Daa'imni bofa koobraa ciniinee ajjeese ijoo dubbii tahe

Madda suuraa, Aloka Kumar
Daa'imni waggaa tokkoo lammii Indiyaa bofa summii qabu koobraa jedhamu hamma du'utti ciniinee ijoo dubbii taheera.
Mucaan Gooviind Kumaar jedhamu ganda baha Hindii, Mohachii Baankaatwaa lafa lalilsaa mooraa maatiisaa keessatti otoo taphatuu bofa arge.
''Haatisaa gorroo duuba hojirra turte,'' jedhan akkoon daa'ima kanaa Maatiisaarii Deevii. ''Koobraa qabatee ilkaansaan ciniine. Achii booda dha bofa koobraa akka tahe kan barre,'' jedhan.
Kana gidduutti mucaan Gooviind kuni gaggabee maatiinsaa battaluma hospitaalatti isa fiigsan.
''Yeroo hospitaala gahu fuullisaa keesumaa naannoo afaansaa dhiita'ee ture,'' jedhan Kooleejii Fayyaa Mootummaa Bihaar jedhamutti daa'ima kana kan yaalan, Dr Kumaar Sawuuraab.
Guyyaama kana daa'ima biraa bofa ciniinee otoo hin taane bofaan hiddame yaaleera. Daa'imman lammanuu fayyaa dha jedhan hakiimichi.
Dr Surahaab haalli ijoollee lammaniiyyuu balaafamaa tahus inni tokko isa kaan caala balaa qaba jedhan.
''Yeroo kobraan nama hiddu summiinsaa gara ujummoo dhiigaa seenuun sirna narvii miidha. Kunis du'atti nama geessuu mala,'' jechuun BBCtti himan.
''Yeroo namni ammoo koobraa ciniinu, summiin kuni sirna bullaa'insa soorataa qaama namaa seena.
Qaamni namaa summii kana waan buusheessuun dabarsa,'' jedhan Dr Suurahaab.
Qaamarra keesumaa garaachasaa keessa waan dhiigu jira taanaan hubachuun barbaachisaa dha, haala jiru akka hin hammeessineefis jedhaniiru.
Hindii keessa gosti bofaa 300 kan jiran yoo tahu kunneen keessaa 60 summii kan qabaniifi balaafamoo tahani dha.

Madda suuraa, Aloka Kumar
Biyyi kuni baay'ina bofaa qabdu irraan kan ka'e ''wiirtuu ciniinnaa bofaa addunyaa'' kan jedhamte yoo tahu yeroo roobaa kanatti bofaan hiddamuun ni dabala.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa waggaa waggaan namoonni 81,000 to 138,000 bofaan hiddamanii du'u jedha.
Hindii keessa bara 2000 hanga 2019 namoonni 58,000 tahan waggaa, waggaan bofaan hiddamanii du'aniiru jedha dhaabbatichi.
Haa tahu malee lakkoofsi namoota bofaan hiddamanii dua'an kan hin gabaafamneetu caala.
Ministeerri Fayyaa biyyattii kunis kan tahu sababa tajaajilli fayyaa iddoowwan rakkoon kuni uumamutti ijaa hin qaqqabneefi jedhe.












