Taayyee Danda'aa dhimma kaateenaan walqabatee mana murtiitti osoo hin dhiyaatiin hafe

Madda suuraa, Feesbuukii Obbo Taayyee Danda'aa
Deetaan Ministeera Nagaa duraanii Obbo Taayyee Danda'aa dhimma kaateenaa (cancalaan) walaqabatee dhaddacharratti osoo hin argaman hafan.
Angawaan duraanii kun himatawwan haaraa sadeen irratti banaman ilaalchisee Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataatti har'atti beellamamanii turan.
Manni Murtichaa himata Abbaa Alangaa fi mormii himataa Obbo Taayyeen dhiyeeffatan qoratee jalamurtii laachuuf ture har'atti kan beellame.
Haa ta'u malee abukaatoonsaanii dhaddacharratti argamanis Obbo Taayyeen garuu hin argamne.
Dhimma kana ilaalchisee dhaddachaaf deebii kan laatan poolisoonni mana sirreessaa Abbaa Saamu'eel jedhamuun beekamuu, Obbo Taayyeen 'kaateenaa (cancala) harkaa godhachuu diduu' isaaniitiin mana murtiitti akka isaan hindhiyeessine himaniiru.
Obbo Taayyeen kanaan dura sababa alarjii qabaniin kaateenaa (cancala) harkatti godhachuu akka hinbarbaanne dhaddacharratti kaasanii turan.
Manni murtichaa gama isaatiin poolisoonni mana sirreessaa 'sababa xixiqqoon' himatamaa dhaddachatti dhiyeessuu dhabuunsaanii sirrii akka hintaane himuun boru ALI Mudde 23, 2018'tti akka dhiyaatanfi jalamurtii laachuuf beellama qabateera.
Himatawwan haaraa sadeen
Aangoorraa kaafamanii erga hidhamanii booda himatawwan sadi kan irratti baname Obbo Taayyeen, himata lamaan bilisa jedhamanii isa tokkoon immoo hidhaan cimaa waggaa 7fi ji'a lama akkasumas birriin 5,000 irratti murtaa'uunsaa ni yaadatama.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ji'a tokko durammoo gaaffii fi deebii toora miidiyaa hawaasummaa 'Horn Conversation' jedhamu waliin taasisan ka'umsa gochuun himatawwan haaraa sadi irratti banamuunsaa ni yaadatama.
Abukaatoo himatamaa kan ta'an Abarraa Nigus, himatawwan haaraa sadeen keessaa inni jalqabaa himata Obbo Taayyeen kanaan dura bilisa ittiin jedhaman keessaa isa tokko waliin akka walfakkaatu eeruun, himanni kunis Seera Yakkaa bara 1996 bahe keewwata 257 kan ilaallatu akka ta'e gaaffii fi deebii kanaan dura BBC waliin taasisaniin himanii ture.
Himanni jalqabaa "Humnootii biroo waliin waloomuun hookkara kaasuun mootummaa filame humnaan diiguu kan jedhudha" jedhan.
Himanni inni lammaffaan immoo Raayyaa Ittisaa ilaalchisee odeeffannoo sobaafi dogongorsiisaa ta'e dubbataniiru kan jedhudha.
Himanni kun 'Haleellaa Izzii Kaabaa (Raayyaa Ittisaa) irratti raawwatameefi dhimmoota biroo ilaalchisee odeeffannoo dogongorsiisaafi soba ta'e kennaniiru.
Kunis miidiyaa hawaasaa 'Horn Conversation' jedhamuun tamsa'e kan jedhu akka ta'e Obbo Abarraan himanii ture.
"Himanni sadaffaan immoo gaafif deebii 'Horn Conversation' waliin taasisan fi kutaalee sadiin tamsa'erratti sirna seeraan hundaa'erratti duula gochuun yakka mootummaa biyyattii sarbuu kan jedhudha" jedhan.
Himanni Obbo Taayyeerratti saaqame inni lammaffaan Seera Yakkaa bara 1996 bahe keewwata 337 kan ilaallatu yemmuu ta'u, himanni sadaffaan immoo keewwata 244 kan ilaallatu akka ta'es dubbachuunsaanii ni yaadatama.















