Kiristiyaanoo Roonaaldoo hiriyaasaa waggaa sagaliif waliin ture naqate

Waggaa kurna tokkotti siquuf kan waliin turan gameessi kubbaa miillaa addunyaa Kiristiyaanoo Roonaaldoo fi Joorjiinaa Roodiriigeez amma qubeelaa godhataniiru.

Namoonni bebbeekamoon addunyaa kuneen yeroo dheeraaf gaa'elaa waliin turuuf murteessuu isaanii miidiyaa hawaasummaasheerratti kan ibsite Joorjiinaadha.

''Eeyyeen nan raawwadha. Jireenya koo kan ammaa fi kan egeree hamman lafa kanarra jirutti,'' jechuun waa'ee Roonaaldoo waliin qubeelaa godhachuu afaan dhalootashee, afaan Ispeeniin barreessite.

Dhimma kanarratti odeeffannoo bal'aan hin baane. Instagram irratti hordoftoota hedduu qabaachuun addunyaarratti kan beekamu Roonaaldoon, waa'ee naqachuu isaa irratti hanga yoonaa yaada hin kennine.

Waggaa sagal dura bakka Joorjiinaa Roodiriigeez hojjettu, mana gosa uffataa addunyaarratti beekamuu Gucci, kan Maadiriid keessatti argamutti erga wal baranii jaallalleewwan kunneen gargar hin baane.

Yeroo sana Kiristiyaanoo Roonaaldoo kilaba kubbaa miillaa Ispeen, Riyaal Maadiriidiif taphata ture.

Taphataan Poorchugaal fi Al-Nassr, Kiristiyaanoo Roonaaldoo, ijoollee shan qabu keessaa lama Joorjiinaa Roodiriigeez waliin godhatan.

Mucaan durbaa isaanii isheen xiqqoon bara 2022 Ebla keessa dhalatte. Lakkuu turan keessaa dhiirri biraa da'umsarratti du'e.

Joorjiinaa Roodiriigeez ijoollee Roonaaldoo hafan sadanis guddisteetti.

Netflix irratti sagantaa I Am Goergina jedhuun kan beekamtu dubartiin umrii waggaa 31 kun kanaan dura waa'ee hariiroo gaa'elaa Roonaaldoo waliin qabduu ibsitee turte.

Sagantaa kanarratti wayita dubbattu hiriyoonni ishee ''yeroo hunda waa'ee gaa'ilichaa akka qoosan,'' ibsite.

''Erga walleen Jeniifer Loopeez 'The Ring Or When' jedhu gadhiifamee isaan ammoo anaaf sirbuu eegalan. Egaan, kun anaaf dhimma koo hin turre,'' jette.

Namoonni bebbaakamoon kanneen akka Kim Kaardaashiyaan jaallalleewwan kunneen gaa'ela godhachuusaanii miidiyaa hawaasummaarratti arganii akka jaallatan ibsaniiru.

Bara 2022 Kiristiyaanoo Roonaaldoo waliin gaaffii fi deebii kan taasiste Piirsi Moorgaan ''akkuma inni dirree kubbaarratti milkaa'e gaa'illi isaaniis akkasuma haa milkaa'u,'' jechuun gammachuu qabdu ibsiteef.

Ogeettiin bareedinaa (make-up artist) Chaarloot Tilbarii ''kun oduu dansaa fi akkaan gammachiisaadha,'' jette.

Waxabajjii keessa abbaa qabeenyaa Amazon Jeef Beezoositti kan heerumte Looren Saancheez-Beezoos jaalalleewwan lameen gaa'ela godhachuusaaniitti guddoo akka gammadde ibsite.