaanii to'achuu akka fudhatu beeksisee ture.
Waggoota 20 oliif hggansa paartii siyaasaarra namoota siyaasaa eeraman keessaa tokko kan ta'e Obbo Lidetuun, gara Ameerikaa deemuun achi kan tureef hordoffii wallaansa fayyaatiif ture. Mootummaatiin akka barbaadaman kan ibsames wayita biyya alaa jiranittidha.
Humnoota finxaaleyyiifi shorkeessitoota waliin hojjechuun biyyattii keessatti rakkoon akka uumamu gurmaa'anii hojjechaa jiru jedhamuun namoota baayyee shakkaman keessaa tokko kan ta'e Obbo Lidetuun, ibsa kenname keessatti maqaan isaa eeramee himannaa irratti dhiyaateef gara biyyaatti akka deebiyullee yeroo sanatti dubbatee ture.
Obbo Lidetuun A L I Wixata 3, 2017 Itoophiyaa deemuuf ganama buufata xiyyaaraa Idil-addunyaa Atilaantaa deemullee osoo hin deemiin hafeera.
"Tikkeetiin koo kan mirkanaa'eerudha. Paaspoortiin kiyya ji'oota 11 itti aananiif kan tajaajiludha," jechuun BBCtti kan dubbate Obbo Lidetuun, yeroo buufata xiyyaarichaa gahutti "Imbaasii Itoophiyaa Ameerikaatti argamu" dubbise hayyama addaa osoo hin argatiin imaluu akka hin dandeenye itti himamuu ibse.
"Buufata xiyyaarichaa qaqqabee 'Boarding pass' naaf qopheessuuf yeroo jedhanitti sistamiin isaan dide. Akka dhorkaan narra kaa'ameeru yeroo natti himan hoji-gaggeessicha [kan Daandii Xiyyaaraa] argeen dubbise," jechuun waan ture ibse.
Deebii hoji-gaggeessichi kenneefis "dhorkaan waan sirra kaa'ameeruuf waayyu gochuu hin dandeenyu" kan jedhu yoo ta'u, "Imbaasii Itoophiyaa Ameerikaatti argamutti beeksiftee karaasaanii dhorkaan osoo hin ka'iin deemuu hin dandeessu akka ittiin jedhan BBCf dabaluun ibseera Obbo Lidetuun.
Yeroo tajaajilaa paaspoortiisaa akka hin dhumne, tikkeettii ittiin imaluuf barbaachisu yeroon muratee akka qabateeruufi lammii Itoophiyaa waan ta'eef ammoo viizaan akka isa hin barbaachifne kan dubbatu Obbo Lidetuun, akka biyyatti hin galleef dhorkaan irra kaa'ame sababiin isaa maal akka ta'e baruullee akka hin dandeenye dubbate.
"Wanti Imbaasii waliin walitti na fidu hin jiru. Bilbila bilbilee "tajaajilawwan gara garaatiif marsariitii keenya daawwadhaa" deebii jedhu malee nama kaasu hin arganne. Bilbila barreessituu ambaasaaddaraa irrattis akkuma kana bilbilee naaf hin kaasne," jedhe.
Namni siyaasaa Obbo Lidetuun, dhimma isaa kanaaf fala argachuudhaaf marsariitii Imbaasichaa ilaalus wanta dhimma isaa ilaallatuuf filannoo fala kennuuf akka hin argatiin dubbata.
"Dhimmi kan koo dhimma viizaa miti, dhimma paaspoortii haaessuus miti. Dhimmi kan koo balali'uu dhorkamuudha. Kun ammoo dhimma Imbaasii ilaallatu miti."
BBCn Imbaasii Itoophiyaa Washingiteen argamutti bilbilee dhimma kanarratti deebii argachuudhaaf carraaqqiin taasise bilbila waan hin kaasneef hin milkoofne.
BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.