Imala Dr. Margituu Dabalaa - Fakkeenya kaayyoo ofiitti cichuun milkaa'uu

Dr. Margituu Dabalaa

Madda suuraa, Dr. Margituu Dabalaa

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Dr. Magartuun afaan Faransaay dabalatee afaanota shan dubbachuu dandeessi. Afaan Geedi'ootiin haadhashee waliin icciitii haasa'u. Maatiisheef nama hangafaati.

Bu'aan qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa kan yunivarsiitii ishee galchu hin turre. Kanaafis kaadhimaansheef maatiin akkasheen bultoo ijaarrattu barbaadu ture.

Isheen garuu dubartiin jabaattee of dandeessee jiraachuu qabdi jettee waan amantuuf heeruma diddee manaa baddee firasaanii bira deemte.

Achi teessees barsiisummaa leenji'uuf dorgomte. Milkaa'eefii gosa barnoota Ji'ogiraafiitiin leenjitee baate.

Barsiistuu, hoggantuus taatee hojjetteetti. Biyya keessaaf biyya alaatti barattee milkoofteetti.

Amma barsiistuu yunivarsiitii, qorattuu, gorsituu, akkasumas dhaabata tola-ooltummaa hundeessuun dubartootaaf dargaggoota deeggaraa jirti.

Bu'aa bayii jireenyaa keessa dabartee fi milkaa'inashee akkasumas hojii dubartoota deeggaruuf hojjechaa jirtu irratti BBC waliin turtii taasisteetti.

Kaadhimaashee jalaa baddee barnootashee itti fufte…

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dr. Margituu Dabalaa Badhaadhaa jedhamti. Lixa Oromiyaa Horroo Guduruu Wallaggatti ganda Abuunaa jedhamutti dhalatte.

Abbaanshee barsiisaa waan turaniif naannoo Kibba Itoophiyaa gara Sidaamaatti guddatani. Barnootashee sadarkaa tokkoffaas achumatti hordofte. Boodarra maatiishee waliin gara lafa dhalootaatti deebite.

Margituun (PhD) maatiisheef mucaa hangafaa turte. "Abbaan kiyya ijoollummaan na godhatani." Abbaanshee otoo kutaa 8ffaa baratanii harmeeshee waliin bultoo akka ijaarratan kan dubbattu barsiistuuf qorattuun kun, isheen otoo abbaanshee kutaa 9ffaa baratanii dhalatte.

Dr. Margituun Kibba Itoophiyaa, Geedi'oo gara Yirgaa Caffeetti sadarkaa tokkoffaa baratte. Ergaa maatiinshee gara biyyaatti deebi'anii ammoo sadarkaa lammaffaa fi qophaa'ina magaalaa Shaambuu fi magaalaa Fincaa'aatti goolabde.

Qabxiin kutaa 12ffaa kan yeroo sana yunivarsiitii ishee seensisu waan hin turreef kolleejjii barsiisota Adaamaarraa gosa barnoota Ji'ogiraafiitiin dippiloomaadhaan eebbifamte.

Kaadhimaan Margituu (PhD) mana barumsaa isaaniitti barsiisaa ture. Akkuma isheen kutaa 12ffaa xumurteen bultoo akka dhaabbatan barbaada ture. Maatiinshees akkasheen heerumtee bultoo ijaarrattuuf yaada qabaatanis, "maatiikoo jalaa badeen Jimma fira bira deemee TTC [Leenjii kolleejjii barsiisotaa] sana dorgomee argadhe.

Gaafan barumsakoo [Adaamaadhaa] xumuree dhufummoo gaa'ila godhanne" jechuun akkaataa barnootasheef dursa kennite yaadachiisti.

Barsiistuu Ji'ogiraafii ta'uun magaalaa Shaambuutti ramadamte. Barattoota sadarkaa tokkoffaaf lammaffaa barsiisaa turte. Dubartiin barachuutti amantu kun ganna ganna ammoo Yunivarsiitii Jimmaatti deddeebi'uun digiriishee argatte.

Digiriishee lammaffaa ammoo Public Administration dhaan Yunivarsiitii Wallaggaatti baratte. Digirii sadaffaa, PhD ishee ammoo Pan Africa University kan Kaameruunitti argamu irraa Governance and Regional Integration [Bulchiinsaaf walitti hidhaminsa naannootiin] goolabde. PhD yeroo barattu Gender and peace [Koorniyaa fi nageenyaa ijaaruu] irratti qorannoo kan taasiste Dr. Margituun, hojiilee ergasii dubartootaaf dargaggoota aangomsuuf taasisaa jirtuuf bu'uura ta'uu ibsiti.

"Ijoollee ciccimoo afurin qaba. Ijoolleen lama yunivarsiitii seenaniiru. Mucaankoo inni hangafaa bara dhufu Software Engineering dhaan eebbifama. Isheen dhumaa kutaa 3 jirti" jechuun waa'ee ilmaansaanii dubbatti, Dr. Margituun.

