Buqqeen soorata egeree hunda caalu ta'uuf deemaa?

Buqqeen ykn dabaaqulli qabiyyee ajaa'ibaa soorata keessatti barbaadamoo ta'an saayinsawaan mirkanaa'e qaba. Ijisaallee nyaataaf oola. Haata'u malee, hanga inni gahu bakki waan kennameef hin fakkaatu.

Amma wayyayyu malee, baadiyaa Oromiyaa bakka tokko tokkotti oyiruu qonnaan-bulaa keessa buqqeen yeroo 'jabaxxaxee' mul'atu gatiin guddaa itti hin laatamu ture. Yeroo horiin nyaatu ykn tortoree gatamus hedduudha.

Magaalaatti ta'uu baatus, baadiyaa bakka tokko tokkootti buqqeen waan akka soorata namoota harka-qalleeyyii ta'eettis yaadama.

Gara magaalaatti garuu namoonni baayyeen tarree nyaata filataamaa keessaa tokko godhatan fudhatu. Buqqeen bifa gara garaatiin hojjetamees nyaatama.

Buqqeen qabiyyee nyaataan badhaadhaa ta'uu qofa osoo hin taane, midhaan hongee dandamachuun beekaman keessaa tokkodha.

Soorata egeree hunda caalu ta'aa?

Halloween fi buqqee

Biyyoota guddatan keessatti buqqeen nyaataaf ooluun cinaatti ayyaana Halloween jedhamu kabajuuf gargaara.

Ayyaanni kun waggaa waggaan Onkoloolessa 31kabajama. Guyyaan kun jalqa-bultii ayyaana Kiristaanonni Lixaa guyyaa qulqullootaa jechuun kabajanidha.

Guyyaa ayyaana Halloween kana namoonni buqqee fakkii namaa dabalatee bifa gara garaan bocanii ykn faayessanii dhiyeessu. Kanaaf, isaan biratti buqqeen akka ayyaan Halloween ta'etti ilaalama.

Biyyoota Lixaa biratti kabaja ayyaanaa aadeffatame kanaan baayyee kan beekamu ta'us, buqqeen bu'aawwan nyaataafi qorsa ajaa'ibaa akka qabus ni beekama.

Haala salphaan omishuu danda'uun; hongee waan dandamatuuf bakka hanqinni bishaanii jiruufi haala qilleensaa hamaa keessatti waan marguuf; hawaasa rakkii wabii nyaataa qaban keessatti waan gargaaruuf; lakkoofsi uummata addunyaa nyaata gahaa hin argannee dabalaa waan jiruuf buqqeen nyaata addunyaa abdatamu isa taasisa.

Fakkeenyaaf biyya Baangilaadish keessatti sababa jijjiirama haala qilleensaatiin lolaan hamaan yeroo uumamu lageen summii gara garaa biyyeerratti gadi dhiisuun lafti akka borqaa'u taasisa. Lafti akkas lolaan biyyoo summaa'aa irratti gate ammoo buqqee yoo ta'e malee waayyu ol hin baasu.

Bara 2005 keessa biyyattii keessatti jaarmiyaan Piraaktikaal Akshin [Buqqee akka Farra Beelaatti] jedhamu pirojektii Paampkiin Ageenist Poovertii jedhamu hundaa'ee bu'aa guddaa argamsiiseera. Jaarmiyaan kun dhaabbata Paampikiin Ageenist Poovertii hundeessee kanaan bu'a qabeessa ta'uun gara Paampikiin Pilaas jedhamutti jijjireera.

"Nuti yeroo ammaa interpiraayizoota qonnaa 1,000 ol ta'an waliin hojjechaa jirra. Buqqee biyyoota akka Qaataar, Maleezhiyaa, Singaapoor, fi biyyoota birootti erguun hawaasni naannoo madda galii dabalataa argatanii akka of cimsan gochaa jirra," jedhu hoji-gaggeessaan interpiraayizichaa Naazmul Islaam Chowudurii.

Buqqeen hongee dandamachuu isaatiif midhaan bakka bishaan gahaa hin jirretti margudha. Bishaan xiqqaan waan marguuf, akkasumas biyyee soogiddaa'aattis waan toluuf qonnaan-bultoota Baangilaadishiif midhaan galii guddaa irraa argatan ta'eera.

Omisha buqqee caalaa bu'a qabeessa gochuudhaafis qorattoonni Yunivarsiitii Salkuuk, Turkiirraa sanyii buqqee foyyaa'aa qorannoon baasaa jiru.

Iji buqqee madda vitaaminootaa, mineraalotaafi 'qibaatii' [coomaa] barbaachisoo ta'aniiti, keessumaa ammoo biyyoota guddachaa jiraniif jedhu ogeessi dhimma kanarratti qoratan Saaraah Hind.

Buqqeen bakka hanqinni bishaanii jiruufi biyyee soogiddaawaa ta'etti marguu danda'uu isaa qofa miti, biyyee irratti marges baayyee gabbisa. Buqqeen lolaa waan hir'isuuf, naayitiroojinii atimoosfarii keessaa waan sirreessuuf, akkasumas naayitirrojinin akka hin dhangalaane waan godhuuf dhaabbileen biyyoota Afrikaa keessatti pirojektoota qonnaa waaraa irratti hojjetaniin ni filatama.

