Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Taateen UKtti namoonni sagal ableen waraanaman akkamitti mudate?
Sanbata galgala baabura gara Landanitti imalu irratti namoonni sagal waraanamuun madaa'uu fi poolisiin Biriteen shakkamtoota taatee kanaan hidhata qabu jedhamee amanamu lama to'annaa jala oolchuu ibseera.
Akka ibsa Poolisiitti "Namoonni kudhan baabura Kaambiriijiishaayer keessa turan bakka heddu irra deeddeebin waraanamuu isaanii hordofee gara hospitaalaatti geeffamaniiru. Isaan keessaa sagal miidhaan lubbuu isaanii balaa irra buusu danda'u irratti raawatameera.
Poolisiin kutaa farra shororkeessummaas qorannoo gargaaraa taasisaa akka jiran ibseera.
Konkolaattonni poolisii fi ambulaansii naannawa buufata baaburaa baha magaalaa baadiyyaa Huntingdon Cambridgeshiretti argamutti dhaabataniiru. Haleellaa raawwatame hordofee, erga akeekkachiisni kennameen boodadha baaburichi kan achitti dhaabate.
Kaambiriijiishaayer naannawa kaaba Landanitti gara kiiloo meetira 80 fagaattee argamti.
Poolisiin, baaburri kun kaaba baha biyyattii Donkaaster irraa gara buufata Kiingis Kiroos jedhamu Landanitti argamutti deemaa akka ture mirkaneessera.
"Yaadni koo namoota miidha kanaan miidhaman hunda waliin jira. Namoota balaa tasaa kanaaf deebii kennaa jirtan galateeffachuun barbaada. Namni naannoo sana jiru kamiyyuu gorsa poolisii hordofuu qaba," jedhan Ministeerri muummee UK Keyir Istarmer.
Kun haleellaa guutummaatti suukaneessaa ta'eedha jedhan.
Tajaajilli Ambulaansii Baha Ingilaandi ambulaansii, helikooptarootaa fi hojjettoota baraarsaa dabalatee buufata Huntingdon irratti hojii baraarsaa irratti hojjatan heddu bobbaasuu isaa ibseera.
Hogganaan Poolisii Geejjibaa Biriteen Inispeektar Kiriis Keesiin gocha kana ''balaafamaa'' jechuun ibsuun, kaka'umsi haleelllaa kana maal akka ta'e tilmaamu akka hin dandeenye himaniiru.
Itti dabaluunis, "Waan ta'e baruuf qorannoo hatattamaa gaggeessaa jirra, waan dabalataa mirkaneessuun tarii yeroo fudhachuu mala" jedhan.
Poolisiin shakkamtootni lama to'atamuu malee hanga ammaatti eenyummaa shakkamtoota lamaan sanaa hin ibsine. Tajaajilli baaburaa naannoo sanatti addaan citee akka jiru, daandiiwwan hedduun ammallee cufamanii jiru.
Yeroo taatee kuni raawwtamu baabura keessa kan ture fi ijaan kan arge Olli Foster, yeroo namoonni dhiigni keessa dhangal'a turee fi gargaarsa gaafatan, imaltoonni ''haala sodaa guddaa keessa turan'' jedhan.
Foster BBC waliin kan dubbate yoo ta'u, namni tokko nama haleellaa raawwate sana shamarree tokko akka hin waraanne "dhorkuuf" yeroo wal'aansoo qaban kan arge yoo ta'u, kunis namichi mataa fi morma isaa irratti madaa'uu hubachuu hime.
Biriteen fi Weels keessatti yakki nama waraanuu walfakkaataan bara 2011 irraa eegalee haalaan dabalaa dhufeera jedha ragaan mootummaa biyyattii.
Biriteen addunyaa irratti to'annoo qawwee cimaa ta'e qabaattus yakka waraansaa meeshaalee qara qabaniin raawwatamuun ni muldjhata.
Istarmer yakki meeshaa qara qabuun raawwatamu dabaluu isaa ''rakkina biyyaalessaa'' jechuun kan ibsan yoo ta'u, Waajjirri Biyya Keessaa tibbana akka jedhetti, meeshaaleen waraanaa qara qaban gara 60,000 ta'an Ingilaandii fi Weelsi keessatti ''daddabarfamaniiru'' jedhe.
Biyyattiitti meeshaa qara qabu qabatanii ummata keessa deemuun hidhaa hanga waggaa afuriitti kana nama adabsiisu danda'u yoo ta'u, mootummaan bara darbe ajjeechaa meeshaa qara qabuun waraanuun raawwatame %18 hir'achuu isaa gabaaseera.