'Yoon isa tokko dursee qu'achiise inni hafe natti dallana. Otoon isa tokko qo'achiisuu inni tokko na jalaa rafa. Yeros dhiphina akkasii keessan dabarse'

"Yeroon barnootakoo digrii lammaffaa jalqabu abbaan manaakoo barnootasaa PhD'tiif Chaayinaa deeme. [Yeroo sana] itti gaafatamtuu itti aantuu M/B Qophaa'ina Naqamteen ture. Manni barumsichaa yeroo sana sagantaa sadii qaba ture. Guyyaa shiiftii lamaan barsiisna.

Sagantaa galgalaas qabna ture. Sana hundumaa nan hoggana. Inni [abbaan manaa] hin jiru, ani ijoollee xixiqqoo sadiin manaa qaba. Yeroo baay'ee ulfaataan hojiif barnoota kootiin walqabatee dabarse yeroo sanadha" jechuun dubbatti Dr. Margituun.

"Mana barumsaa hogganuutu narra jiraata, ijoolleekoo sirnaan gudiisuutu narra jiraata. Keessumaa kanan hin irraanfanne galgala hanga sa'aatii lamaatti barsiisnee yeroon galu ijoolleekoo [qayyabachiisuun] narra jira waan ta'eef dabareedhaan na eegu turani.

Yoon isa tokko dursee qu'achiise inni tokko natti dallana. Otoon isa tokko qo'achiisuu inni tokko na jalaa rafa.

Dr. Margituu Dabalaa

Madda suuraa, Dr. Margituu Dabalaa

Yeros dhiphina akkasii keessan dabarse. Anis dubbisuun narra jiraata; hirmaannaan hawaasummaallee akkasuma ni jiraata. Kana hunda wal simsiisanii deemuun ulfaataa ture" jechuun haala ulfaataa dabarsite yaadachiisti qorattuuf barsiistuun kun.

Haaluma kana keessatti itti aantuu kominikeeshinii magaalaa Naqamtee ta'uun muudamte. Sun haala mana barumsaa keessa turerraa fagoo ta'uu kan dubbattu Dr. Margituun, innis yeroo ulfaataa ta'uu kaasti.

"Hoggansi yeroo sanaa ofkennuu barbaada. Galgalallee turtee hojjechuutu sirra jiraata. Walgahiin, hojiin gara garaa baay'eedha. Haala sana keessa darbeen digriikoo lammaffaatiin eebbifame" jechuun itti gaafatamummaa hojii, maatii fi barnootaa keessa akkamiin akka dabarte ibsiti.

'Akka Itoophiyaatti ana qofatu deeme'

Akkuma barnoota Maastarsiishee xumurteen itti gaafatamtuu waajira barnoota magaalaa Naqamtee ta'uun muudamtee yeroo muraasa hojjechuu kan yaadachiistu Dr. Margituun, boodarra jijjiirraadhaan gara Yunivarsiitii Wallaggaa galuu himti. Yunivarsiitichattis itti gaafatamtuu dhimma koorniyaa ta'uun hogganaa turte.

Bara hoggansashees hojiiwwan gaggaarii hojjetteen yunivarsiitichi beekmatii argachuu dubbatti dubartiin kun.

"Digirii sadaffaa ofumakoon barbaadee argadhe. Yunivarsiitii sana galuudhaaf akka Afrikaatti dorgomta. Akka Itoophiyaatti ana qofatu deeme.

Baran deeme yeroo nageenyiif tasgabbiin [biyya keenya] hin turedha [waan ta'eef] baay'ee dhiphisaa ture.

Abbaan manaakoo deebi'ee dhufee ijoollee qabatee mana ture. Keessumaa mucaakoo ishee xiqqoo dhiiseen deeme. Maatii, ijoollee yaaduunis yaada biraadha," jechuun miira yeroo barnoota PhD'f biyya hambaa deemte ture himti.

Yeroo Yunivarsiitii Wallaggaa turtetti hojiin koorniyaa irratti hojjetamee ture kallattii gara garaan sadarkaa bu'uuraarra akka tures kaasti.

Hubannaan, caasaan, hoggansi, akkasumas hojiitti jijjiiruun sadarkaa gadaanaarra turuu kan himan Dr. Margituun, "amma hojii kana bal'inaan hojjechaa jira. Inni nuti hojjechaa jirru siistamadha.

Akka biyyaattidha hojjetamaa kan jiru. Dubartoota qofarratti otoo hin taane hoggansis akkanni hubatee, karoorsee hojjechuu danda'utti kan hojjetamaa jiru. Sagantaan Public Leadership for Gender Equality- PL4GE jedhamu akka biyyaatti bekamee leenjii leenjistootaa itti fudhannee, amma ittiin leenjisaa jirra. Akka biyyaatti nama 16'tu leenji'e.

Kun sadarkaa ministeerotaarraa eegala. Hoggansarratti amma hojjechaa kan jirru. Dubartoota aangessuu, hojii uummachuu irratti hojii bal'aa hojjechaa jirra.

