Kaameraa bilbila keenyaaf maaliif Albert Anestaayiniin galateeffanna?

Kaameeraa

Madda suuraa, Getty Images/ BBC

Injinarri tokko ifaa kaameeraa fudhatee deeskii kompitaraa irratti qiyyaafatee ifa kaameeraa itti cuqaase. Sekondii keessatti ifti guddaan kuticha keessatti balaqqeessa'e. Namni hundi ijasaa dunuunfateera. Yeroo ija isaanii banan kompitarrii suni caccabeera.

Gareen Rasberii PI Jedhamu kompitarri omisha isaanii ta'e kuni akka suura kaafamuu jibbu baraniiru. Keessumaa yeroo leensii ifa guddaa qabuun suura kaafamu.

"Kompitarichi cabuun hunda keenya raajeera" jedha hundeessaan garee Rasberii Pi, Eben Apton. Chiippiin Kompitarichaa ifa Footoo elektriikiitiin akka miidhamu mirakaneeffataniiru.

Abtonii fi hiriyoonnisaa wanti kuni nimudata jedhanii yaadanii hin turre. Ta'iin kuni kan barame yeroo kompitarri kuni gabaarratti gurgurame, bara 2015 dhaabbata Rasberiitiini.

Taatee kana jaarraa tokkoon dura Albert Instaayin waraqaa qorannoo isaarratti barreesse. Instaayin waraqaa kana Bara 1905 yeroo barataa PhD ture barreesse. Bara 1921tti qorannoon isaa kuni badhaasa Noobeelii Fiiziksiisdhaan akka injifatuuf isa gargaare.

Dhiibbaan Footoo elektiriikii kuni teeknolojii hunda kan jijjire ta'e, soolaariidhaa hanga bilbila harkaatti.

Ta'iiwwan addaa

Waan kana sirritti hubachuuf gara bara 1905tti deebinee waan sammuu Instaayin keessatti gaaffii uume haa ilaallu. Ifti maalirraa uumame? Kan jedhu. Yeroo sanatti saayintistoonni hedduun ifti dambalii irraa dhufa kanuma jedhu lafa kaa'an.

Maaksi Pilaank tiyoorii 'Quanta' Jedhamu lafa kaa'e. Akka tiyoorii kanaatti raadiyeeshinii, ifa dabalatee, annisaa faffaca'e ofkeessaa qaba kan jedhu. Yaanni kuni garuu hedduu falmisiisaa ture.

Henrik Hertiz dabalatee saayintistoonni biroo dhiibbaa Footoo Elektriikii irratti qorannoo taasisuuf carallaa ifaa xixiqqoo, cittuu warqee ifti irratti bahee fayyadamuun akka ofirraa wal ittisuu danda'u yaalan.

"wantootni dinqii ta'an jiru. Taateewwan ibsuuf nama rakkisan kan yeroo ifti elektriikii uumuun sammuu namootaa kan waan hiika hin qabnedha jedhanii ilaalan gara waan nama raajuti jijjiire" jedhan Koolleejjii Gatisbargi irraa Isteev Gimbe.

Wanti raajii ta'e ciminni ifaa anniisaa elektiroonii omishamu irratti dhiibbaa hin qabu. Garuu hammeentaa fi haalluun ifaa dhiibbaa qabu.

Kuni waan yaaduuf ulfaatudha. Ifa guddaa jechuun anniisaa guddaa jechuudha ture mitii? Garuu instaayin wana tokko hubate. Yoo ifti paartikiloota bittinnaa'an kan Fotoons jedhamanirraa uumamee fi wantota akka dambalii of keessaa qabaate anniisaan paartikiloota kanaa ibsuu danda'u.

Elektiroonota Gammadoo

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yeroo footooniin tokko Elektiroonii rukutu, Elektirooniin nigammada" jechuun ibsu Yunvarsiitii Yorkirraa Pool Devis. Kanaaf yoo footooniin anniisaa gahaa waliin walargate footoo elektiriikii uuma. Yeroo kana meeshaan suni elektiroonii irraa bilisa ta'a.

Gatiin anniisaa Footoonii gosa haalluu ifaa waliin hariiroo kallattii qaba. Footooniin haalluu Cuquliisaa qabu footoonota haalluu diimaa irra anniisaa guddaa qaba.

