Dhukkuba bilbila mana fincaanii keessatti fayyadamuun isin mudachuu danda'an kanneen beektuu?

Nama mana fincaanii keessatti bilbila fayyadamu

Madda suuraa, Getty Images

Ummanni addunyaa dhibbeentaan 90 ol bilbila harkaa kan qabu ykn kan itti fayyadamu yoo ta'u, baay'een keenya isa malee jiraachuu hin dandeenyu.

Manneen barnootaa, bakka hojii, dandiirra, maneen kadhannaa dabalatee namoonni bakka hundatti bilbila fayyadamu.

Gariin bilbila isaanii osoo fayyadamaa jiranii rafu. Ganama yeroo dammaqanis wanti isaan jalqaba ilaalan bilbilasaaniiti.

Amma namoonni harki caalaan yeroo gara mana fincaanii deeman bilbila isaanii qabatanii seenu. Kanaaf yeroo dheeraa mana fincaanii keessatti dabarsu.

Haata'u malee, kun fayyaa irratti dhiibbaa cimaa qaba jedhe oggeessoonni fayyaa.

Mee infekshinii namoonni mana fincaanii keessatti bilbila fayyadaman qabamaniin irratti haa xiyyeeffannu.

Yeroo hunda yeroo taa'an maaltu ta'a?

Fayyadama bilbilaa

Madda suuraa, Getty Images

Hedduun keenya, keessattuu dargaggoonni, mana fincaanii keessatti bilbila keenya fayyadamuu jaalanna.

Namoonni mana fincaanii keessatti daqiiqaa soddomaa ol dabarsan dhukkuboota hedduutu isaan mudata jedhe qorattoonni.

Namoonni kunneen miidiyaa hawaasaa hordofuu, kubbaa miillaa daawwachuu fi wantoota birootiif bilbila waan tuttuqaniif yeroo dheeraaf bakka tokko turu.

Kunis maashaalee naannoo qaama saalaa jiran irratti dhiibbaa dabalataa fida.

Maashaan kun bobba'aa haala nagaa ta'een baasuu irratti nu gargaara.

Bobba'aa dhiibbachuun qaamolee qaamaa hunda keessatti carraa dhukkuboota ni dabala.

Kunis garaan akka bokoku dabalatee rakkowwan akka fistulaa fi dhiita'uu ykn qormadee (hemorrhoids) fida.

Akkasumas, yeroo dheeraaf bakka tokko taa'uun dhiigni qaama keessa akka gaariitti akka hin sochoone godha.

Bilbila keessan ilaalaa yeroo dheeraaf mana fincaanii taa'uun mormaa fi dugdaa irratti dhiibbaa geessisa.

Kanaaf, yeroo gabaabaa keessatti mana fincaanii keessaa bahu akka qabduufi achi keessatti bilbila fayyadamuu irraa fagaachuu akka qabnu yaadachuun barbaachisaadha.

Mana fincaanii keessatti turuun harkaa fi miilli akka nama adoodu taasisa. Yeroo gabaabaaf namni deemuuf rakkachuu danda'a.

Kana malees, yeroo dheeraa bakka tokko taa'uun dhukkuba onnee, dhukkuba sukkaaraa, furdina garmalee, dhukkubbii dugdaa fi mormaa, dadhabbii maashaalee fi dhukkubbii lafee fiduu danda'a.

Akkasumas qaamni akka sukkaara dhiigaa fi insuliinii hin to'anne kan dhorku danda'a, kunis dhukkuba sukkaaraa gosa 2ffaa, yaaddoo fi dhiphina sammuutti geessuu danda'a.

Akkamitti amala kana dhaabuu dandeenya?

Mana fincaanii

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Indiyaa hospitaala Lilavati Mumbaayitti gorsaa olaanaa kan ta'e Dr. Naareendiraa Nikaam yeroo dheeraaf mana fincaanii taa'uun maashaaleen qaama saalaa akka dadhabu taasisa jedha.

Kunis fincaan fi bobba'a to'achuu irratti rakkoo fida. Kanaaf namni tokko daqiiqaa shan ykn kudhan ol mana fincaanii keessa turuu hin qabu.

"Bobba'aa baasuu irratti akka hin rakkanne guyyaa guyyaan bishaan liitira lamaa hanga sadii dhuguu, yeroo hunda sochii qaamaa gochuu fi nyaata faayibarii qabu guddisuu qabu" jedha.

Mallattoon dhukkubbii garaa ykn dhiita'uu guyyaa lamaa oliif yoo itti fufe doktora arguunis barbaachisaadha jedha Dr. Nikaam.

Kana malees, jarmiiwwan bilbila keessan irra jiran booda fuulaafi harka keessan tuquu danda'an, kunis dhukkuba garaachaa fiduu danda'u.

Rakkoo fayyaa fayyadama bilbilaan walqabatan hambisuuf namoonni mana ciisichaa, bakka nyaataa fi mana fincaanii dabalatee mana isaanii keessatti naannoo bilbila irraa bilisa ta'an akka uuman gorseera.