Israa'el haleellaa Iraan irratti bante qolachuuf "qophiidha"- Netaaniyaahuu

Eegduun Warraaqsaa Iraan haleellaa diroonii Israa'el irratti banuu ibse

Madda suuraa, Reuters

Iraan dirooniin Israa’el irratti haleelaa banuu Humni Waraana Israa’el (IDF) halkan kana beeksiise. Haleellaa amma Iraan bante kun eegamamaa kan ture yoo ta'u, qondaalota olaanooshee torban lama dura Israa'el Libaanos keessatti jalaa ajjeefteef haaloo ba'uudha.

Kana hubachuun humnooni Israa'el haleellaa Iraanirraa itti dhufuu malu qolachuudhaaf of eeggannoo cimaafi "bakkawwan irratti xiyyeeffatamuu malu hunda" hordofaa jiraachuu himeera IDF.

TVn Israa'el akka gabaasetti, meeshaaleen waraanaa Iraan Israa'elitti bobbaafte kun Dilbata sa'aatii 02:00 irratti Israa'el qaqqaba.

Eegdonni Warraaqsaa Iraan misaa'elootaafi dirooniiwwaninn haleellaa Israa'el irratti banuu himeera.

Humni Waraanaa Israa'el akka jedhetti, dirooniiwwan Iraan kunneen Israa'el qaqqabuudhaaf fageenya kiiloomeetira 1,800 waan fagaatuuf saatiiwwan fudhata.

Haleellaan Iraan amma Israa’el irratti bante kun ajajoota waraanaa Israa'eliin jalaa ajjeefameef haaloo bahuuf tarkaanfii akka fudhattu erga guyyotaaf dubbatamaa tureen booda dhufe.

Haleellaan Iraan kun osoo hin jalqabamiin saatii muraasa dura dubbii dubbataniin, Ministirri Mummee Israa’el Benjaamiin Netaaniyaahuu sirnawwan ittisaa biyyattii bobbaafamuufi humnoonni waraanaa Israa’el of eegannoo gochaa jiraachuu dubbatan.

"Waan dhufuu danda'u kamiifiyyu, ofirraa qulachuufis ta'e deebii kennuudhaaf qophoofneerra. Biyyi Israa'el jabduudha. IDF jabaadha. Uummatichis jabaadha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"US Israa'el waliin dhaabbachuusheetiif ni dinqisiifanna; akkasumas deeggarsa Biriteen, Faransaafi biyyoota baayyee biroos ni jajanna."

Gaafa Ebla 1, 2024 erga qontsilaan Iraan Damaasqoo keessatti haleellaan raawwatamee qondaaltonni waraanaa olaanoon Iraan ajjeeffamnii booda muddamni Giddugala Bahaa keessatti dabaleera.

Iraan haleellaa guyyaa sana Waajira Qontsilaashee kan magaala guddoo Sooriyaa keessatti argamurratti raawwatameef Israa’eliin itti gaafatamtuu gochuun, haleellaa haaloo bahuumsaa akka raawwattu dhaadataa turte.

Haleellaa kana ilaalchisee Israa'el omaa jechuu baattuulleen, qondaaltoota waraanaa olaanoo Iraan dabalatee namoonni 13 ajjeeffamanii ture.

Taatee sanaan boodas qaamni nageenyaa Iraan akka itti deebii kennuu falmiitti jira. Israa'el Iraan gareewwan hidhataa Liibaanosiifi Sooriyaa keessa jira meeshaa waraanaan ni deeggarti jettee kan himattuu yoo ta'u, Iraan ammoo saayintistootaafi namoota siyaasaa biyyattii yeroo garaagaraatti ajjeeffamaniif Israa'eliin itti gaafatamtuu taasifti.

Oduu kanarratti odeeffannoon bahaa waan deemuuf deebitanii mil'achuu hin dagatiinaa.

Haleellaa Iraan Israa'el irratti bante US fi kaan maal jechaa jiru?

Oduun Iraan haleellaa Israa’el irratti banuu akkuma dhaga’ameen, Dubbi-hmaan Gorsaa Nageenya Biyyaalessaa US Andireenii Waatsan akkas jedhan: “Waan Pirezidant Baayidan jedhan ifadha: Nageenya Israa’eliif deeggarsi taasifnu kan hin sochoonedha.”

“Yunaayitid Isteet ummata Israa’el bira ni dhaabatti, carraaqqii yaaddoo Iraan irraa itti dhufu ofirraa ittisuudhaaf isaan taasisanis ni deeggarra.”

Ministirri Muummee UK Rishii Sunaak haleellaa “maal-nadhibdee” Iraan kana balaaleffachuun, UKn nageenya Israa’el, akkasumas michoota keenya qaxanaa sana keessa jiran bira akka dhaabbattu dubbatan.”