Hojiiwwan Instaayin gadi fagoodha. Keessumaa tiwooriin Rilativiitii. Miseensonni badhaasa Noobeelii tokko tokko badhaasicha kennuufuu shakkii keessa seenanii ture. Badhaasicha kennuufiif yeroo murteessanis hojiisaa dhiibbaa Footoo Elektriikiitiin ture.

Kuni filanno sirriidhaa kan jedhu saayintistoonni yeroo dheeraaf itti walfalmaa turan. Garuu dhiibbaa footoo elektriikii waliin walqabsiisuun teeknolojiiwwan addunyaan amma fayyadamtu hedduu kan irratti bu'uureffaman waan ta'eef akkaataa addunyaan itti hojjettu jijjiireera.

Too'attoonni sochii Alaarmii keessa jiran fakkeenyaaf carallaa ifaa gadhiisu. Yeroo carallaan kuni danqamu ifti seensaroonni fudhatan nijijjiirama. Kunimmoo kaarentiin elektriikii akka adda citu gochuun alaarmiin suni akka dhaabbatu godha.

Sararri xumura fiigichaa dorgommiiwwan olompiikiis yeroo atileetiin sarara sana cehe adda baasuuf footoo elektriikii fayyadamu. Teeknolojiin kuni dooniiwwan hurrii akka suufanii beekan, konkolaattonni roobni dhufuu akka beekanii meeshaan daawwitii konkolaataa irraa bishaan qulqulleessu ofumaan akka hojii jalqabu godha.

Meeshaan biraa dhiibbaa teknolojii footoo elektiroonikii mul'isu ammoo seensaroota kaameeraati. Kutaa kaameeraawwan dijitaalaa ifa waliin hariiroo cimaa qabanii fii suura kaasan.

Meeshaaleen kuni hundi teeknolojii CMOS kan Naasaan jalqaba bara 1990 keessa qorannoo hawaatiif ifoomse fayyadamu. Garuu teknolojiin kuni bilbila harkaa biliyoonaan lakkaa'umurratti hojiirra ooleera.

Ifa Ji'aa

Injinaroota Pirojektii kana keessatti hirmaatan keessaa tokko kan ta'e Erik Fosum, amma seensaroota fakkii kan hamma ifaa xiqqoon irratti miidhaa qabdu yookan Footoonii qeenxee irratti hojjeta.

Dursamee hojiirra kano oole laaboraatooriiwwan keessatti Footoononi kuni suura kaasuu digitaalaa keessatti warraaqsa guddaa uumeera jedha. Fakkeenyaaf laaboraatooriiwwan yaalaa keessatti meeshaan CT iskaaner fakkii qulqullina olaanaa qabu akka kennuu fi raadeeshinii akka hir'isuuf gargaara.

"Teeknolojii Kanaan amma dandeettii dukkana keessatti arguu danda'uurra geenyeerra" jedha Fosum.

Erga bara 1905 Instaayin tiyoorii dhiibbaa Footoo elektriikii kana barreessee wantoota dinqisiisoo hedduun teeknolojii kanana hojjetan uumamaniiru.

Wanti raajiin biraas ture. Bara 1960 keessa namootni jalqaba addeessarra qubatan kooriidara addeessaa irratti iafa addaa wayii argan. Ifa akka biiftuu lixaa jirtuu fakkaatu. Addeessi atomoosfera akka lafaa hin qabdu. Kanaaf carallaa ifaa atomoosfera keessa jirantu yeroo pilaaneetonni aksisii isaaniirra naanna'an ifa akka biiftuu bahuu fi lixa biiftuu uuma.

Ifti ji'aa kuni eessaa dhufa?

Ifti aduu irraa gadhiifamu qaama addeessarratti dhukkee gadhiisuun karaa footoo elektriikiitiin chaarjii elektriikii pozatiivii ta'e uuma.

Paartikiloonni dhukkee kunneen waldhiibuun qaama addeessaa irra naanna'u. yeroo kana godhan ifa biiftuu reefu lixaa jirtuu argachuun ifa ajaa'ibaa kana uumu.