Gammoojjii Sahaaraa: Suuraalee lolaa cimaa waggaa 50'f mudatee hin beekne saatalaayitiin agarsiisan

Madda suuraa, AP
Gammoojjii Sahaaraa kibba baha Morookoo keessatti argamuutti waggoota 50 oliif yeroo jalqabaatiif roobni cimaan roobee lolaan naannicha keessatti mul'achuu suuraaleen saatalaayitii agarsiisan.
Rooba cimaa walitti fufiinsaan guyyoota lamaaf roobe hordofee gammoojii keessatti bishaan guutuu eegale.
Gammoojjiin Sahaaraa biyyoota Kaaba, jidduugalaa fi Lixa Afriikaa keessa diriiree addunyaa kanarratti isa dheeraaf gammoojjii ho'aadha.
''Guyyaa muraasa keessatti roobni akkasii erga roobee baayyee tureera. Tarii waggoota 30 fi 50 dura roobeera ta'a'' jedhu Itti gaafatamaan Ejansii Meetirooloojii Morookoo, Hoosiin Yuwaabeebii, Asoosheeti Pireesiitti wayita dubbatanitti.

Madda suuraa, AP
Bahi Kibba Morookoo addunyaa kanarratti bakka baayyee ho'aa jedhaman keessaa tokko yoo ta'u, naannichatti roobni kan roobu tarii waggaatti yeroo tokko qofaa ta'uu danda'a.
Magaalaa guddoo Morookoo Raabaat irraa fageenya kiilomeetira 450 irratti kan argamtu Taafonaayiti sa'aatii 24 keessatti roobni miilii liitira 100 ta'u galmaa'eera.
Oggeessonni raaga haala qilleensaa rooba akkasiitiin extratropical storm jechuun waaman.
Qilleensichis qabbana baayyee yoo qabaatu, gara oliitti hurkuu eegala. ''Kun ammoo rooba hordofsiisuu danda'a'' jechuun ibse ejansiin raaga haala qilleensaa Morookoo.

Madda suuraa, AP
Dhaabbanni Qorannoo hawaa Ameerikaa -NASAn suuraaleen gadi dhiisee akka agarsiisaniitti, sababii rooba cimaatiin haroon magaaloota Zaagoolii fi Taataa jidduutti argamu guuteera.
Haroon kunis waggoota 50n darbaniif gogaa ture jedhameera.
Dhaabbanni raaga haala qilleensaa akka jedhetti, dhimmi roobaa addunyaa maratti jijjiramaa dhufeera.

Madda suuraa, Associate Press
''Sababa ho’i olka’aa adeemuutiin wal qabatee marsaan haayidirooloojii saffisaa dhufeera'' jechuun dubbatan barreessaan olaanaa WMO Celeste Saulo ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin.
Barreessituun kun ibsa kennaniin, haalli roobaa ''jijjiramaafi tilmaamuudhaaf kan cimu ta'aa dhufeera'' jedhan.
''Rakkoon amma nu mudataa jirus rooba baayyee ykn rooba baayyee gadaaanaa ta'aa dhufuudha'' jechuun ibsan.
Haalli roobaa cimaa dhufuunsaa haala jijjirama qilleensaa baayyee cimaa jedhamu agarsiisaa jira.
Saayintistoonni waggoota dhufan keessatti taateen wal fakkaatu gammoojjii Sahaaraa keessatti mudachuu akka danda'u himu.












