Hayyuu Itoophiyaa wal'aansa hiyyeessaaf dhiyeessaniin badhaasa idil-addunyaa argatan

Dhihoo kana yaa’iin ogeessota wal’aansa gogaa Singaapooritti adeemsifamee ture. Yaa’ii kanarratti hakimoota gogaafi omishtoonni dawaa 11500 argamaniiru.

Yaa’ii kanarratti wal’aansa gogaatiin wal-qabatee dalagaawwan rakkoo hawaasaa irratti jijjiirama fidan hojjechuu irratti dorgommii idil-addunyaa adeemsifameen Baha Gidduugalaafi Afrikaa irraa Piroofeesar Wandimaageny Imbiyaalee injifataniiru.

Dorgommii kanarratti biyyooti 66 yaadota piroojektii 193 dhiyeessaniiru.

Piroofeesar Wandimaageny wal’aansi dhukkuboota Podoconiosis (toonnoo kn tuubuu) fi Cutaneous leishmaniasis (roobbii ) hawaasa bira akka gahuuf piroojektii hojjetu dhiyeessan.

Piroojekticha kan hojjetan dhaabota kaabaafi kibba Itoophiyaatti dhukkuba kanarratti hojjetan National Network for Polo waliin tahuuni.

Hojii kana fiixaan baasuufi deeggarsi maallaqaa Yuroon kuma 20 kennameeraaf.

Dhukkubni toonnoo ykn tuubuun maali?

Dhukkubni toonnoo ykn tuubuun miila akka malee dhiiteessa. Dhiita’uun miilaa kunimmoo yeroo yerootti mat-bowwaa, gubaa qaamaa, hollannaafi miira garaa hammeessuu agarsiisa.

Dhukkubni kuni yerooo hammaataa adeemu madaafi foolii addaa fidaa adeema.

Sababa kanaan dhukkubsattoonni hawaasa keessatti loogiifi qollifannaan irra gaha.

Naannolee Amaaraa, Walaayittaa, Oromiyaafi gidduugala Naannoo Kibbaa keessatti qonnaan bultoonni harka-qalleeyyii tahaniifi miila qullaa adeeman dhukkuba kanaan miidhamu.

Haatahu malee, dhukkubichi Itoophiyaa keessatti xiyyeeffannoo argachaa hin turre.

Ammallee xiyyeeffannoo gaha gatii hin arganneef dhukkubni salphaan, of eegannoon ittisuun danda’amu jireenya namoota baayyeee gidiraaf saaxileera.

Akka qorannoon agarsiisuutti namoonni dhukkuba kanaan qabaman miiliyoona tokko tahan Itoophiyaa keessa jiraatu. Namoonni miiliyoona 35 immoo dhukkubichaaf saaxilamoo akka tahan amanama.

'Har’i guyyaa gammachuu kooti, cidha mucaa koo irratti argameera'

Obbo Birhaanuun dhukkuba toonnoo qabu. Waggootaaf dhukkuba kanaan rakkachaa bahan. Maatiinillee isaaniin qollifataa turan. Godoo fo’atanii qofaa bulaa jiraachaa turaniiru.

Obbo Birhaanuun Pirofeesar Wandimaagany irraa wal’aansa argataniiru.

Dhukkubni kuni waggaa 20 dur akka isaan jalqabe dubbatu.

Namni kuni daldalaa yoo tahan magaala keessa jiraatan Durbeetee irraa km60 fagaattee kan jirtu Baahir Daar miilaan deemaniitu daldalu ture. Yeroos tajaajilli geejibaa hin jiru ture.

Waggaa 20 tajaajilli geejibaa yeroo jalqabu gara Baahir Daar deemuuf lonchinii yaabbatan.

Lonchiniin kuni otoo imaltoota yaabbatan eeguu aduun jabaatte. Miillisaanii foolii fiduu jalqabe. Namoonni konkolaataa keessa turan funyaan qabachuu eegalan.

