Sheefii sa'aatii 227'f nyaata hojjechuun rekardii cabsite

Madda suuraa, PRINCE HAMDAN BANANG
Sheefiin lammii Gaanaa Faayilaatuu Abduul-Raazaak sa'aatii 227f walitti fufinsaan nyaata hojjechuun rekardii addunyaa cabsite.
Alaabaa biyyashee marattee nyaata hojjechaa turte kabaja jamaa ishee deeggaruuf walitti qabame waliin Roobii kaleessaa xumurteetti.
Maaraatoonii nyaata bilcheessuu kanaan dura, ''kuni ergama biyyaalessaati,'' Gaanaafin kana dalagaa jira jette.
Magaalaa Tanaalee, kuushinaa itti bilcheessaa turte keessaa gaafa gadi baatu namoonni harka walitti rukutaafii turan.
Tuutni hojii kanarratti wajjin turan ragaa rekardii cabsuu ishee kana dhaabbata wantoota dinqisiisoo galmeeessu Guinness World Records ergina jedhaniiru.
Yeroo ammaa rekardii qabatee kan jiru lammii Ayarlaand, Alan Fiishar nama jedhamu yoo tahu sa'atii 119 fi daqiiqaa 57f otoo addaan hin kutiin nyaata bilcheesse.
Faayilaatuun kana boda namni rekardii ishee cabsuu barbaadu akka ''itti ulfaatun,'' gochuu barbaada jette.
Pireezidantii itti aanaa biyyattii Maahaamuud Baawumiyaa dabalatee namoonni siyaasaa, namooti beekamoo fi namooti humna waraanaa otoo hin hafiin yeroo nyaata hojjechaa turte hundatti ishee deeggaraa turan.
Waggaa darbe Hidaa Baachiin rekardii yeroo cabsite gammachuu guddaa uumtee turte booda garuu lammiin Ayarlaand Fiishar rekardicha deebisee cabse.
Mudde keessa dubartiin beekamtuu Gaanaa Afuwaa Asaantewaa guyyaa shaniif waliitti fufinsaan weellisuun akka Guinness World Record irratti galmooftu abdattee ture.












