Hamma kuufama boba'aa fi gaazii uumamaa naannoo Ogadeen jiru qorannoon ifa godhe

Madda suuraa, Takele Uma
Ministeerri Albuudaa Itoophiyaa kuufamni gaazii uumamaafi boba'aa biyyattiin naannoo Ogadeenii qabdu Kiyuubiik footii tiriiliyoona torba ta'uu qorannoon mirkaneeffamuu beeksise.
Ministirri Albuudaa Itoophiyaa Injinar Taakkalaa Uumaa sagantaa bu'aa qorannoo kanaa agarsiisu walharkaa fuudhuuf qophaayerratti haasaa godhaniin Itoophiyaan hanga ammaatti hanga boba'aafi gaazii uumamaa qabdu qorannoon bira akka hin geenyeefi inni kun kan jalqabaa ta'uu dubbatan.
Kuufama qabeenya uumamaa kana kan qorate kaampanii biyya Ameerikaa ''Netherland Swell and associate ltd'' jedhamu yeroo ta'u ragaalee mootummaan Itoophiyaa hanga ammaatti sassabbate fi haaraas itti dabaluun ji'oota shaniif hanga qabeenya kanaa qorachaa ture.
Amma dura qabeenyi kuufamaan naannoo Ogadeen jira jedhamuun dhaabbilee adda addaan himamaa ture tiriiliyoona sadi akka hin caalle Injinar Taakkalaan himaniiru.
Qabeenyi hanga kanaa jiraachuun kan beekamee naannoo Ogadeen bakka garaa garaa sadii Kaluub, Hilaala fi Dohaar jedhamutti ta'uu ibsaniiru.
''Amma ragaa qabatamaa kana qabannee kaampaniiwwan teeknoolojiifi beekumsa gahaa qaban affeerree qabeenya kana hojiirra oolchuu dandeenya'' jechuun dubbatan.
''Dhalootni nu dura tureefi isa dura ture gaazii uumamaa qabna jecha bahe. Ani garuu har'a boonaan qabna. Hanga kana qabnan jedha'' jechuun dubbatan.
Qabeenya kana faayidaa biyya keessaa fi alatti erguuf hojiin guddaan kan isaan eeggatu ta'uus, mootummaan isaanii murannoo qabaachuu dubbataniiru.
Itoophiyaan naannoo Somaalee Ogaadeenii kuufama boba'aa akka qabdu irra deddeebiin himamaa ture.
Waggaa afur dura bara 2018 MM Abiy Ahimad Itoophiyaan naannoo Somaaleetti seenaa keessatti yeroo jalqabaaf omisha Yaalii boba'aa jikitaa eegaluun ishee ibsanii turan.
Omisha yaalii kanaan guyyaatti jikitni barmeela 450 kan omishamu akka ta'e ibsamee ture.
Qabeenya kana biyya alaatti gurguruuf mootummaa Jibuutii waliin marii gaggeessuu isaanii MM Abiy dubbatanii kan turan ta'us ergasii garuu dhimmichi maal irra akka gahe mootummaan hin waan jedhe hin qabu.