Konkolaachisaanis itti galagalee, ‘’gurbaa maali hantuuta duute feeteetta moo?’’ jechuun gaafate.

Obbo Birhaanuu miirri qaanii qaama isaanii weerare.

‘’Yeroos otoo dacheen kuni banamtee na liqimsteen,’’ jedhe jechuun yaadatu.

Qaanii kana baatanii taa’uu waan hin dandeenyeef homaa otoo hin dubbatiin konkolaaticharraa bu’an.

Ergasii konkolaataa yaabbatanii hin beekan. Daldala isaaniis ijoolleen isaanii akka itti fufsiisan itti dhiisan.

Bataskaanatti qiddaasee hordofaa balbala mana amantii taa’anii jiraachuu jalqaban.

Waggoota lama,sadii haala kanaan itti fufan. Kunis garuu loogii irraa isaan hin baraarre.

‘’Gaaf tokko abbaan amantii na waamanii, ‘miilli kee ni xiraa’a gara keessaatti akka hin galle,‘‘ naan jedhan,‘‘ jedhu.

Achiis bataskaanarraa fagaatanii kadhachuu jalqaban.

Maatiin isaaniis waan isaanitti hin siqsineef, gorroo duuba maatiisaanii irraa fagaatanii godoo keessa qofaa jiraachuu jalqaban.

Erga gaafasii takkaa cidha, maabara, sanbateefi dhimmoota hawaasaa biroo irratti hirmaatanii hin beekan.

Manumattillee yeroo jilli jiraatu waan nyaatamuufi dhugamu godooma isaaniitti dhaqatuuf.

Kana dura yeroo ijoolleen isaanii fuudhanii heeruman irratti hin argamne ture.

Rakkoo keessaa bahuu hin dandeenye jedhanii yaadan keessa otoo jiranii karaa dhaabbata Piroofeesar Wandimaagenyi carraa wal’aansaa argatan.

Erga yaalii argatanii booda fooliin badaa miila isaaniirraa bade. Gara jireenya isaaniittis deebi’an.

Mucaan isaanii inni kaan gaafa fuudhus, cidharratti argamanii fira hunda keessummeessan.

Wal’aansa jalqabanii ji’a sadaffaa irratti, ‘’har’i guyyaa gammachuu dha. Ilma koon fuusise. Irrattis argameera,’’ jechuun galata piroofeesraichaaf qaban ibsu.

Piroofeesarichi maaliif dhukkuba toonnoorratti xiyyeeffatan?

Piroofeesar Wandimaageny Imbiyaala Yunvarsiitii Baahir Daaritti hakiima gogaa fi dhukkubboota saal-quunnamtiin daddarbaniiti.

Akka isaan jedhanitti hakiima tahuun hojii erga jalqabaniin booda dhukkubi toonnoo dhaabota fayyaa keesstillee yaalii hin qabu ture.

Namoonni dhukkuba kanaan qabamanis filannoon qaban tokko mana amantii deemanii kadhannaa gochuu qofadha.

Wal’aansi dhaabota gargaarsaa amantii qofatu yaalii kana kenna, kunis Naannoo Kibbaa, Sooddoo keessatti qofa kennama ture jedhan.

‘’Dhukkubni kuni Itoophiyaa keessatti namoota baayyee irratti dhiibbaa gahus xiyyeeffannoo garuu otoo hin argatiin tureera,’’ jedhu Piroofeesarichi.

Sababii kanaan dhukkubicha ilaalchisee biyyattis tahe akka addunyaatti odeeffannoon gahaa hin jiru.

Piroofeesarichi dhimma kanaan yaadda’uun yaalii kana kaaba Itoophiyaatti jalqabsiisuuf dhaabbata International Orthodox Churhch Charity jedhamu waliin tahuun magaalaa Dabirataaboritti tajaajilli akka jalqabu taasisan.

