Baha Giddu Galaatti muddamni hammaannan US doonii waraanaa garas ergite

Baha Giddu Galeessatti muddamni dabalaa dhufuu hordofee Ameerikaan doonii waraanaa garasitti ergite.

Akkasumas Ministiirri Ittisaa Ameerikaa Liyood Ostiin, dooniin xayyaara waraanaa naannicha akka qaqqabu ibsan.

Tarkaanfiin kunis dhiheenya kana qondaanltoonni olaanoon Hamaasii fi Hezboollaa ajjeeffamuu hordofee naannichatti walitti bu'insi cimaan yoo umameef deebii kennuufidhaaf.

Ameerikaan haleellaa Iraan kamiyyuu irraa Israa'el ittisuuf gargaaruuf kutannoo qabaachuu ishee agarsiisa kan jedhan Aab Ostiin, Ameerikaan michuushee ittisuuf ''tarkaanfii danda'amu hunda akka fudhattu'' dubbatan.

Iraan ajjeechaa dursaa olaanaa siyaasa Hamaas, Ismaa'el Haaniiyaa kan Adooleessa 31, 2024 irratti Teehiraan keessatti raawwatameef yoomiifi attamiin tarkaanfii haaloo bahuu akka fudhattuu eegamaa jirti.

Ajjeechaa Haniiyaatiif Iraan Israa'el itti gaafatamtuu taasifte. Israa'el ajjeechaa qondaala kanaa duuba jiraachuun baayyeen amanamulleen, isheen garuu dhimmicharratti omaa hin jenne.

Ameerikaan doonii waraanaa USS Jooriyaa jedhamu gara sanatti erguushee ibsa Peentaagan Dilbata baaseen beeksiise.

Akkasumas Aab Ostiin doonii waraanaa baattuu jettiiwwan waraanaa F-31C, USS Abraham Lincoln jedhamuun beekamtus akka gara Baha Jidduugalaatti imala eegaltuuf ajajun barameera.

Dooniin kun doonii Ameerikaa kan duraan naannicha keessa jirtu bakka buusuuf duraanuu karaa eegaltee turte.

Iraan maal karoorsaa akka jirtu ammatti ifa miti ykn wanti beekamu hin jiru.

Gama biraatiin ammoo garee Hezboollaa milishaa fi sochii siyaasaa Libaanos keessatti kan Iraaniin deeggaramuu irraa haleellaan biraa Israa’el irratti aga'amamuu danda’a.

Gareen kunis ajjeechaa Israa’el ajajaa olaanaa Hamaas, Fu'aad Shukrii irratti ajjeechaa Haaniyeeh kan qarqara kaaba Beeruutti raawwatmeen sa’aatii muraasa dura raawwatameef deebii akka kennu dhaadateera.

Kaataariitti Yunivarsitii Joorji Taawoon keessa kan barsiisan Pirofesarri Marihaan Kaamaaraavaan akka jedhaniitti, Ameerikaan ifatti doonii waraanaa gara sanatti erguunshee, kan ''Iraaniifi Hezboollaa sodaachiisuurratti'' xiyyeeffateedha.

''Iraan waan ta'e karoorsaa jirti. Haleellaa raawwachuunshee kan hin olleedha'' jedhan.

Gara Baha Jiddu galaatti balaliinsiwwan imaltootaa hedduun haqamaniiru. Daandiin Qilleensaa Jarmanii Lufthansa Wiixata kaleessaa balalii gara Teel Aviiv Israa’el, magaalaa guddoo Libaanos Beerut, magaalaa guddoo Joordaan Ammaan, Iraaq Erbil fi magaalaa guddoo Iraan Teehraanitti taasisuu hanga Hagayya 21tti ''xiinxala nageenyaa amma qabu irratti hundaa'uun'' addaan kutuu isaa ibseera.

Akkasumas Daandiin qilleensa Siwiizarlaand karoorsaa gara Teel Aviiv fi Beerut imaluuf qabatee ture yeroo walfakkaatutti haqee jira.

Gama biraatiin ammoo, Air France balaliinsa isaa gara Beerutitti Adooleessa 29 jalqabe - hanga Roobiitti dheeressuu AFP gabaase.

Daandiiwwan qilleensaa gara biroo, AirBaltic fi EasyJet dabalatee, kanaan dura balaliinsa gara naannichaatti taasisan dhaabuu isaanii ibsaniiru.