Namoonni 49 gareen dogongoraan nama ajjeesan duutii itti murtaa'e

Dijaamel Ben Ismaa'el abidda dhaamsuu dhaqee ajjeeffame

Madda suuraa, FLORENCE DIXON

Manni Murtii Aljeeriyaa namoota gareedhaan ta'uun dogongoraan nama balleessaa hin qabne ajjeesan 49'tti murtee du’aa murteesse.

Namni ajjeefame dogogoraan balaa ibidda hamaa biyyattiitti bara darbe mudate situ qabsiise jedhchuun gareen ajjeessanii ture.

Seerri biyyattii addabbii du’aa waan dhorkuuf tarii gara hidhaa umurii guutuutti xiqqaata jedhamera.

Bara 2021 keessa Aljeeriyaatti takkaa bifa mudatee hin beekneen balaan i ibiddaa ka’e ture.

Balaan bakka adda addaatti ka’e kunis lubbuu namoota 90 galaafateera.

Namni ajjeefame Dijaamel Ben Ismaa’il jedhamu balaa abiddaa kana dhaamsuuf fageenya guddaa imalee deeme.

Bara darbe ji’a Hagayyaa keessa yeroo balaan abiddaa ka’u ga’eessi ganna 38 fuula Tiwiiterii isaa irratti fageenya km 320 imaluun balaa kana dhaamsuu gargaaruuf akka jedhu maxxanse.

Balaan kun kan mudate Baha Aljeeriyaa Kabiilii naannoo jedhamutti yoo tahu, ''hiriyyoota keenyaaf harka hiixachuun’’ balaa kana dhaamsuu qabna jedhe.

Booda yeroo achi gahu jiraattotni naannichaa sobaan abiddicha situ qabsiise jedhan.

Hagayya 11, 2021 viidiyoon yeroo haleellaan Ismaa’il irra gahu agarsiisu qoodamuu jalqabe.

Uummanni waliitti bahuun erga dararanii ajjeesanii abiddaan isa gubanii reeffa isaa gara adabaabaayii magaala naannoo isaaniitti geessan. Viidiyoon kun akka biyyattiitti dheekkamsa guddaa kaase.

Obboleessi Been Ismaa’il fayyadamtoota miidiyaa hawaasaa viidiyoo kana akka haqaniif gaafate.

Haati isaanii ammayyuu akkamitti akka ilmishee ajjeefamee hin beektu jedhe.

Abbaan isaa Nuuraddiin Been Ismaa’il ‘’akka malee rifachuu’’ himan.

Ilmoo obboloota isaa naannoo Kabiilee naannoo baay’ee jaalatu gargaaruu bahe.

Isaan garuu jiraatti isa guban,’’ jedhan.

AFP akka gabaasetti abbaan gurbaa ajjeefamee kanaa uummanni akka tasgabbaa’uu fi ‘’obbolummaan’’ akka eegamu waamicha gochuu isaaniin hedduu galateffatamaniiru.

Manni Murtii namoota biroo 28 tahan hidhaa waggaa lamaa hanga kudhaniitti adabeera.