Dr. Margituu Dabalaa

Madda suuraa, Dr. Margituu Dabalaa

'Maqaballeessiin xiinsammuu dubartootaa cabsa; akkasaan dhaabatan taasisa'

Sochiin, guddinni, jijjiiramni yeroo jiru dhiibbaan dubartootarra gahus karaa gara garaa bifa jijjiirrachuun akka itti fufu ibsu qorattuufi leenjistuun dhimma koorniyaaf nageenyaa kun.

Teeknoolojiin amma jiru gaarummaas yarummaas qaba. Sirni ittiin teeknoolojiin kun hogganamu ni barbaachisa jedheen yaada" jechuun gorsiti qorattuun nageenyaaf koorniyaa kun.

Rakkoon guddina teeknoolojiin walqabatee dubartoota irratti dhufu kan akka maqa balleessii sirni hogganu jiraachuun barbaachisaadha.

Keessumaa maqaballeessiin xiinsammuu dubartootaa cabsa; akkasaan dhaabatan taasisa" waan ta'eef hawaasniif mootummaan akkasumas dubartoonni waan isaaniirraa eegamu bahachuu akka qaban himtii qorattuun kun.

Dr. Margituun yeroo ammaa Ethiopian Public Serve University'tti barsiistuuf qorattuudha. Yunivarsiitiilee biroo irraas barattoota barsiistuuf gorsitu qabdi. Dhuunfaadhaanis tajaajila gorsaa ni kenniti. Dhaabbilee gara garaa waliinis tajaajila gorsaa ni laatti.

"Qorannoo gara garaa ni geggeessina. Pirojeektii madaaluu [evaluate] gochuu irratti ni hojjenna.

Leenjii bal'inaan nageenya ijaaruu fi koorniyaa akkasumas geggeessummaa irratti nan kenna. Keessumaa tajaajilli gorsaakoo sun biyyattii keessa deemee hawaasa bal'aa waliin akkan hojii bal'aa hojjedhu, muuxannoo akkan argadhu carraa naa kenneera.

Hojiin baay'ee itti gammadus kanadha. Baadiyyaa keessa deemtee dhoqqeedhaan, aduudhaan yeroo hojjettu baay'ee kan sitti tolu, sammuukeetti kan tolu. Sun baay'ee na boonsa" jechuun hojii hawaasa waliin hojjechaa jirtu ibsiti.

Sababa hojiisheetiin carraa hawaasa waliin gadi buutee hojjechuu kan argatte dubartiin kun rakkoo hawaas-dinagdee bal'aa akka argite himti.

Sanaaf ammoo dhaabbata tola-oltummaa SICRDO (Seenaaf Integrated Community Rehabilitation and Development Organization) jedhamu hundeessuun dubartootaaf dargaggoota irratti hojjechaa akka jiran ibsiti Dr. Margituun.

"Dhaabbata sanaan hawaasa keenya bifa gara garaatiin gargaaraa jirra. SICRDO-dhaan ijoollee maatii hin qabne, ijoollee harka qalleeyyii, akkasumas qaama miidhamoo ta'an barnootasaanii akka itti fufuu danda'aniif meeshaalee barnootaa deeggarreerra.

Haalli jireenya maatii ijoollee sanaallee akkan waan nama gaddisiisuuf, kan maatii hin qabnellee waan jiraniif, keessumaa rakkoo nageenyaa waliin walqabatee rakkoo isaan mudate adda baasnee jiruuf-jireenya isaaniirratti hojjechaa jirra" jechuun waa'ee hojii tola ooltummaa isaanii ibsiti hundeessituuf hoggantuun dhaabbatichaa.

Nageenyaaf-dubartoota: 'Dubartoonni manasanii kaasanii akka biyyatti nageenya keessatti gumaacha guddaa qabu'

"Nageenyiif dubartoonni akka fuula gara garaa saantima tokkooti. Uumamumaan dubartoonniif nageenyi hariiroo guddaa qabu.

Qorannoon PhD'koo illee kanumarratti kan xiyyeeffatu: 'The role of women in peace building from below' kan jedhu ture. Sochii fi hirmaannaa dubartoonni" nageenyarratti qaban irratti kan xiyyeeffatedha jechuun waa'ee qorannooshee dubbatti.

"Akka utubaa guddaatti kanan arge dubartoonni nageenya ijaaruu irratti gahee hammana hin jedhamne qabu. Yeroo ilaaltu garuu [qaama furmaataa ta'anii] kanarratti hojjechuurratti ammoo fuulduratti akka dhufaniif haalli mijataa fi deggarsi hin mul'atu" jechuun ibsu.

Kanaaf, dubartoonni gahee nageenya ijaaruu fi itichuu keessatti qaban yoo sirnaan bahatan hawaasni bal'aan fayyadamaa akka ta'u ibsu.

"Dubartoonni manasanii kaasanii akka biyyatti nageenya keessatti gumaacha guddaa qabu" kan jedhan qorattuun nageenyaaf koorniyaa kun, hojii guddaan dubartoonni nageenya tiksuuf taasisanis muraasa qofti akka gabaafamu ibsu.