Isaan ammoo tolaan tajaajila kennuu jalqaban.

Dhukkuba toonnoo kana fayyisuun salphaa tahus xiyyeeffannoo gatii dhabeef qofa hawaasa keessatti gidiraafi qollifnnaa uume jedhan.

Wal’aansi isaa miila dhiquu, dibata dibuu, madaa miilarra jiru wal’aanuu fi huccuudhaan maranii qophee itti diruudha.

Wal’aansi salphaan kuni dhukkubsattoota irratti jijjiirama guddaa fiduu danda’us yeroosaatti ogeessonni fayyaa otoo hin hafiin beekumsa gatii hin qabneef tajaajilli kuni dhaabota fayyaatti kennamaa hin turre.

‘’Dhukkubni kuni akka biyyaatti akka beekamuufi naannoo tirooppikaalaatti dhukkuboota xiyyeeffannoo hin arganne keessaa akka addunyaatti Itoophiyaan akka hammatamtu kan tahe, waggoota 15 darbanitti hojii qorattoonniifi dhaaboti deeggarsaa taasisaniin,‘’ jedhu piroofeesarichi.

Piroofesarichi Dabirmaarqoos booda Duurbeeteettis wiirtuu wal’aansaa bananii tajaajiluu jalqaban.

Kanaanis dhukkubsattoonni yaalii baqaqsanii wal’aanuu akka argatan godhaniiru.

Ministeerri Fayyaa dhukkuba toonnoo kana akka biyyaatti dhukkuba tirooppikaalaa xiyyeeffannoo hin arganne keessattii akka hammatamu gochuun qajeelfama qopheessus ammallee buufataalee fayyaa keessatti yaaliin dhukkuba kanaa hin kennamu jedhu.

Sababa kanaan Piroofeesar Wandimaageny dhukkuba salphaatti fayyuu danda’u kanaan namoota gidiraa argan irratti xiyyeeffachuun hojjechuu jalqaban.

Piroojektii amma irratti hojjechaa jiraniifis ogeessota leenjisuun dhukkubsattoonni iddoo jiran hundatti tajaajila akka argatan gochuuf kaayyeeffataniiru.

Piroofeesariin tajaajila hawaasaa kennan kanaaf Yunivarsiitin Baahir Daar Waxabajjii darbe yeroo waggaa 60ffaasaa kabaju isaan badhaaseera.

Bara 2011 Kongireesii ogeessota fayyaa gogaa Sewuulitti taasifameen ogummaa wal'aansa gogaa reef jalqabanillee dhukkubsattoota HIV waliin hojii gaarii hojjetaniin badhaasa maallaqaa argataniiru.

Waa'ee dhukkuba toonnoo

Dhukkubni kuni yeroo jalqabaaf kan beekameefi maqaa argate Itoophiyaa keessatti bara 1970 keessadha.

Yeroo baayyee namoota lafa qotuu irratti bobba’aniifi miila qullaa deeman irraatti mul'ata.

Erga adda baafameen booda booda akka addunyaatti qorannoon adeemsifamuu jalqabe.

Kana booda Kaameruun, Taanzaaniyaa, Ruwaandaa dhukkubichi argameera.

Biyyoota addunyaa biroo 17 keessattis dhukkubichi akka jiru mul’ateera.

Lakkoofsi dhukkubsattoota baayyee garuu Itoophiyaa keessattidha kan argamu.

Tahus hamma bara 1970 qorannoon qabatamaan himamuu danda’u hin jiru ture.

Bara 2000 booda garuu qorattoonni tokko tokko ka’anii qo’achuu jalqabani.

Bara 2007 qorannoo biyyaalessaa adeemsifameenis namoonni miiliyoona 1.5 tahan dhukkubicha akka qaban beekameera. Kana malees, qonnaan bultoonni miiliyoona 35 -50 tahan dhukkuba kanaaf saaxilamoodha.