Badhaafamaa Noobeeliitti hidhaan waggaa 10 murame

Madda suuraa, EPA
Manni-murtii Belaaruus nama Badhaasa Noobeelii argate Alees Biyaaliyaaskin hidhaa waggaa 10 itti murteesse.
Gochawwan nagaa uummataa booressan keessatti maallaqa daddabarsuufi deeggarsa gochuu isaatiin yakkamaa akka ta'e dhaabbanni Viyaasiinaa jedhamu mirga namaaf falmu beeksiseera.
Deeggartoonni nama Badhaasa Noobeelii mo'ate kanaa gama isaaniitiin gaggeessaan Belaaruus hacuuccaan beekamu Aleksaandar Lukaasheenkoon yaalii isa callisiisuuf godhu jechuun qeeqan.
Alees Biyaaliyaasikiin namoota bara 2022 Badhaasa Noobeelii argatan sadii keessaa tokkodha.
Filannoo falmisiisaa Belaarus keessatti gaggeeffame waliin dha'ameera jechuun namoonni baayyeen addabaabaayiitti ba'anii mormii dhageessisuu hordofeeti Alees waggoota lama dura kan hidhame.
Sochiiwwan mormii deeggaruudhaaf maallaqa gara Belaarusitti erga kan jedhuun ture kan himatame rogeessi beekamaa kun.
Namoota bu'a filannoo bara 2020 mormuun hiriira bahan irratti poolisiin tarkaanfii gara-jabinaa kan fudhate yoo ta'u, namoonni pirezidaanticha qeeqan baayyeenis hidhamaniiru.
Alees falmitoota mirga namoomaa lama Vaalentiin Istefaanooviichi fi Vilaadmiir Laabikooviich waliin mana-murtiitti kan dhiyaate.
Istevaanooviich hidhaan hidhaan waggaa sagalii kan itti murtaa'e yoo ta'u, Labikooviich ammoo hidhaa waggaa torbaan akka adabame dhaabbanni mirga namoomaaf falmu Viyaasiinaa jedha kan Alees bara 1996 hundeesse beeksise.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Namoonni kunneen sadan balleessaa hin qabnu jechuun yaada isaanii mana-murtiif kennaniiru.
Haati-warraa Alees dhaddachichi," falmitoota mirga namoomaafi hojiiwwan isaanii kan falleessedha," akkasumas murtiin kun "gara-jabinaan kan raawwatame," jechuun yaadashee kenniteetti.
Erga hidhame kaasee abbaan warraashee mana-hidhaa taa'ee xalayaa barreesse eeruun, "yeroo hunda nagaa akka ta'e, wanti hundinuu gaarii akka ta'e dubbata. Waa'ee fayyaasaas hin gungumu. Akka ani hin gaddine gochuuf yaala," jetteetti.
Dubbi-himaan Viyaas, Kostiyaa Istaardubeetis gama isaaniitiin murteen falmitoota mirgoota namoomaa sadan irratti darbe "kan laphee nama cabsudha," jedhan.
Dhaabbata Noorway badhaasa Noobeelii kennutti walitti-qabduun Koree Noobeelii Beeriit Riis-handarsan gamasheetiin, murtiin Alees irratti murtaa'e gaddisiisaadha, akkasuma himannichis siyaasa jechuun qeeqan.
Alees Belaarus keessatti falmaa mirga namoomaa angafadha.
Bara 1996 irraa kaasee hanga har'aatti Belaarusiin bulchaa kan jiran Pirezidant Lukaashenkoo namoota morman irratti tarkaanfii gara-jabeenyaa fudhatamu hordofeeti dhaabbata mirga namaaf falmu kanas kan hundeesse.
Bara 2011 keessa ammoo yakka gibira waliin dha'uutiin himatamee waggaa sadiif hidhamee ture Alees.












