Waa'ee balaa ibiddaa Baale Bahaatti bosona hektaara 50 ol mancaase wanta beeknu

Madda suuraa, Naddii Ali Rashid
Bosonni balaan ibiddaa irratti qaqqabe mukkeenfi bineensota bosonaa garagaraa ofkeessatti kan qabatedha.
Balaan ibiddaa aanaa Raayituu ganda Harbucaa keessatti Dilbata ALI Fulbaana 11, 2018 ka'e bosonaafi bineensota bosonaarratti miidhaa qaqqabsiisuunsaa himame.
Hammi bosonaa balaa ibiddaa kanaan miidhame ammallee ogeeyyiidhaan qoratamaa akka jiru kan himan bulchaan aanaa Raayituu Obbo Muniir Muhaammad, tilmaama hanga ammaatiin lafti hektaara 50 ibiddaan manca'uu BBC'tti himaniiru.
Balaan ibiddaa kun aanichatti gaara Galbii iddoo addaa Wixiix jedhamutti ganama keessaa naannoo sa'aa 4:00 akka eegale kan hime jiraataan aanichaammoo, "Balaan kun maalirraa akka ka'e hanga ammaatti beekamuu baatus namoota gaagura ulan yookiin tamboo aarsan ta'uu danda'a jedhama" jedhan.
Aanaa Raayituutti Itti Gaafatamaa Waldaa Kunuunsa Bosonaa Gaara Dalloo miseensota 300 qabu kan ta'an Obbo Naddii Alii Rashid, "Guyyaa guyyaadhaan nutu keessa deemee to'ata. Eegumsa akka godhaniif namoota 10 erga erginee booda isaan achi osoo hingahin balaan kun qaqqabe" jedhan.
Bosonni kun bineensota bosonaa akka Gadamsa Gaaraa, Qeerransafi Leenca dabalatee mukkeen gosoota garagaraa kan akka ejersaa, birbirsa, odaa, qaxaaxichafi qilxuu kan ofkeessatti qabate akka ta'e himameera.
Ka'umsa ibiddaafi tumsa dhaamsuuf taasifame
Balaan ibiddaa bosona aanaa Raayituu kanarratti yeroo qaqqabu kuni isa jalqabaa akka hintaane kan himan bulchaan aanichaa, sababni balaa isa kanaa adda akka hinbaane himan.
Haala qilleensaan walqabatee yeroo ammaa naannichatti bonni kanjiru ta'uusaatiin, balaan ibiddaa kun gogiinsarraa madduu danda'a jedhamee akka tilmaamamus dubbatan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Ka'umsi balaa ibiddaa kanaa ammatti wanti beekame hinjiru. Wanti qabatamaan gama namaatiin haa ta'uu gama biraatiin irra gahe jedhamee wanti qulqulluun odeeffannoon argame hinjiru" jedhan.
Gama biraatiin sababa balaa ibiddaa kanaan re'oonni 75 fi loon 10 eessa buuteensaanii akka dhabame jiraataan aanichaa BBC'tti kan himan yemmuu ta'u, bulchaan aanichaa garuu miidhaan beelladarra qaqqabe akka hinjirre dubbatan.
"Naannoo sanatti beelladni dhabame hinjiru, miidhaan namarra gahes hinjiru. Mancaatiidhuma bosonaafi bineensa bosonaarratti qaqqabe malee wanni namaafi beelladarratti qaqqabe tokkollee hinjiru" jedhan Obbo Muniir Muhaammad.
Gama biraatiin ibidda bosona Gaara Wixiix mudatee ture qaamolee nageenyaafi hawaasni naannoo dhaamsuuf yaalii taasisaa turanis ibiddichi humna namaatii ol akka ture jiraataan aanichaa himaniiru.
Guyyoota lamaaf erga turee boodas guyyaa Kibxataa qileerratti ofiif dhaamuusaa himaniiru.
Bulchaa aanaa Raayituu Obbo Muniir Muhaammad gama isaaniitiin "Tumsa akka mootummaatti akkasumas hawaasni bal'aanfi qaamni nageenyaa taasiseen (Wiixata) dhaabbachuu danda'eera" jedhan.