Hawaasni saayinsii idil-addunyaas midhaan kanarratti hojjechuuf fedhii guddaa agarsiisaa jira. Masirii keessatti sodaa hanqinni bishaanii mudachuu danda'a jedhuun saayintistoonni sanyiiwwan buqqee fooyaa'aa adda baasuun wabii nyaataa mirkaneessuurratti hojjechaa jiru.

Yunaayitid Arab Imiratis (UAE) keessatti kampaaniin Elite Agro jedhamu dhaabbata biraa Spinneys jedhamu waliin michoomuun kalaqa Awurooppaa irraa argateen buqqee mana magariisaa (greenhouse) keessatti magarsuun fedhii gabaa guutaa jira.

Kan nama ajaa'ibu, buqqeen hanga faayidaa hedduu qabu beekamuu baatus garuu qorannoon bal'aan irratti hojjetameera. Qorannoon gaggeeffaman akka agarsiisanitti qabiyyeen buqqee danuudha. Midhaan waggaa guutuu, waqtii hunda keessatti margu kun kaanserii gosa gara garaa ittisuu kan danda'u antioxidants'tiin badhaadhaadha. Niwutireentota hedduun badhaadha, garuu kaalorii xiqqaa qaba.

Qaama namaa keessatti sirna dhukkuba ofirraa ittisuu qaama namaa kanneen cimsan akka Vitaamin A, C, E, akkasumas ayireeniin badhaadhaadha.

Qorannoon bara 2021 Maleezhiyaa Yuniversiitii Putraatti hojjetame tokko "midhaan kamiyyu caalaa nyaata madaalawaa lafa borqate, bishaan haqateefi hongeen hammaate keessatti margu waan ta'eef, buqqeen "midhaan bara warraaqsaati" jechuun ibsa.

Yugaandaa keessatti kampaniin Byeffe Foods jedhamu tokko buqqee bifa gara garaatiin qopheessuun beekameera. Buqqee bifa daakuutiin qopheessuun akkaataa daakuu ataraa, bisingaafi ruuzii waliin fayyadamuun itti danda'amutti qopheessee dhiyeessa. Kampaniin kun buqqee gabaaf dhiyeessu kana ofumaan lageen qarqara bakka gatamaafi lolaan dhiqetti magarsa.

Omishawwan Byeffe Foods buqqeerraa qopheessu soorata daa'imman reefuu dhalataaniifi ijoolleef bifa marqaan yoo qophaa'u qabiyyee nyaata madaalawaa waan guutuuf akkaan filatamaadha.

Keeniyaa keessatti ammoo daa'imman hir'ina vitaaminaa qabaniif daakuu bisingaa ijoolleef qophaa'etti makuun kennama.

Kanaaf, buqqeen biyyoota Afrikaa hunda keessatti midhaan nyaataa jijjiramaati [transformative] ta'edha jedhu qorattoonni.

Hongee dandamachuu, bakka hundatti marduufi qabiyyee nyaataan badhaadhaa ta'uu isaatiin alatti, buqqeen osoo waayyu hin ta'iin yeroo dheeraaf turuu danda'uun isaa midhaan filatamaa isa taasisa. Kanaaf, biyyoota harka-qalleeyyii ta'an qorrisiistuu [firiijii] hin qabnee, akkasumas bakka ibsaan hin jirre osoo waayyu hin ta'iin turuu danda'a buqqeen.

Biyyoota ho'i itti hammaatu [trapical] keessatti buqqeen dhamaatii tokko malee bakka kosiitti gatame keessaayyu ofiin margee guddata.

Buqqeen foon isaa, ija isaa, akkasuma baala isaatu nyaatama. Kan hinnyaatamne daraaraa isaa qofaadha.

Kanaaf, buqqeen bakka rakkisaatti salphaatti waan marguufi toluuf; midhaan waan hundi isaa-(foon, ija, baala) nyaatamu waan ta'eef; qabiyyee nyaata madaalawaa hedduun badhaadhaa waan ta'eef hawaasa addunyaa bakka hanqinni nyaataa jiruuf wabii nyaataa ta'uurra darbee jireenya isaaniilleemidhaan jijjiiruu danda'udha.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii(UN)tti Jaarmiyaan Nyaataafi Qonnaa (FAO)n hiiroo [pillars] wabii nyaataa mirkeessuuf barbaachisan jechuun wantota afur adda baaseera. Iaanis midhaan salphatti argachuun danda'amu [accessibility], midhaan jiraachuu danda'u [availability], fayyadamuuf mijatu[utilisation], akkasumas haala kamiyyu keessatti kan hin dhabamne [stability] ta'an jechuudha.

Ulaagaa UN-FAO kanaan buqqeen midhaan egeree addunyaaf abdii ta'udha.

Yeroo lakkoofi uummata addunyaa dabalaa jiru kanatti, yeroo yaaddoon jijjiiramni haala qilleensaa wabii nyaataa mirkaneessuuf gufuu ta'aa dhufe kanatti, buqqeen soorata egeree hunda caalu yoo jedhame dogoggora hin ta'u.