Sababa ho’a cimaa Jibuutiitti mudateetiin lammiileen Itoophiyaa sadii du’an

Konkolaataa fe'umsaa

Madda suuraa, Getty Images

Sababii ho’a cimaa Jibuutiitti mudateetiin torbanoota darban lama keessatti lammiileen Itoophiyaa konkolaataa fe’umsaa konkolaachisan sadii fi oggeessii suphaa konkoolataa tokkoo du’usaanii waldaan konkolaachiftoota konkoolaattoota gurguddoo Itoophiyaa beeksiise.

Konkolaachiftoonni fe’umsi isaan fe’an Jibuutii osoo hin geenye gara sanatti imaluudhaan guyyootaaf achi akka turan taasifamaa jiraachuu fi kanaanis ho’a cimaafi rakkoolee gara biraatiif saaxilamaa jiraachusaanii Hojii Gaggeessaan Waldichaa Obbo Solamoon Zawuduu BBCtti himan.

Konkolaachiiftoonni konkolaataa fe’umsaa Jibuutiin kan oomishaalee al-ergiifi kanneen gara biyya keessaa galfamaniif karra mummee taateetti deeddeebii’anii fi oggeessi suphaa konkolaataa biyyattii keessa jiraatu tokko lubbuusaanii kan darbe jalqaba baatii Waxabajjiirra guyyoota walitti aanan keessa ta’u waldichatti qindeessaa kan ta’an Obbo Daamana Tashoomatu BBCtti hime.

Waahillan waldichaa BBCn dubbise kunneenis, namoota lubbuunsaanii darbe keessaa tokko konkolaachisaa Geejjiiba dhuunfaa Balaayina Kindee yoo ta’u, konkolaachiftoonni kaan hafan lamaan ammoo kan dhaabbilee mootummaa keessa hojjatan akka turan himaniiru.

Oggeessi suphaa konkolaataa lubbuunsaa darbees hojjataa Geejiiba Galaanaa fi Lojistikii Itoophiyaa keessa kan hojjataa ture yoo ta’u, konkolaachisaan inni tokko lubbuunsaa darbe ammoo dhaabbata misooma naannoo Amaaraa kan ta’e, konkolaachisaa Geejiiba Tikur Abaayii akka turan ibsan.

Dhaabbileen konkolaachiftoonni jalaa miidhaman kunneenis du’a hojjattootasaanii BBC’f mirkanneessaniiru.

Haalli ho’a yeroo ammaatti Jibuutii keessa jiru olaanaa ta’u kan dubbatan Hojii Gaggeessaan waldichaa Obbo Solomon, haalli qilleensaa ammaan tana jiru kan konkolaachiftoonni ‘‘dandamachu hin dandeenyee’’ ta’u kaasan.

Buufata Jibuutii

Madda suuraa, ETHIOPIAN SHIPPING AND LOGISTICS

Raaguun haala qilleensaa warra Awurooppaa akka agarsiisuutti, Waxabajjii keessa haalli qilleensaa magala Jibuutiitti eegamu olaanaan digrii seeliishiyees 37.9 dha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yeroo walfakkaataaa kanatti Finfinneetti haalli qilleensaa olaanaan eegamu digrii seelishiyeesii 21dha.

Waldaan konkolaachiiftoota konkolaataa fe’umsaa Itoophiyaa xalayaa ALI Waxabajjii 10, 2016 Dhaabbata Dhiyeessaa Boba’aa itoophiyaa, kaambaaniiwwan dhiyeessitoota boba’aa konkolaachiftoota bobbaasaniifi waldaa abbaa qabeenyaa fe’umsa mi’ioota gotaatiif barreeseen, ho’a Jibuuttitti mudatee badii lubbuu konkolaachiftootaaf madda ta’u ibseera.

Konkolaachiftoonni dhibeewwan akka ‘‘sukkaaraa, dhiibbaa dhiigaa fi rakkoo onnee’’ qaban balaa ‘‘hanqina qorichaa irra’’ jiraachusaanii waldichi xalayaa barreessee irra kaa’eera.

Hojii gaggeessaan waldichaa Obbo Solomon akka ibsaniitti, sababiin bu’uura rakkoolee kanneenii ammo konkolaachiftoonni ‘‘tokkicha erga fe’umsa isaanii buusanii booda ajajni isaan qaqabuus dhiisuus dafanii’’ gara Jibuutiitti akka deebii’an taasifamaa jiraachusaanii akka ta’e kaasan.

Konkolaachiftoonni erga Jibuutii qaqabaniin booda hanga meeshaan fe’an qaqabuutti hanga guyyoota 15 akka eegan kan dubbatan hojii gaggeessaan kun, kunis balaadhaaf isaan saaxilaa jiraachu himu.

Konkolaachiiftoota du’an keessaa kan hojjataa dhaabbata Geejjiba Dhuunfaa Balaayina Kindee ta’e, fakkeenyaaf lubbuunsaa kan darbe buba’aa fe’udhaaf osoo eeggataa jiru ta’u hojii raawwachiisaan kaambaanichaa Obbo Dasaalanyi Kaasee BBCtti himaniiru.

Du’a konolaachiftootaaf sababiin ‘‘ho’a moo miti kan jedhu hakiimiidhaan mirkanaa’uu’’ akka barbaachisu kan dubbatan Obbo Dasaalanyi, haalli ho’a ammaan tana Jibuutii keessa jiru ‘sadarkaa olaanaarra’ gahunsaa konkolaachiftoota irraa akka dhagahan himan.

Obbo Dasaalany ‘‘du’a mudateef maddii ho’a ta’u akka mulu nan yaada. Sababiinsaas ho’I ammaan tana Jibuutii keessa jiru kan idileen eegamuuntiin oliidha. Du’itiin kunis isa waliin hidhata haa qabaatuu haa dhiisuu garuu ammo mirkanneessuudhaaf waraqaan ragaa hakiimii barbaachisaadha’’ jedhan.