Gulaallii waancaa Addunyaa: Dhiibbaa jala kan jirtu Itoophiyaa, ga'umsa Sudaan, ramaddii walxaxaa

Afrikaa keessaa biyyoota Waancaa Addunyaarratti hirmaatan adda baasuuf taphi gulaallii torbee kana ni taphatama.

Taphoonni torbee kana keessa gaggeeffaman egeree hirmaannaa Waancaa Addunyaa biyyoota Afrikaa kan murteessaniidha.

Biyyoonni sagal ramaddii isaanii keessaa qabxii olaanaan xumuran Waancaa Addunyaa Kanaadaa, Meeksikoo fi US waliin qopheessan irratti kallattiin hirmaatu.

Biyyoonni afur qabxii gaarii fidanii sadarkaa lammaffaan xumuran ammoo bakka tokkotti walitti dhufuun tapha mo'atanii darbuuf falmatu.

Tapha gulaallii darbe booda Naayijeeriyaa, Senegaal fi Tuniiziyaan leenjistoota jijjiiraniiru.

Taphoota gulaallii torbee kana keessa taphataman irraa dhimmoonni ijoon akkaan eegaman maal faadha?

Qabxii gatuun gatii kaffalchiisa

Biyyi kubbaa miillaan seenaa gaarii qabdu Naayijeeriyaan biyyoota qabxii barbaachisaa argachuuf dhiibbaa jala jiran keessati.

Ramaddii sadaffaa keessaa tapha tokkollee osoo hin mo'in qabxii afuriin Ruwaandaatti aantee sadarkaa lammaffaarra jirti.

Leenjisaan duraanii Maalii Eriik Cheelee kilaba dhiibbaa jala gale kana leenjisuuf waliigalaniiru.

Kigaalii irratti Ruwaandaa waliin erga taphatanii booda, dirreesaaniirratti Zimbaabwee waliin falmatu.

''Kubbaan miillaa dhiibbaa jala galuun waanuma baratame,'' jechuun BBC Sport Africatti himan leenjisaan kun.

Ga'umsa taphattootasaaniitti akka amananis himan.

Dursaan taphattoota garee biyyaalessaa Naayijeeriyaa Viktar Osimheen gamasaan gareensaa tapha Waancaa Addunyaa 2022 Qaataritti qophaa'erratti hirmaachuu dhabuun, hamilee horatanii dorgommii itti aanuuf akka qophaa'an isaan taasisuu dubbate.

Seentifiit- Leenjisaa milkaa'ina Maaliif ifaajan

Maaliinis leenjisaa haaraa Toom Seentifiit jalatti ramaddii ishee keessaa qabxii afuriin caaluun kan dursu Komoroos waliin taphatti.

''Sadarkaa gaariirra jiraachuu baannus taphattoota ciccimoo qabna,'' jedhan leenjisaan Maalii Seentifiit.

''Waan dandeenye hunda raawwachuun seenaa ni hojjenna.''

Ramaddii kana keessa kan jirtu Gaanaan Chaad fi Madagaaskar waliin falmatti.

Leencota Teeraangaa fi sochii ajaayibaarra kan jiran garee Sudaan

Senegaal leenjisaa Paap Tiyaaw qacarteetti. Itti aanaa kan ture Aliyuu Seeseetu kilabicha leenjisaa ture.

Senegaal gulaallii tapha Waancaa Afrikaa 2025 tokkollee hin mo'amne. Jifataan duraanii garechaa Al Haajii Di'uuf leenjisaan haaraan bakka buufamuutti akka gammade himeera.

''Gareen biyyaalessaa Senegaal akka maatii tokkooti. Gurmuu gaariidha. Waliin hojjennee waliin gammadna,'' jedhe Di'uuf.

Ramaddii kana raawwii ajaayibsiisaarra kan jirtu Sudaantu dursa. Senegaal qabxii lamaan irra fagaattee itti aanti.

Gareen biyyaalessaa lameen wayita waliin taphatan taphattoonni Piriimer Liigii Ingilaand keessa taphatan Nikolaas Jaaksan fi Iliimaan Nidaayee sababa miidhamaatti hin taphanne.

Taphichi magaalaa Liibiyaa, Beengaaziitti akka taphatamu sagantaan ba'eera.

Leenjisaan garee biyyaalessaa Sudaan Kiwaasii Apiiyaah sochii ajaayibsiisaa eegalan kana itti fufsiisuu laata?

Itoophiyaa fi ramaddicha olaantummaan kan dursitu Masrii

Masriin ramaddii tokkoffaa garaagarummaa qabxii afuriin dursiti, qabxii sadi qofa kan qabdu Itoophiyaan dhumarraan garee tokko qofa caaltee sadarkaa shanaffaarra jirti.

Jifataan Liivarpuul Mohaammad Saalaa gulaallii tapha waancaa Afrikaaf taphoota gara xumuraa irratti gareensaa isa boqochiisus, tapha Itoophiyaa waliin taphatan irratti akka hirmaatu eegama.

Masriin itti aansuun seeraaliyoon waliin taphatti, Itoophiyaan ammoo Jibuutiin waliin taphati.

Gareen ramaddii kana keessa jiran kanneen akka Masrii, Burkinafaasoo, Giinii Bisaaw fi Seeraaliyoon qabxiisaan qabaniin yoo ilaalamu Itoophiyaan dorgommii Waancaa Addunyaaf darbuuf qormaata guddaatu ishee eeggata.

Adabbiin Koongoo gaaffi ta'eera

Ramaddii shanaffaa keessatti kan argamtu Morookoon taphoota gulaallii hundumaa mo'achuun biyya Afrikaa keessaa kan gita hin qabne taateetti.

Haalli ramaddiin kun walxaxaa fakkaata.

Ertiraan dorgommiin eegaluu dura keessaa of baaste, Fifan ammoo Waldaa Kubbaa Miillaa biyyattii keessa qaamni sadaffaan seeneera jechuun Koongoo Biraazaaviil irra dhorkaa kaa'eera.

Taphi Koongoon gareewwan biyyaalessaa Taanzaaniyaa fi Zaambiyaa waliin qabdu haqameera.

Yoo dhorkaan Fifa irraa ka'ellee taphoota haqaman kunneen gaggeessuuf sagantaan ba'u walxaxaa waan ta'uuf kun Koongootti haala hammeessuu danda'a.

Ramaddicha keessaa lammaffaan kan xumuru ulaagaa kamiin tapha mo'atanii darbuu irratti hirmaata kan jedhu Fifa fi CAAF kan murteessan ta'a.

Koongoo Biraazaaviil guutummaatti taphaan ala yoo taate ammoo tokko tokkoon taphichaa walxaxaa ta'a.